Moosisaa D Suufaa

Moosisaa D Suufaa You know my name not my history.....

27/12/2025

Almaaz Baala Ciraa (Herpes zoster)
~~~~~~~~
☞ Dhukkubni kun gar_tokkee qaamaa ykn guutummaa qaama namaa kanneen akka dugdaa, mataa, naannawa afaanii, naannawa qaama saalaa, garaa irratti ykn fuula irratti mul'atuu danda'a.

Jalqaba gogaan keenya, bakki dhukkuba kanaan miidhame finniisa/shiffitaa akka sarara xiqqaa kan bishaan kuufatu qabu yoo ta'u miira gubaa cimaa,miira hoosisuu fi miira dhukkubbiis qaba.

Akka Aadaatti,Sababni dhukkuba kanaa:
➽boombii halkan halkan barristu
➽raammoleen xixiqqoon nama ciniinuu, ➽meeshaa qara qabuun woraanamu ➽summii/haadha ilbiisotaa ykn
➽fincaan allaattii/simbiraa, uffata miicamee lafatti afamu irratti fincaanamu irraa dhufa jedhanii amanu.

Akka saayinsiitti ammoo dhukkubni gogaa 'Herpes zoster' jedhamu kun, vaayirasii Vaariseellaa Zoster(Varicella Zoster Virus) jedhamuun dhangala’aa akka tasaa dhufu yoo ta’u(ka'umsi isaa sirritti kan hin beekamne), yeroo baay’ee bishaan qaama irratti waan akka sararaa uumuun jalqaba" jedhu.

Mallattoolee Dhukkuba Kanaa
▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰
* Yeroo baay'ee qaama gama tokkoon/gama mirgaa ykn bitaa irratti mul'ata,jalqaba iita diimaa uuma. Sana booda babaldhataa deema.
* Qaama hooqsisuu, gurraachessuu fi luqqisuu qaba.
* Gogaan dirmammaayuu, xiffisuu/kulkiluu fi hadooddii qaba.
* Dhukkubbiin maashaalee. Sababa bakki dhukkubu sun wolitti harkifamuuf sochii dhoogga,miira dhukkubbii, miira gubuu fi Miira laalchuu namtti fida.
* Bowwoo mataa/dhukkubbii mataa, miira gammachuu dhabuu, qorraafi hoo'as dadhabuu.
* Gogaan naannawa dhukkuba kanaan miidhamee wolitti shuntuuruun waan ibiddaan gubate fakkaata.
* Hoo'a aduufi ibiddaa dadhabuu namatti fida.
▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰
Of-eeggannoo godhamuu qabu:
➫bakka miidhame san yeeroo hundaa jiidha akka hin arganne gogaa taasisu.
➫dibata adda addaa bakka sanatti dibuu dhiisuu.
➫harkaan tuttuquu dhiisuu.
➫nyaata akka loozii,chokoleetii, paastaa, makaronii, barbaree/qaaraa, baradoo/waan diilallaaye fayyadamuu dhiisuu.
fayyaan faaya.

18/10/2025

Celebrating my 5th year on Facebook. Thank you for your continuing support. I could never have made it without you. 🙏🤗🎉

Ni darba!
08/08/2024

Ni darba!

Fishkaa afuufi jedhanimee!
04/04/2024

Fishkaa afuufi jedhanimee!

15/02/2023

Oromia synod signed an agreement of capitulation! No more, no less!

Wel come to my page !!!
23/04/2021

Wel come to my page !!!

Address

Holeta

Telephone

+251913355705

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Moosisaa D Suufaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Moosisaa D Suufaa:

Share

Category