03/05/2023
KULKULFANNAA (INFLAMMATION)
============================
Kulkulfannaa yeroo jedhamu dhageessanii beektuu laa? Dubbisni armaan gadii dhimma kanarratti kan xiyyeeffate dha. Itti dhiyaadhaa!
KULKULFANNAA JECHUUN MAALI?
---------------------------
Qaamni keenya dandeettii dhibee ofirraa ittisuu ni qaba. Dandeettiin uumamaan nuuf kenname kun MADINUMMAA (IMMUNITY) jedhama. Madinummaan keenya dhibee nurraa qolachuu, qaamni keenya dafee akka fayyu gochuu fi balaa nu mudatu dandamachuu akka dandeenyu gochuuf nu gargaara.
Qaamni keenya dhibeen yoo hubamu, madinummaan keenya dhibee kana nurraa qolachuu eegala. Deemsa kana keessatti, qaamni keenya dhiita’uu, diimachuu fi dhukkubuu eegala. Jijjiiramni qaama irratti mul’atu kun 'Kulkulfannaa' (Inflammation) jedhama. Tarii “qaamnikoo na kulkule” yeroo jedhamu dhageessanii beektu ta’a. Jechi kunis loqoduma ummataa kanarraa fudhatame.
Qaamni keenya yeroo kulkulfatu dalagaa idlee isaa raawwachuu hanqata. Fakkeenyaaf: miilli keenya yoo nu kulkule okkoluu dandeenya. Iji keenya yeroo kulkulfatu dandeettiin arguu keenyaa hir’achuu mala. Haa ta’u iyyuu malee, dhibee nu mudaterraa fayyuu yoo eegallu dalagaan qaama keenyaas bakkatti deebi’aa deema.
Madinummaan qaama keenyaa akkuma faayidaa qabu, si’a tokko tokkos miidhaa nurraan ga’uu danda’a. Kana hubachuuf, fakkeenya tokko fudhannee ilaaluun barbaachisaa dha. Madinummaan keenya ministeera waraanaa qaama keenyaa ti. Dhibeen immoo nyaaphatti fakkeeffama. Qaamni dhibeen hubame immoo dirree waraanaatti fakkeeffama. Dirree waraanaa madinummaanii fi dhibeen irratti wal-waraanan akka jechuuti.
Waraanni yeroo geggeeffamu, gareewwan lolatti hirmaatan qofa utuu hin taane, lammiileen nagaas gidduutti miidhamuu malu. Haaluma wal-fakkaatuun, madinummaan keenya lola cimaa kan geggeessu yoo ta’e, dhibee nurraa qolachuu bira darbee seelotuma qaama keenyaa mancaasuu danda’a. “Arbi lama yeroo wal-lolan, gidduutti kan miidhamu marga” jedhama mitii ree.
Gabaabumatti, madinummaan keenya lola cimaa yeroo geggeessu, qaamni keenyas akkaan kulkulfata. Kulkulfannaan akkanaa miidhaa cimaa nurraan ga’uu danda’a.
QAAMOLEEN SALPHAATTI MIIDHAMUU MALAN MAAL FA'A?
-------------------------------
Qaamoleen haala kanaan salphaatti miidhamuu danda’an sammuu, ija, kalee fi kkf fa’a. Gara ijaatti yoo dhufnu, caasaaleen salphaatti miidhamuu malan: caasaalee keessoo ijaa jiran, narvii agartuu, maashaalee ijaa fi kkf fa’a.
Kulkulfannaan qaama keenya miidhu kamuu akka dhibee of danda’e tokkootti ilaalamuun yaala barbaachisu argachuu qaba. Dawaan kulkulfannaa kana xiqqeessuuf gargaaran ni jiru. Dawaa kanneenfayyadamuun miidhaalee nurra ga’uu malan ittisuu ni dandeenya.
Barruun kun kitaaba FAYYAA IJAA fuula 28-30 irraa gabaabbatee kan fudhatame dha.
DR. SANYII JALQABAA