Dr. Mohammed Kedir

Dr. Mohammed Kedir Furtuu Fayyaa
(3)

Jabaa ufii abbaatu jabbeefataa please haa filannuDr Ebrahim (Ebriti) UmarClick on the Link below under The photo of Dr E...
20/04/2026

Jabaa ufii abbaatu jabbeefataa please haa filannu
Dr Ebrahim (Ebriti) Umar
Click on the Link below under The photo of Dr Ebrahim (Ebriti) Umar, you can vote only once but you can share the Link multiple times. Gatii Osoo Hin baafne , Waan gatii qabu Haa hojjannu,,
Haa filannu, haa filachiifnu, Link kana waliif Haa qoodnu! Baayinni keenya guyyaa akkanaf Yoo Hin taane yoomiif ta'a https://changemakeraward.com/share/id-mo2yd1vhu5xhpx1pff.html?cat=cat_health_advocate

Oral reconstruction (pedicled buccal fat pad +buccal mucosal advancement) jalqaba Baalee Roobeeti dalagameDhitoo irgaa i...
20/04/2026

Oral reconstruction (pedicled buccal fat pad +buccal mucosal advancement) jalqaba Baalee Roobeeti dalagame

Dhitoo irgaa ilkaani koorraattii yeroo dheeraaf ture yaaddoo nati uume

Jecha dhukkubsattu koo tokkoti. Dhitoon irgaa ilkaan ishee gara gubbaa kan bittaan jiru irraati biqile qabdi(akkuma suuraa irraattii muldhatu). Yeroo baay’eef mana yaala adda adda deemtus isheedhuma muldhattu qofa irraa mura dhiitichi ammoo deebi’e biqila. Sababa kanaan garakoo ergaa dhufte booda jalqabaati raajii Ct Scan jedhamu ergaa kaasisen booda samuuda xiqqoo bakka dhiita’e kana irraa fudhadhe.

Bu’aansa samuuda murames dhibee ossifying fibroma jedhamu yeroo lafeen keenyaa fooniin bakka bu’uun uumamen kan dhufedha. Ct Scan irraatti ammoo dhitoon kuni hanga saayinasi maxillari jedhamuti kan guddate waan tahe waa’ee yaalaa kanas dhukkubsattu koo waliin mari’anne kananis lafee gubbaa ilkaani kan maxillaa jedhamu hanga tessumma maxilari sayinaasiti akkasuma foon laanqaa hanga tokko kan dhibiichan midhamees kessa baasne.

Sababa dhitoo murameen foon ittin cufamu waan hin jirree yaala reconstruction double layer tahe akka afaanifi saayinaasin walitti bahe hin hafnef “ pedicled buccal fat pad and buccal mucosal advancement bakka hir’ate yeroo jalqabaaf baalee Rooobeeti dalagnefi. Erga yalamte ji’a 1 booda akkuma suuraa irraatti argitanin faayite jirti.
Hub:-mee naamonnii rakkoo afaan kessaa qabdaan suuraa naf erga

Dr Abreham.A( Subspeeshalistii yaala fuula, afaan kessaa fi mormaa olii)
🏥 HOSPITAALA MEELBAA ✨
— Tajaajila amanamaa fi qulqullina olaanaa —
📍 Teessoo:
🏙️ Roobee, Baalee
🛣️ Addabaabayii Waaqoo Guutuu, karaa bahaa
🏢 Marfata Gooroo, gamoo Boing duraanii irratti
📞 Lakkoofsa Bilbilaa:
📲 0222 44 44 44
👉 Fayyaa keessaniif filannoo sirrii!

FAAYIDAA BISHAAN OKRAABishaan okraa faayidaa hedduu qaba:1. Fayyaa bullaa'insa nyaataa: Fiiber bullaa'aa okra keessatti ...
20/04/2026

FAAYIDAA BISHAAN OKRAA
Bishaan okraa faayidaa hedduu qaba:

1. Fayyaa bullaa'insa nyaataa: Fiiber bullaa'aa okra keessatti argamu bullaa'insa nyaataa to'achuufi qufaa salphisuuf gargaara.

2. To'annoo Sukkaara Dhiigaa: Qorannoowwan tokko tokko akka jedhanitti, okraan hamma sukkaara dhiigaa gadi buusuuf gargaaruu danda'a, kunis namoota dhukkuba sukkaaraa qaban fayyaduu danda'a.

3. Fayyaa Onnee: Fiber fi antioxidants okra keessa jiran hammi kolestroolii gadi buusuun fayyaa onnee fooyyessuuf gumaacha taasisuu danda'a.

4. Amaloota Antioxidant: Okraan antioxidants kan akka flavonoids fi vitamin C kan of keessaa qabu yoo ta'u, isaanis dhiphina oksijiinii fi inflammation ittisuuf gargaaru.

5. Ulfaatina qaamaa to'achuu: Fiiber okra keessa jiru akka quufa sitti dhaga'amu gargaaruu danda'a, kunis ulfaatina qaamaa to'achuuf gargaaruu danda'a.

6. Soorataa Badhaadhaa: Okraan madda gaarii vitaamin C fi K, akkasumas folate, magnesium, fi fiber qaba.

Bishaan okraa qopheessuuf:

1. Wantoota barbaachisan:
- Poodii okraa haaraa 4-5
- Bishaan liitira 1

2. Qajeelfama:
1. okraa sirriitti dhiqachuu.
2. Tokkoon tokkoon okra fiixee lamaan irraa muraa.
3. Okra gara geengoo haphiitti cicciruu ykn dheerinaan addaan qoodu.
4. okraa sana qodaa guddaa keessa kaa'i.
5. Bishaan sana gara qaruuraa sanaatti dabaluu.
6. Halkan tokkoof ykn yoo xiqqaate sa'aatii 8f haa jiidhuu.

8. Firee okraa keessaa baasuun gataa.
9. Bishaan okraa firijii keessatti kuusuun ganama ganamq dhuguu.

Yaadadhaa, bishaan okraa faayidaa ta'uu danda'u kana kan kennu yoo ta'u, fayyaa waliigalaatif akka qaama nyaata madaalawaa ta'etti fayyadamuun barbaachisaa dha. Yeroo hunda gorsa dhuunfaa argachuuf ogeessa fayyaa mariisisaa

Dr. Mohammed Kedir
Galatooma

19/04/2026

Hospitaala meelbatti, Abba keenya yaala qaama fi xin-sammulle godhafi jirra
Hospitaala meelbaa

18/04/2026

Abba keenya waliin yeroo dhiyootii hospitaala meelbatti hojii ni jalqabna.

Congratulations, my mate Dr Amiin Jemal
18/04/2026

Congratulations, my mate Dr Amiin Jemal

18/04/2026

Hafura badaa Afaan Balleessuf

AKKA DUUTU YAADDEE BEEKTAA?✍Jiraachuuf jenne sobna.✍Nyaachuuf jenne hanna.✍️Gammachuudhaaf jettee ejjita.✍️Sooreessa ta'...
17/04/2026

AKKA DUUTU YAADDEE BEEKTAA?

✍Jiraachuuf jenne sobna.
✍Nyaachuuf jenne hanna.
✍️Gammachuudhaaf jettee ejjita.
✍️Sooreessa ta'uuf dhagaan ati gara hin galchine hin jiru.
✍️Keessaan jiraadha jettee mana ijaarratta.
✍️Beekumsan argadha jettee ni baratta.
✍️Mucaan godhadha jettee fuuta naaf hin taane jettee hiikta
✍️Miilaan hin deemu jettee konkolaataa bitatta.
✍️Haadha manaa osoo qabduu kan biraa hawwita.
✍️Mucaa tokko yoo qabaatte isa lammaffaa yaadda.
✍️Diploomaa yoo qabaatte digriidhaaf dhippata.
✍️Maastarsii yoo qabaatte PhD
Yaadda.
✍️Mana tokko yoo qabaatte lammaffaaf dhippata.
✍️Konkolaataa tokko osoo qabduu kan biraa yaadda.
✍️Baadiyyaa yoo jiraatte magaalaa naannoo kee galuu hawwita.
✍️Magaalaa naannoo kee yoo galtu Finfinne galuu hawwita.
✍️Finfinnee yoo galte immoo Awurooppaa,Ameerikaa hawwita.
✍️Ameerikaa yoo galte immoo pilaaneeti biraa arguuf wareegamta.
✍️ milishaa ganda yoo tatee bulchaa tahuuf dhiphatta.
✍️Bulchaa anaa yoo taate kan godinaa ta'uuf dhippata.
✍️ Bulchaa godinaa yoo taate .... ministeera muummee ta'uuf yaadda.

Obboleessa koo obboleettii koo

Guyyaa duutu yaaddee beektaa?
Yooman du'a jettee of gaafattee beektaa?
Of yaadadhu waan gaarii dalagi rabbii kee hin mufachiisin✍

Toonsilii jechuun maalii?Tonsiliin akka baay'een keenya yaadne sanatti dhukkuba miti. Tonsiliin walitti qabama xannachoo...
16/04/2026

Toonsilii jechuun maalii?

Tonsiliin akka baay'een keenya yaadne sanatti dhukkuba miti. Tonsiliin walitti qabama xannachoota xixiqqoo seelii uumamaan qaama keenya irraa dhukkuba ittisuuf gargaaraniidha. Innis utubaa qoonqoo keenya gara duubaa, arraba duuba, laagaa fi kutaalee funyaan keessaa gama duubaa wal qunnamsiisudha.

Gosoota tonsilii fi moggaasaalee isaanii

1. Toonsilii arraba duubaa irratti mul’atu (lingual tonsil).
2. Toonsilii laagaa irratti argamu (Palatine tonsil)
3. Toonsilii laagaa fi qaawwa keessoo gurraa gama duubaati argamu (Tubal tonsils)
4. Adenoids / pharyngeal tonsils (utubaa afaanii gubbaa fi gama keessoo funyaaniitti maxxanee kan argamudha) .

Toonsiliin kan uumama gaafa daa’imni gadameessa haadhaa keessatti uumamu torban jalqabaa 4-6 keessattidha.

Faayidaan Toonsilii maalii?

Baakteeriyaa afaanii fi funyaaniin seenan nurraa dhorkuudha. Isaanis qaama Tishuu limfooyidii membireenii wajjin walitti maxxananii jiranidha. Infeekshinii ittisuu keessatti iddoo guddaa qabu. Madinummaa jalqabaa (primary immunity) jarmoota nurraa eegan keessaa tokkodha.

Toonsilii fi huubni qoonqoo tokkodhaa?

Lamaanuu naannoo laagaa keessatti argamu. Garuu walitti dhufeenyi isaanii ollummaa malee tajaajilli kennan kan wal fakkaatu miti.

Huuba qoonqoo (Uvula):- Huubni qoonqoo qaama laagaa keessaa gadi rarraatee mul’attudha. Nyaata naannessuu, liqimsuu fi dubbii afaanii keessatti gahee guddaa kan qabudha; Toonsilii wajjin waan wal qabatu hin qabu.

Infeekshinii Toonsilii (Tonsillopharyngitis)

Dhibeen kuni yeroo Toonsiliin fi keessoon laagaa jarmootaan weeraramanidha.Jarmootni kunis Vaayiraasii, baakteeriyaa tahuu danda’u.

Vaayireesota infeekshinii toonsilii fidan
*Adeenoovaayirasii,
*Enterovirus,
*Epstein-Barr virus,
*Herpes virus
*Measle,
*Cytomegalovirus kan jedhamanidha.

Baakteeriyaa infeekshinii Toonsilii fidan

*GABHS-baay’inaan mul’atan,
*S.pyogens,
*M.pneumonia,
*Baakteeriyaa giraam negaatiivii keessaa tahan- (10-15%)

Mallattooleen Infeekshinii Toonsilii maal fa’aa?

*Ho'insa/gubaa qaamaa,
*Liqimsuu dadhabuu/dhukkubbii eroo liqimsuu:
*mataa dhukkubbii,
*Foolii afaanii badaa,
*Dhiita’uu xannachoota naannoo mormaa keenyaa jiranii,
*Yeroo rafiitii kurruufuu
*qufaa

Karaalee daddarbinsa Infeekshinii Toonsilii

1. Dhangalaa yeroo hargansuu
2. Tuquudhaan
Infeekshiniin toonsilii baakteeriyaan dhufu daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa ol ta’e kan miidhu yoo ta’u, irra caalaan isaanii umuriin isaanii waggaa 5-15 gidduutti kan argamanidha. Daa’imman waggaa lamaa gadii irra caalaa infeekshinii Toonsilii Vaayirasiin dhufuun qabamu; carraan baakteeriyaan qabamuu xiqqaa tahus umurii waggaa tokkoo booda ni jiraata. Waggaa tokko dura garuu carraan infeekshinii toonsilii baakteeriyaan dhufuu qabamuu baayyee baayyee xiqqaadha.

Rakkoolee infeekshinii Toonsiliin wajjin walqabatan

1. Malaa kuufachuu naannoo Toonsilii (tonsillar and retropharyngeal abscess)
2. Dhukkuba Sombaa (Pneumonia)
3. Infeekshinii haguugduu sammuu (Mmeningitis)
4. Dhukkuba Onnee gosa Rihuumatik jedhaman (Rheumatic heart diseases)
5. Dhukkuba Kalee (Post-streptococcal glomerulonephritis)
6. Dhiitahuu Toonsilii (adenotonsilar hypertrophy)

Wal’aansa infeekshinii Toonsilii

Jalqaba irratti, sababni isaa baakteeriyaa ykn vaayirasii ta’uu isaa adda baasuun barbaachisaadha. Karaalee adda baasuu dandeenyu kan armaan gadiiti. Isaanis:-
Yoo vaayirasii ta'e mallattoon utaalloo ni jiraatu; garuu, yeroo tokko tokko vaayirasii ta'ee jalqabee gara baakteeriyaatti jijjiiramuu waan danda'uuf of eeggannoo gochuu qabna.
1. Yoo malaa kan of irraa qabu tahe mallattoo baakteeriyaati garuu kanas mirkaneeffachuu barbaachisaa.
2. Yoo foon ilkaanii, hidhii ykn arrabni yoo kan dhukkubu tahe mallattoo vaayirasii ti.
3. Qorannoo seelii dhiiga adii fi kan kanaan walqabatu taasisuun
4. Wanta akka adii fakkaatu kan toonsilii irra faca’ee jiruu yoo tahe kan baakteeriyaan dhufudha.

Qoricha infeekshinii toonsiliif!

*Dhukkubbii kan hir’isu fudhachuu/kennuu
*Qoricha farra baakteeriyaa- Kuni sababni infeekshinii toonsilii yoo baakteeriyaa tahe qofa kennama.
*Dhangala’aa gahaa fudhachuu fi boqonnaa.
*bishaaniin ulachuunis faayidaa ni qabaata
*Cuunfaa Burtukaana ykn loomii xuuxuun/akka dhugan gochuu faayidaa ni qabaata.
*Madaa afaan keessaa yoo jiraatee fi dhukkubbiin kan rakkisu yoo tahe ashaboo bishaan bulluqetti dabaluun akka lulluuqatan gochuunis ni fayyada.

Fayyaan Daa'immaniif!
Dr. Sabona Lemessa- Pediarician

15/04/2026

Dhukkubbii isaa dhiira qofattu beeka😁😁😁

Abban keenya waliin Melba Hospitalitti
13/04/2026

Abban keenya waliin Melba Hospitalitti

Address

Bale Robe
Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Mohammed Kedir posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Mohammed Kedir:

Share

Category