Dr Ilias Abdella

Dr Ilias Abdella Haakima Fayyaa & Barreessaa Kitaaba "Ija Banaa, Seenaa Mul'is Gadaa fi Biiflee." Fayyaan farda collee ; ta namaan guluftuu!
(6)

Dubartiin tokko marsaan laguu ishee (peereediin) ishee itti dhufee guyyaa meeqa gidduutti ulfoofti?•••••••••••••••••••••...
29/05/2026

Dubartiin tokko marsaan laguu ishee (peereediin) ishee itti dhufee guyyaa meeqa gidduutti ulfoofti?
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Mala riitimii/kalandariii ji’aa Tooftaan kun tooftaa bara durii kaasee namoonni hedduun fayyadamaa turanidha. Malli ulfa karoora malee ittisuu kun kalandarii guyyootaa beekuu irratti xiyyeeffata. Dubartii giddugaleessaan laguu ishee guyyaa 26-32 argitu keessatti guyyaan itti hanqaaquun ovaarii keessaa gadi-lakkifamtee gara ujummoo gadameessaa dhaqtu guyyaa 14ffaa irrattidha. Sanyiin dhiiraa ykn ispermiin miliyoona hedduun lakkaa’aman kan yeroo wal-qunnamtii saa-laa qaama saa-laa dubartootaaf gadameessa keessatti gadi dhiifaman keessaa sanyii dhiiraa tokkotu hanqaaquu ovaarii keessaa qophooftee gara ujummoo gadameessaa deemte kana cabsuun guddinni miciree dhala namaa jalqaba. Kanaaf sanyiin dhiiraa gadameessa keessatti gadi-dhiifame kunis guyyaa muraasa waan turuuf akkasumas hanqaaquun dubartiin gadi-lakkistes hanga sa'aa 24 waan turuuf guyyoota isheen carraa ulfaa’uu qabdu kana beekuun yeroo sanatti wal-qunnamtii saa-laa gochuu dhiisuu jechuudha.

Dubartiin tokko carraan isheen guyyoota ji’aa kana keessatti ulfaa’uuf qabdu guyyoota muraasa qofa. Giddu galeessaan guyyaa 6 jechuudha. Kanaaf akka tooftaa ulfa karoora malee ittisuu kanaatti dubartiin laguu ishee guyyaa 26-32 argitu tokko guyyaan laguun ishee itti dhuferraa kaastee tokko jettee lakkaa’uun kan eegaltudha. Erga lakkaa’uu eegaltee boodas guyyaa 8-19 gidduu kan jiru guyyaa isheen itti carraa ulfaa’uu guddaa qabdu waan taheef guyyaa kana wal-qunnamtii saa-laa gochuu dhiisuu ykn yoo barbaaddan koondomii fayyadamuun barbaachisaadha. Kanaaf tooftaa kana fayyadamuuf marsaan laguu keessan dhaabbataan guyyaa jedhame kana keessatti kan dhufu kan taheefi guyyaaa sana sirriitti lakkaa’uu qabdu.

Fayyaa hin dhabinaa.

Faayidaa Gagaa Dammaa*********************Deeyma jaalannaan gagaa isaa nyaadhu. Gagaa alanfattee erga mi'aa isaa irraa x...
29/05/2026

Faayidaa Gagaa Dammaa
*********************
Deeyma jaalannaan gagaa isaa nyaadhu. Gagaa alanfattee erga mi'aa isaa irraa xuuxxee fixxe booda wanta akka hancoo/ maastikaa isa hafu sana liqimsuu ni dandeessa. Miidha takkaas hin qabu. Inuu faayidaa nuu qaba.

Faayidaalee gagaa dammaa keessaa nuraasni:-
1. Tiruu keenya dhukkubarraa ittisa. Tiruu keenya akka summii fi dhibee birootiin hin miidhamne godha.
2. Garaacha qunca'e fayyisuuf
3. Madaa qaamaa dafee fayyisuuf
4. Finniisa nurraa fayyiisuf
5. Hirriiba gaarii akka rafnu nu godha
6. Alarjii fi diifafa nurraa fooyyeessa
7.forfoor yaaluuf
8. Ulfaatina qaama keenyaa hir'isuuf

* Faayidaan waan himamee dhumu miti. Kanaafuu carraa argattanitti fayyadamtanii soorachuu hin dagatinaa

Fayyaa hin dhabinaa!

©️ Eba Pediatrics Specialty Center

Dr Ilias Abdella hordofaa!

Sangaa Tiraamp fakkaatu Ayyaana Iidaaf akka hin qalamne dhowwamee.Bangladeshniti Sangaa bifa addaa (Albino) qabuu fi ulf...
28/05/2026

Sangaa Tiraamp fakkaatu Ayyaana Iidaaf akka hin qalamne dhowwamee.

Bangladeshniti Sangaa bifa addaa (Albino) qabuu fi ulfaatinni isaa kiiloo 700 caalu sababa bifa isaa fi miidiyaa hawaasaa irratti beekamummaa argateen ayyaana Iid al-Adahaaf qalamuuf ture irraa oolfameera! 😲

Abbaan qabeenyaa loonichaa akka jedhutti, Sangaa rifeensa adda isaa kan bifa keello piriizidantii Ameerikaa Donald Trump’n baay'ee wal fakkaatu qaba. Kanaan kan ka'es obboleessi isaa quxusuu maqaa kanaan waame.

Mootummaan Maaliif Gidduu Lixe?

Sangaa kan daawwachuuf namoonni kumaan lakkaa'aman gara mooraa isaatti qajeelan. Suuraa waliin ka'uuf yeroo ummanni wal dhiibu, nageenyi gafarsichaa fi hawaasaa naannoo sunii yaaddoo keessa gale.

Dhumarratti, Ministeerri Keessaa Bangladesh Salahuddin Ahmed ajaja ariifachiisaa dabarsaniiru:

Sangaa akka hin qalamne dhowwameera! ❌🐂

Qarshii namni bitate sun kaffale mootummaan akka deebisuuf ta'eera.

Sangaa gara Giddu-gala Beeyiladaa (Zoo) Biyyoolessaa Dhakaatti akka geeffamu fi achitti akka kunuunfamu murtaa'eera!

Sangaa "Trump" kun akkuma maqaa isaa qananii jaallata: Guyyaatti al afur dhaqna dhiqata, al afur immoo nyaata. Amala tasgabbaa'aa "maal na dhibdee" jedhu qabaachuun isaas daawwattoota caalaatti hawataa ture.

Yeroo dhihoodhaa as biyyoota tokko tokko keessatti horii qalma Iidiif dhiyaatan dabalatee beeyilada adda ta'anitti maqaa namoota beekamoo baasuun aadaa ta'aa jira.

Sangaa kun garuu maqaa isaatiin lubbuu isaa oolfachuu danda'eera! 🤩

👇 Isin hoo dhimma kana irratti maal jettan?

Dr Ilias Abdella hordofaa!

FAAYIDAA CUUNFAA LOOMII*******************Bu'aan qorannoolee hedduu akka addeessutti cuunfaan loomii:* Vaayitamiin C dha...
28/05/2026

FAAYIDAA CUUNFAA LOOMII
*******************
Bu'aan qorannoolee hedduu akka addeessutti cuunfaan loomii:
* Vaayitamiin C dhaan kan badhaadhefi madda Vaayitamiin C isa guddaa ta'uun sirni ittisa qaamaa keenya akka jabaatu godha.
* Nyaata qaaman hin bullofne (Fiber) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuu, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar'umaan guddaa keenyafis gaariidha.
* Hammi PH qaama keenyaa madaalawa akka ta'u gargaara.
* Bullayinsa nyaataa saffisiisufi oomisha hadhooftu(bile) kan bullayinsa Lipiidiif (coomaaf zayitaaf) barbaachisu ni si'eessa.
* Bu'aa wolnyaatissa keemikaala qaamaa ta'anii isaan qamaaf hin barbachifne bulbuluu irrattis gahee qaba
* Dabalataan madda albuudota akka pootashiyeemii, maagniziyeemii, kaalshiyeemii, fosfarasii fa'a ta'uunis ni beekama. Kun ammoo sirna narvii kunuunsuufi dhiibba dhiigaa hirdhisuu irratti gahe gudda qaba.
* Baakteriyootn dhukkuba fidan hedduun akka wol hin horre ittisuu irratti gahee guddaa taphata.
* Dhukkubbi nannoo jilbaa, ciqilee, fi naanno lafeen wolitti dhufu (joint) namatti dhagahamu tokko tokko ni hirdhisa
* Qakkee/uttaalloo (Common Cold) woyyeesuufi fayyisuufis ni tajaajila
* Gubaa laphees haga tokko ni woyyeessa.
* Kormammaa fi gogaan keenyas akka wolitti hin shunturoofne ni godha.
* Fayyummaa ija keenyaafis barbaachisaadha.

© Dr. Ilias Abdella
Filannoo keessan kan yeroo hundaa!

Faayidaa fi akkaataa Harma ittiin Hoosisuu qabnu!***************************Daa'mmaan yeruma dhalatan irraa jalqabuun ha...
26/05/2026

Faayidaa fi akkaataa Harma ittiin Hoosisuu qabnu!

***************************
Daa'mmaan yeruma dhalatan irraa jalqabuun harma haadhaa qofa ji'a jahaaf, akkasumaas eega ji'a jaha guutan booda nyaata dabalataa waliin harma waggaa lamaa oliif hoosisuun, fayidaalee hedduu qaba! Harma horsiisuun kun daa'immaniif qofa osoo hin taane, harmeewwanii fi walumaa galattii maatii daa' immaniitiif faayidaan inni qabu hedduudha!

1: Faayidaawwaan kanniin keessaa inni guddaan daa'immaan reefu dhalatan dhibee adda addaa kan akka garaa kaasaa, dhibeewwan sirna hargansuu, dhukkuba keessa gurraa, dhukkuba ujumoolee fincaanii fi hir'ina nyaataa, irraa ittisuu yoo ta'u, faayidaalee biroos kan akka bilchia xin-sammuu dagaagsuu, qaroo ijaa fi gurraa guddisuu, dhibeelee sirna dhiiga raabsuurratti uumamuu danda'an xiqqeessuu, dhukkuba sukkaraa fi allerjii adda addaa ittisuu fi kkf eeruun ni danda'ama!!

2: Harma hoosisuun harmeewwaniifis bu'aa adda addaa kan qabu yoo ta'u, dhiphina sammuu hir'isuu, rakkoowwaan da'umsaa waliin dhufanirraa dafanii dandamachuu, ulfina qaamaa kan da'umsaan dura dabalee ture hir'suu, dhibeewwan kaansarii adda adda ittisuu fi haphina lafee xiqqeessuun fayidaalee haadhooliin harma hoosisuurraa argatan keessaa isaan muraasa!!
-
3: Harma haadhaa sirritti hoosisuun maatiidhaafis faayidaan inni qabu hedduudha! Baasiin maatiin tokko "foormulaa" bituuf ykn daa'ima dhukubsate tokko yaalsisuuf baasu miidhaa baay'ee maatii fi daa'imman irraan ge'uu danda'a! Harma haadhaa hoosisuun garuu miidhaawwan baasii akkasiitirraa dhufu hambisuun ni danda'ama!
-
Kanaafuu wanti harma qofa hoosisuun akka salphaatti dhorkuun danda'amu gatii hedduu nu kaffalchiisuu waan danda'uuf harma haadhaa qofa ji'a ja'aaf, nyaata dabalataa waliin immoo waggaa lamaa oliif hoosisuun aadaa keenya ta'uu qaba!
-

---
Hubachiisa

1: Bu'aawwan kanniin argachuuf haalli taa'umsaa/ hammachuu daa'imaa (positioning) fi halli daa'imti harma itti qabu (atttachment) baay'ee murteessoodha!
-
2: Harmeen takka yeroodhaaf saba adda addaatin hoosisuu yoo hin dandeenye, harma ishee elmitee Firiijii (diilalleessituu) keessa guyyaa saddeetiif, kutaa firiijii cabbii uumu keessa yoo ta'e immoo ji'a ja'aa haga Wagga tokkootitti teesisuun ni dandeettii! Bakee keessa taanan garee sa'aatii saddeetii oliif teessisuun mishaa miti!
-
3: Aanan Sa'aa, Re'ee, Hoolaa fi Gaalaa, daa'imman waggaa tokkoo gadiitif kennuun miidhaawwan adda addaa waan qabuuf, yoo rakkinni addaa jiraate malee, daa'immaniif kennuun gaarii miti!. Barbaachisaa ta'ee yoo argame garuu aannan armaan oliitti eeramaan caalaa Foormula (formula milk) fayyadamuudhan miidhaawwan daa'ima muudachuu malu ittisuun ni danda'ama!
-
4: Haati harma hoosistu tokko; dhugaatii Alkoolii, Tamboo xuuxuu, qorichoota daa'ima miidhuu danda'an fudhachuu, fi irraa of qusachuu qabu!
-
5: Daa'ima harma haadha isa hin dahinii hoosisuun, daa'imicha dhibee adda addaatiif saaxiluu dandaya. Kanaaf, harma haadha isa hin deenyee hoosisuu irra mala biraa barbaaduu wayya.

Fayyaan farda colleedha!
Fayyaa dayaa!

Odeeffannoo fi gorsa fayyaa arkachuuf nu hordofaa!!

© Dr Ilias Abdella

BAGA AYYAANA IIDA ARAFAA GEEYSAN!Iid Mubarak. Warra Baranaa kan bara Hegeree nuhaa godhu. Iidni kun milkii fi gammachuu ...
26/05/2026

BAGA AYYAANA IIDA ARAFAA GEEYSAN!

Iid Mubarak. Warra Baranaa kan bara Hegeree nuhaa godhu.

Iidni kun milkii fi gammachuu isiniif haa tahu!

Dr Ilias Abdella
Filannoo keessan kan yeroo hundaa!

Seenaa dubartii waggaa 5tti daa'ima Kiilogiraama 2.7 ulfaatu deessee...****************************************Lina Medi...
22/05/2026

Seenaa dubartii waggaa 5tti daa'ima Kiilogiraama 2.7 ulfaatu deessee...

****************************************

Lina Medina (Liinaa Madiinaa) seenaa yaalii fayyaa addunyaa keessatti haadha umurii xiqqoon mucaa dhalte ta'uun beekamti. Isheen Muddee 23, bara 1933 biyya Peru, ganda Tikrapo jedhamtu keessatti dhalatte. Onkololeessa 14, bara 1939 yeroo mucaa dhiiraa dhaltetti umriin ishee waggaa 5, ji'a 7, fi guyyaa 21 qofa ture. Jalqaba irratti maatiin ishee sababa garaan ishee guddateef budaatu nyaate ykn ija hamtuu itti fakkatee gara mana yaalaa geessan. Haa ta'uu malee, ogeeyyiin fayyaa erga qorannoo taasisanii booda ulfa ta'uu ishee mirkaneessan. Umriin ishee baay'ee xiqqoo waan tureef, mucaa ishee yaalii baqaqsanii baasuu (Cesarean section) dhaan dhalte, maqaa doktora ishee gargaaree deessisee "Gerardo" jedhanii moggaasan.

Saayinsiin haala kana yeroo ibsu, Linaan dhibee hormoonii (precocious puberty) jedhamuun waan qabamteef, osoo umuriin ishee hin ga'in qaamni ishee dafee hormaataf qophaaye.

Eenyummaan abbaa mucichaa hamma yoonaatti iccitiidhaan kan hafe yoo ta'u, abbaan ishee jalqaba irratti shakkamus ragaan waan dhabameef gadhiifameera. Mucaan ishee Gerardo hamma waggaa 10tti Linaan akka obboleettii isaatti ilaalaa kan guddate yoo ta'u, booda irratti garuu bara 1979 keessa dhibee lafeetiin waggaa 40 tti addunyaa kana irraa boqateera. Lina Medina seenaa raajii yaalii fayyaa keessatti dhaloota dinqisiise ta'uun hamma yoonaatti yaadatamti.
Ulfaadhaa!

Fayyaa dayaa!
©️ Dr. Hamzaa Jamaal

Rakkoo gartuun dhiiga abbaa manaa fi haadha manaa waliif tahuu dhabuu! (RH incompatability) Gartuun dhiigakee maali?. Ak...
22/05/2026

Rakkoo gartuun dhiiga abbaa manaa fi haadha manaa waliif tahuu dhabuu! (RH incompatability)

Gartuun dhiigakee maali?. Akkuma beekkamu gartuuleen dhiigaa ABO jedhaman 4 yoo tahan .isaanis A,B AB fi O dha. Gartuuleen dhiigaa kunniin ofirraa RH antigen kan qabu yoo tahu, gartuun dhiigaa RH antigen D ofirraa qabu + yoo jennu (A+, B+, AB+, O+) kan RH antigen D jedhamu ofirraa hin qabne – jenna( A-, B-, AB-, O-) l. Dhiirri tokkoof dhalaan tokko gaa'ela dhaabbachuun dura ykn erga dhaabbatanii booda gartuu dhiiga isaanii qorachiisuun baayyee barbaachisaadha
Fakkeenyaaf Haati tokko gartuun dhiigashee negative (A-, B-, AB-, O-) yoo taheef abbaan gartuun dhiiga isaa positive((A+, B+, AB+, O+) yoo tahe rakkoon kun baay’inaan mudata. Kanaaf Haati negative, abbaan positive akkasumas daa'imni yoo positive tahe mul'ata.

Yeroo ulfaa dhiigni daa'imaaf haadhaa wal keessa waan deemuuf RH antigen gartuu dhiiga haadhaa( positive or negative) fi kan daa’imaa wal simachuu dhabuurran kan kahe Haati gartuu dhiiga mucaa sana akka farra alagaatti waan ilaaluuf qaamota farra qaama alagaa lolaan(antibody) kan jedhamu oomishti. Qaamni farra alagaa gartuu dhiiga mucaa sanaaf qophaa'e gara dhiiga daa'imaatti makamuun seelota dhiiga diimaa daa’ima sanaa balleessuun daa'imni sun hir'ina dhiigaan qabamuun akka miidhamu godha. Sababa kanaarraa kan ka'ees qaamni daa'ima sanaa dhiita’uun hanga sadarkaa du'aattillee geessisuu nii danda’a.

Hub: 1. qaamni farra alagaa Haati qopheessitu sun ulfa jalqabaarratti gara daa’imaa deemuu hin danda'u. Ulfa lammaffaarraa kan jalqabu taha.

2. Haati manaa gartuun dhiigashee negative taheef abbaan manaa positive tahe yeroo ulfaa mana yaalaatti hordoffii gochuu qabu. Lilmeen farra qaama alagaa Haati qopheessite sana balleessuuf kennamu waan jiruuf yaadda'uu hin qabdan.

3. Gartuu dhiiga abbaa manaaf Haadha manaarra RH antigen jiru wal fakkaataa yoo tahe ykn gartuun dhiiga haadhaa + tahee kan abbaa – yoo tahe rakkoowwan akkasii hin mudatan.

Kanaaf sababa kanaarraan kan kahe namoonni baayyeen mana yaalaa osoo hin deemiin daa'ima isaanii garaa keessatti dhabaa waan jiraniif qoratamuunif hordoffii yeroo ulfaa gochuun baayyee barbaachisaadha.
Daa’imni kamillee sababa kanaan du'uu hin qabdu!

Gartuu dhiiga keessanii qoratamaa ilaalamaa.

Fayyaa hin dhabinaa
Dr Ilias Abdella hordofaa!

Isin bira hoo?Naannawaa keenyatti namni tokko hoggaa dhukkubsate ni obsa. Obsee obsee yoo dadhabe keeysaafuu yoo nyaata ...
19/05/2026

Isin bira hoo?

Naannawaa keenyatti namni tokko hoggaa dhukkubsate ni obsa. Obsee obsee yoo dadhabe keeysaafuu yoo nyaata dide ykn gaggabe akka filannoo lammaffaatti re'ee itti qalteet dhiiga re'ee obaafta.

Ammallee yoo dide sheeka bira geeysiteet muka itti fuudhee, aara itti ulee, jinnii / beera ollaa ka daangaa lafaarratti wal lolanii seene aara itti aarsee keeysaa yaasee [nama 27] faa, achiin qarxaasa itti hidhee maallaqa horii bitu fudhatee gaggeeysa. Muka saniis dhuuydee yoo didde galcheet horii qalee foon wadaaja yaamee nyaachisee dhukkubsataa cumaa kaaya. Akkasittiis hin fayyu. Ganaa ta ijibbaataa Sheek-Gubaa bira geeyseet Sheek-Gubaan feerroo ibidda kaa'eet ibiddaan burreeysee qaama harre-diidoo godhee lafa kaaya.

Hidda mukaatiifi gubaan amma lafaan geeysi. Akka filannoo macarrashaa fi maaliifiin hin ijibbaanneef fida. Hospitaala sheenaa/gaabbii irraa fixachuuf fida. Namni Hospitaala gurguddaa dhufu hundi haalaafi wal'aansaan olitti isiniif tarreeyse kana keeysa dabreet Hospitaala dhufa. Du'aadha fidan akka nama hospitaalatti awwaaluu fidee.

Baadiyyaa keeysa daa'imman talaallii guutuu hin fudhatan. Haadholiin ulfaa hanga dhiigni yaa'ee dhaabbachuu didee gaggabdutti (hemorrhagic shock) Hospitaala hin dhuftu. Haadholiifi daa'imman rakkoo fayyaa hamaaf saaxilaman. Hubannoo gahaan hin jiru. Daa'ima hanga iitawuu ykn owwaachuu didutti mana haakimaa hin fidan. Ilmoon daa'imummatti iitoynaan nama hin taatu. Warri amma social media kanarraa ija nu guggubaa oolu kun warra talaallii joollummaa hin fudhatiniifi warra iitawee fayye🙄

Doktorri keenyaas kana kana dhiisee waan biraarratti xiyyeeffatan. Nama niin dheebodhe siin jedhe 'kitaaba dubbisi' yoo jetteen rakkinni isaa hin furamu. Nuti nama walqunnamtii saalaa wallaalaaf dhala dhabe hin dhageenye hin agarre. Ammatti ajandaa waan tahuu qabuu miti. Doktorri Hamzaa Jemaal jedhamuus hin jiru. Mucaan Yuunivarsitii Madda Walaabutti barataa waggaa 2ffaati. Wanti kun isa hin ilaallatu jechuufi. Osoo himnuu nu dhagahuu diddan. Nuti kanaan booda nama safuu hawaasaa cabsu abbaa fedhe report goonee isaafi account isaa miila Bakar goona.

Abbaan fedhe yoo if xallaze dhimma keenyaa miti. Safuu hawaasaa cabsaa arraba keenya dadhabuun hin taatu. Ebelu isin arrafsitanii dhiisuu dinnaan of -aj-jeesee minaamin moo....haa deemu. Safuun lubbuun oli. Social Media nu wajjiin fayyadamuu barbaannaan waan hawaasa barsiisu, bashannansiisuufi fayyadu qabadhuu koottu.

©️ Gadisa Usmaan

Dr Ilias Abdella hordofaa

ANAANAASIIN ADDATTI MAAL NU FAYYADAA?1. Annisaa fi gosoota soortaa hedduu of keessaa qaba. Anaanaasiin giraama 165 ulfaa...
15/05/2026

ANAANAASIIN ADDATTI MAAL NU FAYYADAA?
1. Annisaa fi gosoota soortaa hedduu of keessaa qaba. Anaanaasiin giraama 165 ulfaatu tokkichi: carbohydrate giraama 21, vitaamin C, B6, Folate, Niacin, manganese fi elementoota biroo hedduu of keessaa qaba.
2. Inzaayimiin bromelain jedhamu kan fuduraa kana keessatti argamu sirna bullaa'iinsa soorataa keessatti ga'ee taphata
3. Dandeettii dhukkuba of irraa ittisuu (immunity) dabaluu fi kulkula qaamaa (inflammation) hir'isuu danda'a.
4. Dhukkuba kulkula buusaa (inflammatory arthritis) irraa nama fooyyeessuu keessatti ga'ee ol'aanaa taphata.
5. Erga sochii qaamaa cimaa (strenuous exercise) hojjannee booda qaamni keenya dafee akka dandamatu gargaara.
6. Nyaata biroo irratti dabalamuun fedhii nyaata (appetite) nama hin qabneef, gedhii nyaataa fiduu danda'a.
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa H

Dabalataaf Dr Ilias Abdella hordodaa!

Mallattoowwan MATAA DHUKKUBBIIN Yaala Hatattamaa Akka Barbaadu Agarsiisan (RED FLAGS OF HEADACHE)1. Mataa dhukkubbii jal...
14/05/2026

Mallattoowwan MATAA DHUKKUBBIIN Yaala Hatattamaa Akka Barbaadu Agarsiisan (RED FLAGS OF HEADACHE)

1. Mataa dhukkubbii jalqabee daqiiqaa xiqqoo keessatti dhukkubbiin isaa garmalee cimee sadarkaa obsuu hin dandeenyerra nama geessisu.(Thundercalp headache)
2. Mataa dhukkubbii haala taa'umsa qaamaa (positional change) irraan garmalee namatti cimu ykn jijjiiramu.
3. Mataa dhukkubbii sochii qaamaa, waa hojechuu (exertion) qufa'uu, haxxifachuu fi kkf irraan nama eegalu.
4. Mataa dhukkubbii cimaa haaraa (kan duraan hin jirre) keessumaa namoota waggaa 50 olii yoo mudatu.
5. Mataa dhukkubbii yeroo mara buqqee mataa (head) irraa bakka tokko deddebi'ee dhukkubu.
6. Mataa dhukkubbii walitti fufaa (kan gidduutti hin fooyyofne ykn hin dhiifne).
7. Mataa dhukkubbii duraan dhukkubbii xiqqoo qabu fi daddafee deebi'ee hin dhufne yoo haala jijjiiratee garmalee haala duraa caalaa namatti yoo cimaa deemu.
8. Mataa dhukkubbii mallattoowwan biroo kan akka dhaqna gubaa, sochii dadhabuu kutaa qaamaa akka harkaa ykn miilaa, ulfaatina baay'ee hir'isuu of biratti qabatee deemu.

Madda: American Migraine Association
Fayyaan Faaya

Dr Ilias Abdella hordofaa!

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Ilias Abdella posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Ilias Abdella:

Share

Category