02/05/2026
DHUKKUBA VAAYIRASII TIRUU -
Viral Hepatitis
**********************************
Tiruun keenna dhukkuboota garagaraatiin hubamuu danda'a. Isaan keessaa tokko dhukkuba tiruu vaayirasoota tiruutiin (hepatitis virus) dhufudha.
Kanaan alattis, waggoota hedduuf alkoolii baay'isanii dhuguun, qorichoota garagaraa baay'isanii fudhachuun, summii garagaraatiif saaxilamuun, ammeebaan ykn baakteriyoonni tokko tokko tiruu irratti malaa uumuun, walrukuttaa dogongoraa sirna ittisa qaamaatiin mudatuun (autoimmune disease), kuufamuu albuuda aayiranii fi koopparii irraa, kaansarii seelii tiruu irraa ka'uun, kaansaroonni qaama biraa huban gara tiruutti faca'uunii fi rakkinna ujummoo hadhooftuu irraa kan ka'een tiruun keenna dhukkubsachuu (miidhamuu) dandeessi.
Akkuma asii olitti eerame, sababoota tiruun dhukkubsachuu dandeettuuf keessaa tokko vaayirasoota tiruuti. Vaayirasoonni tiruu (hepatitis virus)—vaayirasoota gartuu (gosa) garagaraa ta'anii isaan irra-jireessaan tiruu miidhaniidha. Vaayirasiin kunniin 'hepatitis (A, B, C, D, fi E) virus' jedhamanii beekkamu. Qubee A, B, C, jedhu kana kan argatan tartiiba ittiin qorannoon adda baafamaniin. Hunda dura hepatitis A virus kan argame yoo ta’u, itti aanee B, achi C jedhaa deema jechuu.
Hepatitis A, B, C, D fi E kulkulfannaa (inflammation) tiruu fidu. Isaan keessaa hepatitis A fi E dhukkuba tiruu ykn kulkulfannaa tiruu yeroo gabaabaaf turee badu kan fidan yoo ta'u;
Hepatitis B fi C’n ammoo carraa dhukkuba vaayirasii tiruu yeroo dheeraaf (baatii jahaa oliif) nama irra turu fiduu qabu. Hepatitis D ammoo kophaa isaa of danda'e dhukkuba fiduu baatus, tiruu kanaan dura hepatitis B’n miidhamte irratti dabalamuun (ykn hepatitis B waliin ta'uun) dhukkuba tiruu yeroo dheeraa (chronic viral hepatitis) namatti fida.
Hepatitis A fi E:
Qulqullina dhabuu nyaataafi dhugaatii irraa kan nama qaban. Dhukkubni tiruu vaayirasii A’n dhufu yeroo gabaabduuf tiruu haalaan miidhuu danda'uyyuu, rakkinnaa fi xaxaawwan yeroo dheeraatiif tiruu hinsaaxilu. Otoo hin yaalamin ofinuu baduu ykn fayyuu danda'a. Dhukkubni tiruu vaayirasii E’n dhufu turtii yeroo gabaabdu booda ofuma isaati baduu kan danda'u ta'uyyuu, darbee darbee tiruun yeroo gabaabdu san keessatti akka dadhabduu fi dadhabuu san irraallee xaxaawwan adda-addaa akka qaama mudatan gochuun hanga du’aatti nama geessuu danda’a. Inni kun akkuma vaayirasii tiruu A san dhukkuba tiruu yeroo dheeraa hin fidu. Dhukkuba fidee yeroo torbaan lamaa hanga jahaatti qaama keessaa ni bada. Haa ta'u malee, haadhoolii ulfaa fi namoota dandeettiin dhukkuba ittisuu isaanii gad-aanaa ta'e irratti hammaachuun (kulkula tiruu cimaa) fiduun lubbuu galaafachuu danda’a.
Hepatitis B, C, fi D:
Tooftaaleen itti isaan nama hubame irraa kaanitti daddarbaniin: karaa saalqunnamtiin, waan qara qabu waliin fayyadamuun, dhiigaafi dhangala'aa nama dhukkubicha qabu irraa bahaniif ofeeggannoo malee saaxilamuun, haadhaa irraa gara ilmaa yeroo dahumsaafi achi booda jiraniin, dhiiga nama dhukkubicha qabuu fudhachuu fa'aan daddarbu.
Waa'ee vaayirasiilee tiruu kana: haala, amala, karaalee ittiin daddarban, xaxaawwan isaan fidan, of-eegganno godhamu, talaallii isaanii fi hordooffi barbaachisu irratti, akkasumas qorannoolee isaaniif godhamaniifi qajeeltowwan yaala isaanii kopha kophaan baldhinnaan Kitaaba BU’UURA FAYYAA irraa ni argatu.
--
--
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
Dr. Nuredin Luke