03/07/2022
“Erga Birbirtiin Citte(Erga Muceen du’ee,erga Ituun capxee)....
Erga Birbirtiin citte,
Yaa’aa qallaa namuu huumoo hin amanu
Gammoojii roqaan jige guffuu malee waa hinhafne.
Guffuulle ibidaa gubee daaraan waa hin hafne.
Daaraa qilleensi fuudhe biyyee malee waa hin hafne.
Lammiin waliif hin galle uumamuudhaan hin malle!”
Gootummaa Muceen qabu himuu isaaniiti. Gootnii Gammoojiin Ituu biqilchite kun jiguu isaa ibsuuf ture. “Erga Ituun caphxee, Erga Muceen Du’ee humaa Nuuf hin hafne, kan amma lubuun hafne kun waa gootummaan Muceen qabu nu keessatti hin hafne. Akkanarra duune baduu wayya...” jechuuf ture basaastoota akka Saalii Usmaanaa kan isaani wajiin waliif galuu oolee,walda Gabri’eelif isaan basaasu kanafaas tuquu barbaadaniiti.
Dur Ituun gaafa Gootni du’uu ni geeyraru, Ni darrashu, ni Mirriguus ture. Akkaataa kanaan dhaamsa waliif dabarsu ture.Kanaan wal sabbaraiisu ture. Akkanan gootummaa goota isaanii dhalootaaf himuu turan.
Kana Malees guyyaa awwaalchuma Mucee;
“Dunfura jaldoo biiroo kan filaan keessa hinjirre.
Laal bitimee xiqoo tan kormi keessa hinjire.
Lammii bobbaa jaldeessaa ka jiraan keessa hinjirre.
Cinaan dubbii hooffee kijibaa tan dhugaan keessa hinjirre.
Jiysaan waa loluu hin dinne, gargaarsaa duuba hinjirre.
Gaala gadoo hin dheeysani
Gowwaa humaa hinbeyne biyya ormaa hingeessani...”
jechuuni ture, guyyaa Walda Gabri’eel humnaan Ummata Baasee Mucee mormaa gadi Awwalanii, muceen mormaa gadi awwalame hogu ilkeen seenaa hojjatu dhabbachaa laalaa turuu isaaniitti nada’amanii, akkasumas gootichi Muceen isaan keessa erga du’ee, kan hafne boobbaa jaldeessati jechuun of tuffatanii, gootummaa Mucee ragaa bahachaa, Muce Ahmad Mucee awwaalanii, biyyeeti deebisan. Dhugaa dubbachuuf gootni hanga daqiiqaa maayii hafuura isaati sabaaf qabsaa’ee, boolla keessatti erga biyyeen itti dachaafamtee mormaa gadi awwalameen boodas, seenaa hojjatee adunyarra darbe, gooticha Ituu Abbaa Duulaa Mucee Ahmad Mucee malee kan jiruu nati hin fakkaatu. Lolli ituu kan bara 1882-1886ti, waggaa Afuriif nafxanyootarratti gaggeefamaa ture,ajjeefamuu gammeeyyii ituutiin booda ximuurame.
Nuttis xumuurre.
Gootni Ituu Warreegama qaqqaalii sabaaf kan kaffalan tahus, hanga ammaa akka waan dhalli irraa hin hafinii, siidaan dhalooni seenaa Abbootii fi Akaakilee isaanii ittiin yaadatu tokkoleen Ona Carcar keessa hinjiru. Kuni tahuun fafa. Dhaloota amma Ona Ituu jiruuf salphina. Kanaafuu callisni kun haa caphuu. Mucee Ahmad Mucee Goota Siidaan Dhaabbamuufi Qabu dha.
Madda (References;)
Kitaaba Minilik’s occupation of Harar
kitaaba Harold Marcus;
kitaaba History of Oromoo in the era of (1600-1880s) war of Arsi.
Kitaaba “With the Armies of Menelik II” the journal of Bulatovich's second trip to Ethiopia second edition.
Abbaa Gadaa Ona Ituu; Yuusuf Ahmad.
Hayyuu fi Manguddicha carcar Jamaal Araboo
Obbo Jamaal Ussoo Mommayya
Hayyuu seenaa fi Artistii Callaa Carcar
Kitaabaa “Betweeem the jews of Hayna” ja’u.
The Arsi Oromoo resistance against minilik’s in invanding army.
Kitaaba Marshaal De Salvaic 1901
Kitaaba Otto Harrassowith verlag, yhe diplomatic history of ethiopia.
Caulk, the occupation of Of minilik
Journal of oromoo studies valuemi adda adda!
Afseenaa-Oromoota Ituurraa..,
Kkf
Itti fufa…………