04/07/2026
Dhukkuba saree maraatuu (Rabies)
*************************************
*Dhukkubni saree maraattee gosa dhukkuba hoosiftoota hunda miidhuu fi vayirasii dhan dhufuudha.Vayiraasiin kun hoosiftoota hundarraa karaa haancufaan namatti kan daddarbu yoo taβu , 95% saree irraa nama qaba.
Namni tokkoo saree vayirasii kanaan qabamteen ciniinamee torbee sadii hanga jiβa sadii gidduutti mallattoo agarsiisuu jalqaba.
MALLATTOOLEE ISAA!
***********************
1.Mallattoolee kara jalqabaa (guyyaa 2-7 gudduutti) (prodrome)
*Hadooduu iddoo ciniinamee fi akka lilmoo wawwaraanuu
*Bowwoo mataa , qaamaa hoβisuu , ol ol jechuu , haqqisiisaa , dhukkubbii qaamaa fi qufaa faa dha.
2. Mallattoolee sammuu ykn narvii hubamuu (Guyyaa 5-14 gidduutti)
*Jaanjaβuu ,
*amala jijjiirama fiduu ,
*of wallaaluu ,
*qofaa haasawuu fi
*of dadhabuu faa dha.
*Dafee dafee hargansuu,
*gororuu,
*imimmaan booβuu ,
*maashaan isaanii humnaan kottoonfachuu
*BISHAAN sodaachuu fi qilleensa sodaachuu
3. Mallattoolee dhumaa ( torbee 2 booda)!
*OF WALLAALUU FI DUβA! Kunis sababbii toβannaa dadhabuu sammuun hoβa qaamaa , hargansuu fi onnee to'achuu dadhabuu ti.
SAREE MARAATUUN YOO NAMA CINIINTE MAAL GOONA?
**************************************************************
*Jalqabarratti saree nagaa fi maraatuu adda baasuun cimaa taβuu dandaβa. Kanaaf sareen kamiyyuu nama ciniine of eeggannoo armaan gadii godhaa!
1. Bakka madaa sana daqiiqa 15 f bishaan qulqulluu fi samunaan sirritti dhiquu
2.Huccuu qulqulluun hidhaa
3.Saree ishee nama ciniinte sana guyyaa kudhaniif iddoo addaa kophatti tursuu yoo mallattoo addaa qabdi taβe immoo ajjeesuu fi gubuu dha.
4. Mana yaalaatti dafanii fiduu. Kunis namni mana yaalaa dafee qaqqabe qoricha fi talaallii yoo fudhate ni fayya.
HUB: Dhukkubni saree maraatuu mallattoo agarsiisuu jalqabnaan (keessattuu mallattoolee lakk. 2 fi 3 irra jiran) 100% AJJEESADHA, qorichi isaas biyya lafaa kanarra hin jiru , namni fayyes hin jiru.
MALLATTOOLEE SAREE MARAATUU:
**************************************
*Yeroo hunda loluu fi jijjiirama amala kan biroo
*Gorora bayyisuu
*Nyaata diduu
*Bishaan sodaachuu
*Qaamni ishee lamshaβuu fi
*Biyyoo , dhagaa fi sibiila nyaachuu faa dha.
Fuula Facebook kana like fi share gochuun waliin baranna, waaβee fayyas namoota biroo biraan geenya!
Dr Oliyaad Shagganaa tin