Dr. Sanyii Jalqabaa

Dr. Sanyii Jalqabaa Odeeffannoo fayyummaa keessan, keessumaa immoo, fayyummaa ija keessanii eeggachuuf isin gargaaran fuula kanarratti hordofuu dandeessu. Galatoomaa! Thanks!

On this page, you will find important tips for your eye health and related.

03/05/2023

KULKULFANNAA (INFLAMMATION)
============================
Kulkulfannaa yeroo jedhamu dhageessanii beektuu laa? Dubbisni armaan gadii dhimma kanarratti kan xiyyeeffate dha. Itti dhiyaadhaa!

KULKULFANNAA JECHUUN MAALI?
---------------------------
Qaamni keenya dandeettii dhibee ofirraa ittisuu ni qaba. Dandeettiin uumamaan nuuf kenname kun MADINUMMAA (IMMUNITY) jedhama. Madinummaan keenya dhibee nurraa qolachuu, qaamni keenya dafee akka fayyu gochuu fi balaa nu mudatu dandamachuu akka dandeenyu gochuuf nu gargaara.

Qaamni keenya dhibeen yoo hubamu, madinummaan keenya dhibee kana nurraa qolachuu eegala. Deemsa kana keessatti, qaamni keenya dhiita’uu, diimachuu fi dhukkubuu eegala. Jijjiiramni qaama irratti mul’atu kun 'Kulkulfannaa' (Inflammation) jedhama. Tarii “qaamnikoo na kulkule” yeroo jedhamu dhageessanii beektu ta’a. Jechi kunis loqoduma ummataa kanarraa fudhatame.

Qaamni keenya yeroo kulkulfatu dalagaa idlee isaa raawwachuu hanqata. Fakkeenyaaf: miilli keenya yoo nu kulkule okkoluu dandeenya. Iji keenya yeroo kulkulfatu dandeettiin arguu keenyaa hir’achuu mala. Haa ta’u iyyuu malee, dhibee nu mudaterraa fayyuu yoo eegallu dalagaan qaama keenyaas bakkatti deebi’aa deema.

Madinummaan qaama keenyaa akkuma faayidaa qabu, si’a tokko tokkos miidhaa nurraan ga’uu danda’a. Kana hubachuuf, fakkeenya tokko fudhannee ilaaluun barbaachisaa dha. Madinummaan keenya ministeera waraanaa qaama keenyaa ti. Dhibeen immoo nyaaphatti fakkeeffama. Qaamni dhibeen hubame immoo dirree waraanaatti fakkeeffama. Dirree waraanaa madinummaanii fi dhibeen irratti wal-waraanan akka jechuuti.

Waraanni yeroo geggeeffamu, gareewwan lolatti hirmaatan qofa utuu hin taane, lammiileen nagaas gidduutti miidhamuu malu. Haaluma wal-fakkaatuun, madinummaan keenya lola cimaa kan geggeessu yoo ta’e, dhibee nurraa qolachuu bira darbee seelotuma qaama keenyaa mancaasuu danda’a. “Arbi lama yeroo wal-lolan, gidduutti kan miidhamu marga” jedhama mitii ree.

Gabaabumatti, madinummaan keenya lola cimaa yeroo geggeessu, qaamni keenyas akkaan kulkulfata. Kulkulfannaan akkanaa miidhaa cimaa nurraan ga’uu danda’a.

QAAMOLEEN SALPHAATTI MIIDHAMUU MALAN MAAL FA'A?
-------------------------------
Qaamoleen haala kanaan salphaatti miidhamuu danda’an sammuu, ija, kalee fi kkf fa’a. Gara ijaatti yoo dhufnu, caasaaleen salphaatti miidhamuu malan: caasaalee keessoo ijaa jiran, narvii agartuu, maashaalee ijaa fi kkf fa’a.

Kulkulfannaan qaama keenya miidhu kamuu akka dhibee of danda’e tokkootti ilaalamuun yaala barbaachisu argachuu qaba. Dawaan kulkulfannaa kana xiqqeessuuf gargaaran ni jiru. Dawaa kanneenfayyadamuun miidhaalee nurra ga’uu malan ittisuu ni dandeenya.

Barruun kun kitaaba FAYYAA IJAA fuula 28-30 irraa gabaabbatee kan fudhatame dha.

DR. SANYII JALQABAA

QAROO NAMA TOKKOO NAMA BIRAATIIF JIJJIIRUU (CORNEAL TRANSPLANTATION)========Ramadan Kareem! Ramadan Mubarak!Akkuma beeka...
23/03/2023

QAROO NAMA TOKKOO NAMA BIRAATIIF JIJJIIRUU (CORNEAL TRANSPLANTATION)
========
Ramadan Kareem! Ramadan Mubarak!
Akkuma beekamu ji'i soomanaa ji'a arjummaa ti. Kanumaan wal-qabatee waa'ee qaroo ofii arjoomuu haa ilaallu.

Qaroo ofii eenyutu arjoomuu danda'a?
Qaroon kunimmoo namoota akkamiitiif kennama?

Waa'ee kanaa hubachuuf barruu armaan gadiitti dhiyaadhaa!

Barruun kun kitaaba "FAYYAA IJAA" fuula 145-147, akkasumas fuula 152 irraa kan fudhatame dha.

Dr. Sanyii Jalqabaa.

JAAMINA HALLUU (COLOR BLINDNESS)===============Dhalli namaa, bineensotnii fi ilbiisotni tokko tokko halluuwwan adda baas...
21/03/2023

JAAMINA HALLUU (COLOR BLINDNESS)
===============
Dhalli namaa, bineensotnii fi ilbiisotni tokko tokko halluuwwan adda baasanii arguu danda’u. Kunis faayidaalee hedduu qaba. Fakkeenyaaf: kaannisni daraaraa isaaniif mijatu adda baafachuu akka danda’aniif isaan gargaara.

Nutis, halluuwwan mudraalee ilaaluun bilchaachuu fi dhiisuu isaanii adda baafachuu dandeenya. Akkuma kana, ibsaa tiraafikaa ilaaluun yoom karaa qaxxaamuruu akka qabnu beekuu dandeenya (fakkiilee armaan gadii ilaaluu dandeessu; fakkii 16.9 (A) fi (C)).

Haa ta’u malee, namootni tokko tokko halluuwwan adda baasanii arguu hin danda’an. Rakkoon akkanaa Jaamina Halluu (Color Blindness) jedhama.

Irra-jireessi dhibee kanaa dhaalaan yookaan sanyiidhaan namatti dhufa. Darbee darbee immoo, dhibeewwan ija namaa miidhuun beekaman kanneen akka dhibee sukkaaraa, dhibee dhiibbaa ijaa (gilaakoomaa) fi kkf fa’aan nutti dhufuu danda’a. Qorichootni tokko tokkos (fakkeenyaaf, daranyoo sombaatiif kan kennaman) rakkoo akkanaa nutti fiduu malu.

Dhibeen kun dhiibbaa garaa garaa namarraan ga’uu danda’a. Akkuma beekamu, kitaaboleen daa’immanii halluuwwan garaa garaatiin kan faayamani dha. Kana waan ta’eef, daa’imman jaamina halluu qaban kitaabolee kana dubbisuuf baay’ee rakkatu. Kunimmoo, barnoota isaanii irratti dhiibbaa uumuu bira darbee ofitti amanamummaa isaanii illee gadi buusuu danda’a.

Akkuma kana, ibsaa tiraafikaa adda baasanii arguu dhabuu irraan kan ka’e balaa garaa garaaf illee saaxilamuu danda’u. Daa’imman akkanaatiif eegumsi addaa godhamuufii qaba.

DHIBEEN KUN AKKAMIIN NAMATTI DHUFA?
===========
Iji keenya seelota waa arguuf nu gargaaran hedduu of-keessaa qaba. Kanneen keessaa halluu arguuf kan gargaaran "Seelota Koonii" (Cone Cells) jedhamu. Seelotni kun miiliyoona 6 olitti kan tilmaamaman yoo ta’u, dalagaa isaanii irratti hundaa’uun gosa garaa garaatti hiramu. Seelotni kun fayyaaleyyii yoo ta’an, halluuwwan garaa garaa adda baasnee arguu dandeenya. Uumamaan hanqina yoo qabaatan, yookaan dhibeen yoo miidhaman immoo halluuwwan adda baasuun rakkisaa ta’a.

Seelotni muraasni qofti hanqina yoo qabaatan, halluuwwan tokko tokko adda baasuu baannus halluuwwan biroo arguu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, daa’imman halluu diimaa fi magariisa adda baasuu hin dandeenye, cuquliisaa fi keelloo immoo adda baasanii arguu malu.

Haa ta’u malee, si’a tokko tokko seelotni kun guutummaan guutuutti hanqina qabaachuu malu. Daa’imman rakkoo akkanaa qaban halluu kamuu arguu hin danda’an. Daa’imman kun akka viidiyoo bara durii waraabaman sanaatti addunyaa kana hubatu. Wantootni hundinuu daalachaa fi gurraacha (black and white) fakkaatanii isaanitti mul’atu jechuu dha (fakkii armaan gadii ilaaluu dandeessu; fakkii 16.9 (F)).

DHIBEE KANA DURSINEE BARUUF MAAL GOCHUU QABNA?
==============
Daa’imman dhibee kana qaban dursinee adda baasuun barbaachisaa dha. Kunimmoo, ga’ee ogeessa fayyaa qofa utuu hin taane, maatii daa’immanii fi barsiisota isaanii illee ni ilaallata.

Daa’imman dhibee kana qabaachuu isaanii dursinee baruuf, wantoota armaan gadii gochuutu nurraa eegama.

1. Barnoota idlee eegaluu isaaniitiin dura, yookaan waggaa 3-5 gidduutti ogeessa bira geessinee fayyummaa ija isaanii ilaalchisuu qabna.

2. Yeroo kamuu, dhibee kana qabaachuu isaanii yoo shakkine ogeessa bira geessuun ilaalchisuu qabna.

3. Mana barumsaa keessattis, daa’imman halluu adda baasuu hin dandeenye yoo nu mudatan, maatii isaaniitti beeksisuun ogeessa bira akka geeffaman gochuu qabna.

Yaala dhibee kanaa fi xiyyeeffannoo daa’imman kanaaf taasifamuu qabu kitaaba “FAYYAA IJAA” keessatti bal’inaan ibsamee jira.

Barruun kun kitaaba “FAYYAA IJAA” fuula 242-246 irraa gabaabfamee kan fudhatame dha.

Dr. Sanyii Jalqabaa

Address

Nekemte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Sanyii Jalqabaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share