Dr Surafel

Dr Surafel This is page you can get medical information on different languages

21/03/2024

Ilaalcha gaarii mataa ofif 🫡

Eenyummaan kee uumaa keen gaditti harka kee jira. Eenyu illee si irraa fudhachuu yookiin jijjiiruu hin danda'u. Kan ati nama biraaf gochuu hin dandeenyes eenyummaa isaa jijjiiruudha. Kanaaf inni dursu waa'ee mataa keenyaati. Kan nuyi namoota dhuunfaa bira darbinee biyya keenya jijjiiruu dandeenyu yoo dursa ofii keenya jijjiiruu dandeenyedha. Kunis hojii gaarii yoo dalagneefi ilaalchaa gaarii qabaachuudhaani. Ilaalchi gaariin kan nuyi ofiif qabnu, kan nuyi namoota biraaf qabnuun garaagarummaa hin qabaatu. Kunis kan mataa isaaf waan gaarii yaadu nama biraafis gaarii yaaduun itti waan hin ulfaanneefi. Garuu hanga ilaalcha gaarii ofiif hin qabaannetti milkaa'insi hin jiru. Namoota biraafis gaarummaa hin qabaannu. Kanaaf ilaalcha gaarii ofiif Haa qabaañu👌!!

21/03/2024

Dubartiin ulfaa yoom Altiraasawundii ka'uu/ilaallamuu qabdi?
***************
1. Ulfaan dura

- Otoo hin ulfaayin dura altarasawudii qamoota wolhormaata gadii ilaalchisuun rakkoo gadaamessi ulfarratti uumuu danda'u yoo jiraate bartee yoo barbaachisaa ta'e akka yaalamtuuf gargaara.
---
---
2. Laguun/dugdi hafee guyyaa 10-15 booda.

- Yeroo kanatti ulfi jiraachuu isaa addaa baasuufi tola.
- Akkasuma taa'insi ulfaa gadaamessaa keessamoo gadameessaan ala ta'uu addaan baasuufi.
- Yoo laguun yeroo eeggatee Kan hindhufne ta'e umri ulfaa/daa'imaa tilmaamuuf.
- Ulfi tokko moo lakkuu ta'uu addaan baasuufi yeroon filatamaan yeroo kana.
---
---
3. Ji'a 1 hanga 3

- Yeroon kun ji'a ykn umrii ulfaa/daa'imaa beekuufi isa filatamaadha. Dogongoraa guyyaa 3-5 caalaa hinqabu.
- Daa'imni/ulfi lubbuun jiramoo hinjiruu addaan baasuuf
- Rakkoon uumamaa tokko tokkolle yeroo kana keessatti muldhatuu danda'a
---
---
4. Ji'a 4 hanga 5

Yeroon kuni baay'ee murteessaadha
- Dubartiin takka yoo altrasawundii yeroo takka malee ka'uu hindandeenne ta'e yeroo kana filachuu qabdi.
- Yeroon kuni rakkoon uumaan walqabatee dhufuu danda'u yeroo kana sirrtti addaan baya. Kunimmoo yeroon murteessufi baay'ee gaariidha.
- Ammas bishaan daa'imaa, socho'iinsa daa'imaa, dhawatiinsa onnee akkasumas
- Umrii ulfaa/daa'imaa tilmaamuuf. Garuu altirasawundiin yeroo kana ilalamu umrii ulfaa/daa'imaa hanga guyyaa 10 dogongoraa qabaachuu danda'a.
---
---
8. Ji'a 8 hanga 9

Yeroon kuni:
- Taa'insaa daa'maa/haala taa'umsa daa'imni gadaamessa keessatti qabu.
- Baay'inna/hamma bishaan daa'imaa
- Bakka hobbaatiin jirtu laaluuf; keessumaanuu yoo hobbatiin fuuldura dhufe dawumsi oporeeshina ta'uu waan qabuuf yeroon beekuun murteessaadha.
- Socho'iinsa daa'imaa sakata'uuf
- Umri daa'ima ilaaluuf. Garuu yeroo kanatti umrii daa'imaa irratti dogongoraa hanga torbaan 2-3 agarsiisuu waan danda'uuf ji'a/umrii baruufi baay'ee nu hingargaaru .
---
---
* Kanaan ala yoo socho'iinsi/sosochiin daa'imaa hirdhate, yoo dhiigni yaa'ee/gadameessa keessaa dhiigni jige, yoo bishaan daa'imaa gadameessa keessaa jige yookiin yoo dhukkubni dubartii ulfaa itti dhagayamee yeroo kamuu ka'uu qabdi.
* Altrasawndiin caraarii/caarallaa waan hinqabneefi yeroo hedduu irra deddeebi'uun kaatullee rakkoo hinqabu.
---
---
Maddi odeeffannoo:
©Dr. Jamal Burra, Radiologist (Ispeshaalistii Raajii)

21/03/2024
17/08/2023

DHALA DHABUU - Infertility
****************************
Wol qunnamtii saalaa hin ittifamne (fkn koondomii malee) kan gahaa ta'e qabaatanii haatiifi abbaan worraa tokko woggaa tokko keessatti otoo hin ulfaa'in yoo hafan 'dhala dhabuu' jedhamuu danda'a. Haa ta'u malee kanneen woggaa jalqaba keessatti hin milkaayin keessaa wolakkaan isaanii (Parsantii 50) kan ta'an woggaa itti aanu /woggaa lamataa irratti ni ulfaa'u. Saalqunnamiti gaha ta'e jechuun ammoo yoo xiqqaate guyyaa lamaa sadihiin kan turtiin yeroo qunnamtii tokkoos daqiiqaa sadihii hanga torbaa kan ta'eefi keessattu yeroo marsaa xurii laguu irratti carraan ulfayuu baldhaa ta'etti godhamu jechuudha.
---
---
Dhala dhabuun iddoo lamatti qoodamuu danda'a:
I- Gonkumaa dhala argatanii (ulfaa'ani) kan hin beekne (Primary Infertility) fi
II- Isaan yoo xiqqaate yeroo tokko ulfaa'anii/dhala argatanii achi booda argachuu dhaban (Secondary Infertility) jedhamee iddoo lamatti qoodama.
---
---
Dandeetiin ulfaa'uu/qabachuu (fecundebility) shamara tokkoo marsaa xurii laguu tokkoon parsantii 25, ji'a sadihii keessatti ammoo parsantii 50, Ji'a Jahatti parsantii 75 fi woggaa tokko keessatti isaan parsantii 85 ol ta'an ni qabatu ykn ulfaa'uu danda'u.

Kanneen hafan parsantii 10- 15% kan ta'an woggaa jalqabaatiin ulfaa'uu dhabuu danda'u. Haa ta'u malee isaan kanniiniin jala sararree dhala-dhaban jechu keenyaan dura yeroo gahaa ta'e (woggaa dabalata tokko) fi qorannoo gahaa ta'e dalagsiisuun barbaachisaa ta'a.
---

---
Dhala dhabuun rakkinna shamaraa irraa qofa ta'uu dhabuu danda'a. Akkuma woliigalaatti cimdiiwwan dhala dhaban keessaa parsantii 25 kan ta'an rakkina dhiiraa/abbaa worraa irraa yoo ta'u, parsantii 15-20 kan ta'u ammoo sababa hin beekamneen/ adda bahuu hin dandeenyeen, kan hafe ammoo (% 60) sababa rakkinna shamaraa/haadha worraa irraa ta'uu danda'a. Kanaaf yeroo mana yaalaa qorannoo dhala dhabuutiif deeman isaan lachuu (abbaan worraatiif haati worraallee) argamuu qabu jechuu dha.
---
---
Gabaabumatti shamarri takka ulfaayuuf Oovaariin Oovuleeshiiniidhaan killee oomish*tee, killeen sun ammoo ujummoo gadaamessaatiin ufiti fudhatamee, achitti (ujummoo gadaameessaa keessatti) isparmiidhaan wolitti dhufee fartilaayizeeshiini godhee, achi booda makaan isparmiif kille (Zaayigootiin) gara gadaameessa deemee, kessaa gadamessaa irratti biqilee, san boodaa gadaameessa keessatti guddachuu qaba jechuudha. Kanaaf dhala dhabuun rakkinna ta'iiwaan (taatewwan) kanneen armaan olitti kaasne keessaa tokko irraatti mudatuun/uumamuun ta'uu danda'a.
---
---
Kanaaf:
¶ Ovariin Ovuleeshiinii/ killee oomishuu dhabuu ykn otoo umriin hin geenye dhaabuu.
¶ Ujummoon Gadaamessaa (kan Ovariif gadamessa jiddutti argamu) sababa garagaratin (fkn Infeekshinii gadaamessaa yeroo dheeraaf turen, TB qaamaa hormaataa hubeen, Opireeshiinii naannoo saniif taasifame fa'aan) cufamuun killeen akka isa keessa darbee isparmiin wolitti hin dhufne gochuun.
¶ Zaayigootiin (ida'amni isparmiif killee) sun sababa gara garaatiin keessa gadameessaa irratti biqiluu dhabuun (Fkn haxawamuu gadamessaa yeroo ulfi dhanagala'u godhamuun, ulfa gadaamessa keessa baasuuf yeroo gadaamessa haxawan gadameessi sun godaannisa uumuu, uumamaan halli uumaa gadaameesaa sirrii ta'uu dhabuun, iitaan biraa keessa ykn gadaameessa irratti bahee jiraachuun).
¶ Akkasumas dhiira irratti ammoo dhangala'aan dhiiraa sun seelii isparmii dhabuun, seelii isparmii gahaa ykn sirrii ta'e of keessaa qabaachuu dhabuun (sochiin isaa, bocni isaa, hammi isaa, baay'inni ykn laakkofsi isparmii sun gahaa ta'uu dhabuun) sababalee dhala dhabuu dhiiraa keessaa isaan ijoo ta'aniidha.
---

---
Kanaaf jaalalleewwan lama woggaa tokkoo oliif wolqunnamtii saalaa gahaa ta'e (yeroo marsaa xuriin laguu dhufu irraa laakkayanii guyyoota ulfaayuu carraan jiru san irratti salqunnamtii saalaa godhanii) otoo hin ulfaayin yoo hafan isaan lameenuu mana yaalaa deemanii qorannoolee barbaachisoo ta'an garagaraa hojjisiifachuu qabu.
---

---
Haa ta'uu malee kanneen armaan olitti ibsaman ijoo sababa dhala dhabuu ta'anillee, sigaaraa ykn kan biroo aarsuun, Alkoolii heddummeessuun, dhiphinnaaf cinqaan hamaan jiraachuun, wolqunnamtii saalaa gahaa ta'e gochuu dhabuun, ulfaatinna garmalee guddaa ta'e qabaachuun, ispoortii garmalee heddummeessuu irraa cooma qaamaa dhabuun (fkn isaan atleetiksii heddummessan), marsaa xurii laguu guyyaa isaa hin eegganne, akkasumas dhukkuboota sirni ittisa qaamaa keenya qaamuma keenya rukutu tokko tokko (autoimmune diseases) hubamuun carraa dhala dhabuu dubartii takkaa kan olkaasaniidha. Kanaaf wontoota as gubbatti eeraman kanaaf jijjirra amalaa gochuufi qoratamanii yaala argachuunis barbaachisaadha.
---
---
Waaqni ilmaa ilmee teessan isinitti haa muldhisu!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

09/06/2023

Obboleessa kiyya waan ta'eef, natti hin ulfaatu!!
Akkuma suuraa irratti argitan kana, mucaa tokkotu iddoo waraanaatti dugda irratti nama biraa baatee deema. Gocha mucaa kanaa kan arge loltuun tokko, mucaan inni baatee jiru lubbuudhaan akka hin jirre hubatee maaliif akka inni du'aa baatee deemuufi akka of irra buusee gatee dadhabbii of irraa hambisuuf gorsa. Mucaaniis gorsa loltuu kanaaf deebii akkas jedhu deebiseefi. "Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu. Baattadhee deemeen iddoo gaariitti awwaalladha jedheen." Loltuun deebii mucaan deebiseef kana hin eegne waan ta'eef imimmaan buusee boo'e. Erga yeroo saniitii suuraan kun biyya Jaapaaniitti mallattoo tokkummaafi jabinaa ta'ee siidaan dhaabbate.
Nutis mee :-
Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu, obboleettii tiyya waan taateef natti hin ulfaattu yaa jennu.
Obboleessi keenya yoo kufe yaa kaasnu!!!
Obboleettiin teenya yoo dadhabde yaa gargaarru!!!
Inni yoo dogongore yaa sirreessinu!!!
Isheen yoo balleessitee dhiifama yaa goonuuf!!
Obboleessa kiyya waan ta'eef natti hin ulfaatu yaa jennu!!!

Address

Harar
Harer

Telephone

+251904140776

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Surafel posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Surafel:

Shortcuts

Share

Category