24/06/2026
Hirqinfuu da’imman reefu dhalatan(hiccup in newborns)
************
Hirqinfuun yommuu maashan diafiraamii(maashaa garaa fi qoma/chest/ gidduutti argamu) fedhii sammuun ala kottoonfatu kan uumamudha,si’a kana sanduqni sagalee (vocal cord ) tasa cufachuun sagale ‘hiiqq’jedhu dhageessiisa.
Sababaa hirqinfuu da’imman refuu dhalatanii
Sababni hirqinfuu daa’mman refuu dhalatan jala muramee kana jedhamee yooma hin beekamu ta’eyyuu,kanneen akka sababaatti ka’aman isaan armaan gadiiti.
1. Sirni bula’insa nyaataa kichuu ta’uu
*da’imman ref dhalatan qaamotni sirna bul’insa nyaata kichuu waan ta’anif salphaatti amala dheekkamu(irritation) ni qabaatu,kun immoo nervii diafiramii sochoosu (phrenic nerv fi kan garaachaa(vagus nerv)akka inni si’uu gochuun diafiramiin akka kottonfatu godha,kun hirqinfuu uuma
*amma isaan barbaachisuu ol ykn daddafanii yoo sooratan(annan arma haadha),kun garaachi akka bokokee dhiibbaa diafiramii irraan ga’uun hiqinfuun akka uumamu godha.
*yommuu arma hodhan qilleensi gara garaachaa isaanii yoo seene .
2.waanti isaan sooratan (aannan arma haadha) gara qoonqootti achi ol yommu deebi’u acidii garaacha walin dhufuun diaphramin akka rifatu(irritate ) ta’u gochuun hrqinfuu uumu danda’a.
3.Jijjiirama ho’ina qaama isaanii(temrature change) fkn ho’aa irraa gara qorraatti
4.irra caalaan sababaa hirqinfu da’imman kichuu hin beekamu(idiopathic)
Yoo maal ta’e xiyyeeffannoo/hakiimma ilaalachisuu gafata?
-itti deddeebi’a ykn yeroo dheeraaf irra tura yoo t’e
-irriba ykn soorachuu isaanii irratti dhiibbaa fidaa jira yoo ta’e
-mallttoolee kanneen akka dhaqna ho’isaa,hargansuun isaanii dabaluu,gar malee bo’uu fi kk f waliin kan mul’atu yoo ta’eykn dhibee beekamaa yoo qabaatan.
Akkamitti hirqinfuu da’imman kichuu ittifna?
Hirqinfuu balleessuunillee hin danda’amu garuu,ittisuuf waantota kana gochuu dandeennya.
Akkata sorata (aannan arma haadha haa ta’u kan bira) itti kenninuf mala sirri ta’uu qaba(proper feeding techniques)
Yommu arma hoosifnu xiqqo qaamni isaani ol jechuu qaba(semi-upright position) qilleensi akka hin lqifamne ittisuuf
harma yommuu hoosifnee jennu qaaama isaani ol qabnnee turuun erga isaan deeffatanii raffisuu qabna
amma barbaachisuu ol akka sooratan gochuu hin qabnu,xixiqqeessinee dafnee dafne akka sooratan gochuutu filatama
daa’imni keessan hootu/xuuxxoo kan fayyadamu yoo ta’e suuta akka hodhu gochuu,huraa /qaawwa hootu sanaa dhiphisuu takkatti akka itti hin baayyaneef
erga hodhee daqiiqaa 20-30 daa’imni ol jedhee akka turu gochuu ,kun inni isaan hodhan akka ol hin deebune ykn akka hin bulgafanne gargaara
yommuu baatnuu jabeessinee qabuu dhiisuu(Gentle handling)
erga sooratanii battalumatti da’imman kichuu akka malee taphachiisuuf yaluu dhiisuu
dhaqni isaanii akka hin qorrine uffata seeran itti uffisuu
yommuu isaan hirqinfatan suuta jeennee dugda isaanii rurrukuttuu, kallattii cisicha isaani jijijjiruu kun akka diafiramin dirrirfatu taasiisuun hirqinfuu dhaabuu danda’a.
Galatooma
Dr Jiregna Gemechu