Tariku Bacha page

Tariku Bacha page I am pharmaceict

14/09/2026

Taatee ajaa'ibsisaa!!!!!
Taatee Dinqisiisaa Addunyaa Raasaa jiru tokko.
Loltuun tokko "Akkamittiin nama fuuldura Rabbii dhaabbatutti dhukaasa?" Jedhee dide..
******************************************************
Loltuun tokko akka tasaa target isaa keessaatti loltuu 'udii tokko tulluu dhagaa irraan fagootti fuuldura isaa dhaabatee salaatu arge, ajajaan isaa akka itti dhukaasee ajjeesuu itti hime..

Garuu loltuun kun "hin dhukaasu akkamittiin nama fuuldura salaatu ajjeessa "
Anaaf inni diinummaa siyaasaa qabna malee diinummaan yahuuda nu jidduu hin jiru, inni obboleessa muslimaati , yoon amma isa ajjeese fuuldura Rabbiitti yoo rabbiin nagaafate maaliin deebisaaf "
Isa qofaa miti loltoota isa faana target irra godhatellee " ittti hin dhukaasinaa " jadhee dhoorke" jedhame

Waan ajaa'ibaa ta’u yeroo ammaa sagaleen loltuu kanaa dinqisiifamaa jiraachuun dhagahamaa jira.

Namni Amantaa Qabatee waa'ee amantaa beeku
Hin ajjeesu
Maaliif ?
Ajjeesaan Waaqayyo biraa dhiifamsa hin qabu
Fknf Ilmaan Aaddam haa fudhannuu
Qaayin(Kaayan)Obboleessa Ofii Abeeliin Ajjeese
Rabbiin Obboleessi kee eessa jira jennaan.
Obboleessa koo natu eegaa jedheen.
Dhiigni obboleessa keetii lafaa natti iyyataara jedhee
Kayan(Qaayin)Abaaramaa ta'e.
Kanaaf Ajjeesuun Cubbuu dha.

29/01/2026
09/12/2025

yeroo hundumaa waaqessuu

📖Marq 16:1-4 ¯¯¯ ¹ Sanbanni erga darbee, Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoob, Salomeenis dhaqanii dhagna ...
05/04/2024

📖Marq 16:1-4 ¯¯¯ ¹ Sanbanni erga darbee, Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoob, Salomeenis dhaqanii dhagna Yesus dibuudhaaf urgooftuu bitan. ² Jalqaba torbanii, [gaafa Sanbata guddaa], ganama barii ka'anii akkuma aduun baateen awwaalicha bira ga'an. ³ Karaatti immoo, "Eenyutu dhagicha balbala awwaalichaattii nuuf garagalcha?" waliin jechaa turan. ⁴ Dhagichi baay'ee guddaa ture; itti hiiqanii yommuu ilaalan immoo dhagichi balbala awwaalichaattii garagalfamee argan.
✝️Waaqayyoo humna dadhabootaati; Ayyaanni Waaqayyoo kan dhufeef warra jaboof utuu hin taane, dadhaboota gargaaruudhaafidha.
✝️Ayyaanni isaa humna keenya, akkasumas ga'umsa keenya.
✝️Wanti isin fagootti ilaaltanii sodaattan maaliidha? Wanti isin quba itti qabdanii yaaddoftan maaliidha? Waaqayyoo itti bu'ee isin duraa kuffisuu danda'a.
✝️Dubartoonni gara awwaalichaatti adeemaa turan yaaddoon isaanii dhagicha isa awwaalicha irra ture sanadha. Wanti hunduu akka nuyi fagootti ilaalle sodaannu miti; Waaqqyyoo dadhaboota waan gargaaruuf.
📖Iyo 26:1-2 ¯¯¯¯¯¯ ¹ Yommus Iyoob immoo deebisee, ² "Ati nama humna hin qabne maal maal gargaarte! Nama irreen isaa hin jabaatinis maal maal oolchite!
Qofaa keenya homaa gochuu hin dandeenyu, garuu Waaqayyoo wajjin wanti hunduu salphaadha.
📖Far. 60¯¯¯¯¯¯ ¹¹ Warra nu cunqursan jalaa ba'uuf, gargaarsi namaa homaa waa'ee hin baasu waan ta'eef, ati gargaarsa nuuf kenni! ¹² Waaqayyoo wajjin nuyi humna in godhanna, warra nu cunqursan gad kan dhidhiitu isa.
✝️Jabinakeen, beekumsakeen, ogummaakeen mo'ichi hin jiru; garuu gargaarsa Waaqayyootiin wanyi hundu salphaadha.

14/12/2023

Galatoomaa Dr Nafyad Getu

Maaddii Tolootaa   Wow Dassee well come
28/11/2023

Maaddii Tolootaa
Wow Dassee well come

BARFATTEE KAATULLEE DURSITEEMA GEESSAAWaan tokkollee hin  hafu karoorakee keessaaHumna  maaltu yesuus qabee si  daangess...
19/10/2018

BARFATTEE KAATULLEE DURSITEEMA GEESSAA
Waan tokkollee hin hafu karoorakee keessaa
Humna maaltu yesuus qabee si daangessaa
Hundumtuu karaarraa goree si dabarsaa
Galaana addaan hirtee gadi qabde tulluu
Galmaan geessa hojiikee takkaa karaa hin buluu

AMMAYYUU JIRA Abdiin dhalootaaAmmayyuu jira wabiin  dhalootaaKoottaa ni waaqessinaaYeroo keenyaaf humna  keenya  isaaf  ...
26/08/2018

AMMAYYUU JIRA Abdiin dhalootaa
Ammayyuu jira wabiin dhalootaa
Koottaa ni waaqessinaa
Yeroo keenyaaf humna keenya isaaf aarsinaa

Address

Nek'emte

Telephone

+251933976042

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tariku Bacha page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Tariku Bacha page:

Shortcuts

Share