20/04/2022
Bikila Abilu:
Kittaannaa Dubartootaa(Shamarranii)
Dursa irratti sirreeffama:- Namoonni baay'een kittaannaa akka waan Aadaa badaa ta'eetti irra deddeebiin yoo ibsan dhagaya, kittaannaan dubartootaa Aadaa osoo hin taane gocha badaa yookiin gochaa gadhee (Malpractice) dha!
Waayee Jaartii Umrii 70
Jaartiin umrii 70 kan Kaasaraa malee socho'uu hin dandeenye kan sitti himti malee itti himan hin dhageenye(Rigid women) qaama hormaata dubartoota meeqaa akka galaafatte samii fi dachiin haa lakkooftu!
Itti himnaan diddee dhoofnaan gaggabde fi Himan didduun du'a hin didduu itti makmaakeen jira. waatiin okolee diddu okkotee hin didduunis makmaaksa isheef malu kan biraati! Shamarran baay'een gochaa bada jaartiin kuni shamarree irratti raawwattu(Qaama uumamaa faayidaa qabu kutuu, kittaanuu) erga hubatanii booda "Bubbee biyya hin jirre Isheetti haa buusu jedhanii Jaartii gugguuftuu sana yoo abaaraan nan dhagaya, Rabbi du'a ishee haa gabaabsu, lafa kana irraa ishee ha qurxu ittiin jedhu!!!
Akka yaada jaartiin kanaatti:- Shamarreen kittaanamuu qabdi, yoo kittaanamuu baatte rakkoo fiddi(of jala hin ilaaltu waan tayeef meeshaalee cabsiti, qalbii hin qabdu, hin ajajamtu, daftee sagaagaluu eegaltee dubrummaa dhirsa ishee nama biraatiif oolchiti, dhirsa jala hin bultu fi kkf himti)
Mee waliin haa ilaallu
፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨
Kittaannaan (shamarranii) dubartii maal? Kittaannaan (shamarranii) dubartii Qaama hormaataa dubartii irraa sheelechuu dhaan yookiin guutumaan guutuutti kutanii gatuu, kutanii suphuu, kutanii ibiddaan gubuu, riguu fi kkf raawwachuu jechuu dha.
Biyya keenya bakka adda addaatti gochaa gadheen kun baldhinaan yoo raawwatu ni muldhata! Akka Addunyaatti dubartoonni miliyoona 130 tayan kittaannaa dhaaf ni saaxilamu, baldhinaan Afrikaa keessatti ni muldhata!
Gosa kittaanna
፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨
Akka Ibsa Qorannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti kittaannaa gosa Afuritu jira........