Baraka Medical Center

Baraka Medical Center Baraka Internal medicine speciality center:
Healing hands and caring hearts.

MAAlUMMAA DHIBEE OOTIZIMII ‎          ======‎Dhibeen kun rakkoo/haala  guddinaa fi dagaagina narvii sammuutiin kan dhufu...
15/06/2026

MAAlUMMAA DHIBEE OOTIZIMII
‎ ======
‎Dhibeen kun rakkoo/haala guddinaa fi dagaagina narvii sammuutiin kan dhufu ta’ee umurii da’immummaa irraa kaasee daa’imman dhibee kanaan qabaman rakkoo hariiroo nama biraa wajjin uumuu, rakkoo haasa’uu /dubbachuu fi amala waa irra deddeb’uu agarsiisuu danda’u.
‎Dandeettiin waa baruu, yaaduu fi rakkoo furuu namoota kanaa qara lama qabaachuu danda'a. kennaa garmalee guddaa tahe qabaachun kan namootni kaan hin dandeenye kan hojjetan, qaroomina addunyaaf kan gumaachan tahuu malu .
‎MALLATTOOLEE OOTIZIMII AKEEKAN
‎======
‎¶. Guddinni fi dagaaginni isaanii duubatti deebi’uu. Daa’imni dhibee kanaan qabaman dandeettii dura of-harkatti galfate deebi’ee dadhabuu.fkn jecha waamuu danda’e deebi’ee dadhabuu, dandeettii nama waliin taphachuu hir’achuu jalqabuu.

‎¶. Wanta barbaadanitti dandeettii quba qabuu hin qaban ykn mallattoon agarsiisu hin danda’an.
‎¶. Dafanii dubbachuu ykn dandeettii¶ dubbachuu horachuu dadhabuu danda'u.
‎¶. Haala hawaasummaa keessatti haala adda ta’een hirmaachuu. Garmalee jeequu ykn callisuu agarsiisu, dhimma namatti dhabuu, adda of baasuu.

‎¶. Hiriyaa horachuu dadhabuu, walumaa galattii dadhabina walitti dhufeenya hawaasummaa qabu.

‎¶. Dandeettii fuula irraa miira namaa dubbisuu dhabuu.

‎¶. Yeroo baayyee Filannoo adda ta’e cichaan /irra deddeebiin godhu.

‎¶. Sochii qaama adda ta’e kan faayidaa hin qabne irra deddeebiin godhu. Fkn harka facaasuu,mataa raasuu ,quba hodhuu, irra deddeebiin ofirraa naanna’uu
‎¶. Ijoolleen kun rakkoo miiraa ni qabu.
‎¶. Maqaa isaaniitiif deebii kennuu dhabuu. Gaafa waamaman awwaachuu dhiisuu
‎¶. Simannaa ho’aa, urursaa jibbuu ykn qofaa filachuu
‎¶. Taphoota akkeessuu taphachuu dadhabuu fkn qoda qodaa taphachuu hin danda’an
‎======
‎FURMAATA
‎===
‎¶Ijoolleen OOTIZIMII qaban dandeettiin waa baruu isaanii duubatti harkifataa /adda tahuu waan maluu barnoota idilee hordofuun isaaniitti jabaa tahuu danda’a. barnoota al-idilee barbaachisaa tahuu mala

‎¶.Kanaaf maatiin ijoollee ofii mallattoo aramaan olii agarsiisan manatti itti cufuu dhiisanii yeroon gara mana yaalaa geessuun gorsa ogeessa argachuu feesisa.

‎maddi fuula Fb
‎Dr. Daawwitii wabeeffanne.

‎የጨጓራ ካንሰር‎የጨጓራ ካንሰር የጨጓራ የውስጠኛው ሽፋን ላይ የሚጀምር የካንሰር ዓይነት ነው። ብዙውን ጊዜ ለብዙ ዓመታት ቀስ በቀስ የሚዳብር ሲሆን በመጀመሪያዎቹ ደረጃዎች ላይ ግልጽ የሆኑ...
10/06/2026

‎የጨጓራ ካንሰር
‎የጨጓራ ካንሰር የጨጓራ የውስጠኛው ሽፋን ላይ የሚጀምር የካንሰር ዓይነት ነው። ብዙውን ጊዜ ለብዙ ዓመታት ቀስ በቀስ የሚዳብር ሲሆን በመጀመሪያዎቹ ደረጃዎች ላይ ግልጽ የሆኑ ምልክቶችን ላያሳይ ይችላል።

‎ ~የተለመዱ ምልክቶች የሚከተሉትን ያካትታሉ፦
‎• የማያቋርጥ የሆድ ህመም ወይም ምቾት ማጣት
‎• የምግብ ፍላጎት መቀነስ
‎• በጥቂቱ ከተመገቡ በኋላ ወዲያውኑ የመጠገብ ስሜት መሰማት
‎• ያለበቂ ምክንያት የክብደት መቀነስ
‎• ማቅለሽለሽ ወይም ማስታወክ (አንዳንድ ጊዜ
‎ ከደም ጋር)
‎• የመዛል ወይም የድካም ስሜት

‎~ለበሽታው የመጋለጥ እድልን የሚጨምሩ ነገሮች ምን ምን ናቸዉ?
‎• የኤች. ፓይሎሪ (H. pylori) ባክቴሪያ ኢንፌክሽን
‎• ሲጋራ ማጨስ
‎• በእንጨት ወይም በከሰል እሳት የሚወጣ ጭስ ላይ በማጋለጥ የሚዘጋጁ፣ በጣም ጨዋማ የሆኑ ወይም የተቀነባበሩ ምግቦችን በብዛት መመገብ
‎• በቤተሰብ ውስጥ የጨጓራ ካንሰር ታሪክ መኖር
‎• የረጅም ጊዜ የጨጓራ ቁስለት

‎~በሽታው በመጀመሪያዎቹ ደረጃዎች ላይ ብዙ ጊዜ ምንም ዓይነት ምልክት ስለማያሳይ፣ የማያቋርጡ የጨጓራ ችግሮችን ችላ ማለት የለብንም። ቀድሞ መመርመር እና በሽታውን ማወቅ የሕክምናውን ስኬታማነት በእጅጉ ይጨምራል።

‎📞 fast call 6503
‎ 📞 0903030503/098905366

‎📍አድራሻችን: ባሌ ሮቤ በረካ ሆስፒታል

MAALUMMAA DHUKKUBA ISTIROOKII‎‎Dhukkubni kun yeroo hiddoonni dhiigaa sammuu keessaa miidhamuudhaan dhiigni sammuu keessa...
09/06/2026

MAALUMMAA DHUKKUBA ISTIROOKII

‎Dhukkubni kun yeroo hiddoonni dhiigaa sammuu keessaa miidhamuudhaan dhiigni sammuu keessatti dhangala’u yookan qaqal’achuufi dhiphachuu hiddoota dhiigaa sammuutiin dhiigni salphaatti sammuu keessa socho’uu yommuu dadhabutti kan qunnamuudha.

Mallattoolee dhukkuba ISTIROOKII

‎👉Battaluma qaamni gara tokkoo laamsha'uu
‎👉Afaan gara tokkotti dabsuu
‎👉Dhukkubbii mataa hamaa
‎👉Dubbachuu dadhabuu
‎👉Ija gara tokkoo ykn lachuunuu arguu dadhabuu
‎👉Madaala qaamaa eeggachuu dadhabuu
‎👉Of wallaaluu

‎Sababoota dhukkuba kanaaf nama saaxilan

‎✍️Olka'iinsa Dhiibbaa dhiigaa
‎✍️Tamboo xuuxuu
‎✍️Alkoolii baay'inaan fayyadamuu
‎✍️Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
‎✍️Furdina qaamaa garmalee
‎✍️Olka'iinsa Kollesteroolii
‎✍️Dhukkuba Onnee qabaachuu
‎✍️Maatii keessa dhukkubichi jiraachuu
‎✍️Umuriina >55 booda(Waggaa 55 booda kan baay'atu ta'ullee darbee darbee dhukkubni kun nama umuriin isaa 55 gadi ta'ellee hubuu danda’a.


‎Hubachiisa:-Mallattooleen kunniin Dhukkuba Istrookii kan agarsiisuu danda’an namni nagaa tokko battalumatti yoo mallattoo kana agarsiise qofa.

Maddi Biiroo Fayyaan oromiyaati

Oduu Gammachiisaa!Hospitaalli Barakaa tajaajila yaala Mormaa  olii Idileedhaan kennuu‎ eegaluusaa gammachuudhaa isin Bee...
05/06/2026

Oduu Gammachiisaa!
Hospitaalli Barakaa tajaajila yaala Mormaa olii Idileedhaan kennuu
‎ eegaluusaa gammachuudhaa isin Beeksisa.
‎Tajaajilli yaala Mormaa olii(ENT) kanaan dura Hospitaala Barakaatti sagantaa duula qindaa'aatiin marsaa marsaadhaan kennaamaa ture gara idileedhaanis kennamuu waan eegalamee jira.

‎Kanaafuu namoonni rakkoo fayyaa mormaa oliitiin rakkachaa jirtan carraa kanatti fayyadamuun gatii madaalawaan tajaajila qulqullinna qabu kan isiniif Kenninu ta'uu isin beeksifna.

‎Tajaajilonni wal'aansa yaalaa Mormaa Olii kennaman.

‎➡️ Tajaajila yaala rakkoo korrifannaa ga'eesaotaa fi daa'immanii yaaluu.
‎➡️ Tajaajila yaala Rakkoo dhagahuu dadhabuu dandeettii gurraa yaaluu
‎➡️Dibbee gurraa cite waldhaanuu.
‎➡️Funyaanii fi Hidhii baqaqee waldhaanuu.
‎➡️ Laagaa baqaqee fi cite yaaluu
‎➡️ Qorannoo dhukkuboota Funyaan
‎fi Gurra Endooskooppii dhaan adda baasuu.
‎➡️ Toonsilii yaala baqaqsuutiin yaaluu. (Adenotonsillectomy)
‎➡️ Qorannoo fi yaala Mormaa olii guutuu fi tajaajila yaala dhibee Ijaa
‎➡️ Dhiita mormaa olii yaala baqaqsuutiin yaaluu.

‎📍Teessoon Roobee Baalee
‎Lakk. 1
‎Hospitaala Barakaa naannoo mana barumsa fiiwuchar Hooppii Daandii aspaaltii masjiida Hamzaa geessu gubbatti argamna.
‎Lakk. 2.
‎Wiirtuu Fayyaa Barakaa Waajjira bulchiinsa ganda baha biiftuu (03)
‎ fuul duratti,argamna.

‎ carraa guddaan Kun akka isin hin dabarre itti fayyadamaa isiniin Jenna.

‎Odeeffannoo dabalataas tahee galmooftanii tajaajila argachuuf
‎lakkoofsota bilbila armaan gadiitiin
‎bilbiluu ni dandeessu.
‎📞 0903030503/098905366
‎/sarara bilbila si'ataa 6503

Beeksisa ‎Namoota  rakkoo fayyaa gogaa qaamaatiin  rakkachaa jirtan hundaaf.‎‎Hospitaalli Barakaa kenniinsa tajaajila  f...
03/06/2026

Beeksisa
‎Namoota rakkoo fayyaa gogaa qaamaatiin rakkachaa jirtan hundaaf.

‎Hospitaalli Barakaa kenniinsa tajaajila fayyaa babaldhisuun tajaajila yaalaa hunda galeessa qulqullinnaan dhiheenyatti hawaasa isaatiif kennuurratti argama.

‎Kanuma bu'uura godhachuun namoonni rakkoo fayyaa gogaa qaamaatiin rakkachaa jirtan tajaajila gahaa fi qulqullinna isaa eeggate Ispeeshaalistii dhibee gogaa
hojii isaaniitiin beekkamtii ol'aanaa kan qaban ,Dr.Adaanee Charinnatiin yaalli
kan isiniif kennamu tahuu gamanuma
isin beeksifna.

‎Tajaajiloonni yaala kennamanis.
‎* Dhibee gogaa qaama fi qaama hormataa(naf- saalaa)
‎* Madaa shiftoo,
‎* Citiinsa gogaa
‎*Gogaa qaamaa hoqsisuu
‎* Madaa shiftoo
‎* Citiinsa gogaa qaamaa
‎* alarjikii qaamaa fi gogaan qaamaa dallanuus dabalate sadarkaa dhibee
‎ gogaa qaamaa adda baasuun tajaajila
‎Guyyaan tajaajila gaafa guyyaa Dilbata
30 /9 /2018 A.L I fi wiixata ganama
‎hanga sa'aatii 3:00 tti kan tajaajilli
ni kennama.

‎Teessoon keenya .
‎Roobee BaaleeWaajjira bulchiinsa
‎Ganda Baha Biiftuufuulduratti argamna.
‎Odeeffannoo dabalataatiif:
‎Lakkoofsa bilbilaa,
‎0903030503/0989053669/
‎Bilbila si'ataa (fast call) 6503.

‎Hospitaala Barakaatti Tajaajilli yaala  Fiiziyooteerraappii argachaa jiran kan isaan gammachiise ta'uu tajaajilamtoonni...
02/06/2026

‎Hospitaala Barakaatti Tajaajilli yaala Fiiziyooteerraappii argachaa jiran kan isaan gammachiise ta'uu tajaajilamtoonni himan.

‎Tajaajila Fiiziyooteerraappii barbaacha Imala dheeraa magaalota akka Finfinnee fi Adaama deemuun baasiifi ifaajee guddaaf saaxilamaa turuu himuun, tajaajilalicha dhiheenyatti argachuu isaaniitiin tajaajila gahaa fi itti fufiinsaan hordoffiis taasisa jiraachuu ibsaniiru.

‎Tajaajilli yaalaaf hordoffii Doktorootaa fi ogeeyyii gara garaa Hospitaalichaatiin isaaniif laatamee kan isaan gammichiise ta'uus himaniiru.

‎Namoonni odeeffannoo dhabuurraa yaala barbaacha imala dheeraa deemuun baasiif deddeebbii beellama yaalaatiin dararamaa turanis carraa kanatti fayyadamuun yaala argachuu kan danda'an tahuus dhaamaniiru.

‎Hospitaalli Barakaa tajaajila yaala fiiziiyooteerrappii ogeeyyii muuxannoof gahumsa ol'aanaa qabanii fi maashinoota yaala ammayyaan deeggaramuun tajaajila yaala gahaa qulqullinnaan kennuurratti argama.

‎Tajaajilli yaala Fiiziyooteerraapppii kennaman keessaa ijoon
‎ *Dhukkubbii dugdaa fi Diskii sigigaatee
‎*Wallaansa narvii fi dhibee Daa'immanii *Dhibee Stroke, miidhaa qaama miilaa fi harkaa duugdaa
‎*Dhibee dhalootaa kan akka Cerebral Palsy bayyanachiisuuf fayyaduu fi
‎*Dhiphina qaamaa of irraa kaasuuf, dhiibbaa dhiigaafi sirni hargansuu akkaataa sirrii ta'een akka hojjetan
‎ ni taasisa.
‎*Maashaa qaamaa fi humnaa walii galaa irratti ni kennama.
‎Teessoon Roobee Baalee
‎Lakk. 1
‎Hospitaala Barakaa naannoo mana barumsa fiiwuchar Hooppii Daandii aspaaltii masjiida Hamzaa geessu gubbatti argamna.
‎Lakk. 2.
‎Wiirtuu Fayyaa Barakaa Waajjira bulchiinsa ganda baha biiftuu (03)
‎fuul duratti,argamna.

‎Odeeffannoo dabalataas tahee galmooftanii tajaajila argachuuf
‎lakkoofsota bilbila armaan gadiitiin
‎bilbiluu ni dandeessu.
‎📞 0903030503/098905366
‎/sarara bilbila si'ataa 6503


Hospitaalli Barakaa Baga  Ayyaana Iid-Al Adahaa( Arafaa) waggaa 1447 Baga geessan isiniin jedha.‎Ayyaanni Iida Arafaa ( ...
27/05/2026

Hospitaalli Barakaa Baga Ayyaana Iid-Al Adahaa( Arafaa) waggaa 1447 Baga geessan
isiniin jedha.
‎Ayyaanni Iida Arafaa ( Adahaa)Arafaa waggaa 1447 ffaa Kunis
‎ * Kan Fayyaa
‎ * kan Milkiif Badhaadhinaa
‎* kan Quufaaf gabbinaa
‎* kan nagaaf baldhinaa akka isiniif ta'u
Isiniif hawwa Hospitaalli Barakaa !!
Ayyaana Gaarii

Hospitaalli Barakaa duula qindaa'aa‎ yaala Mormaa olii marsaa  Afraffaan  (4) Ispeeshaalistoota yaala mormaa olii Finfin...
21/05/2026

Hospitaalli Barakaa duula qindaa'aa
‎ yaala Mormaa olii marsaa Afraffaan (4) Ispeeshaalistoota yaala mormaa olii Finfinnee Hospitaala paawuloos irraa
dhufan waliin ta'uun Caamsaa 14-16/8 /2018 tti tajaajila yaala Mormaa olii ni kennama.

‎Kanaafuu namoonni rakkoo fayyaa mormaa oliitiin rakkachaa jirtan carraa kanatti fayyadamuun gatii madaalawaan tajaajila qulqullinna qabu kan isiniif Kenninu ta'uu isin beeksifna.

‎Tajaajilonni wal'aansa yaalaa Mormaa
Olii kennaman.
‎➡️ Tajaajila yaala rakkoo korrifannaa ga'eesaotaa fi daa'immanii yaaluu.
‎➡️ Tajaajila yaala Rakkoo dhagahuu dadhabuu dandeettii gurraa yaaluu
‎➡️Dibbee gurraa cite waldhaanuu.
‎➡️Funyaanii fi Hidhii baqaqee waldhaanuu.
‎➡️ Laagaa baqaqee fi cite yaaluu
‎➡️ Qorannoo dhukkuboota Funyaan
‎fi Gurra Endooskooppii dhaan adda baasuu.
‎➡️ Toonsilii yaala baqaqsuutiin yaaluu. (Adenotonsillectomy)
‎➡️ Qorannoo fi yaala Mormaa olii guutuu fi tajaajila yaala dhibee Ijaa
‎➡️ Dhiita mormaa olii yaala baqaqsuutiin yaaluu.

‎📍Teessoon Roobee Baalee
‎Lakk. 1
‎Hospitaala Barakaa naannoo mana barumsa fiiwuchar Hooppii Daandii aspaaltii masjiida Hamzaa geessu gubbatti argamna.
‎Lakk. 2.
‎Wiirtuu Fayyaa Barakaa Waajjira bulchiinsa ganda baha biiftuu (03)
‎ fuul duratti,argamna.

‎ carraa guddaan Kun akka isin hin dabarre itti fayyadamaa isiniin Jenna.

‎Odeeffannoo dabalataas tahee galmooftanii tajaajila argachuuf
‎lakkoofsota bilbila armaan gadiitiin
‎bilbiluu ni dandeessu.
‎📞 0903030503/098905366
‎/sarara bilbila si'ataa 6503

‎Yaadachiisa Hospitaalli Barakaa akkuma kanaan dura Duula  yaala mormaa olii (ENT) milkaa'inaan gaggeessaa ture  ammas m...
20/05/2026

‎Yaadachiisa
Hospitaalli Barakaa akkuma kanaan dura Duula yaala mormaa olii (ENT) milkaa'inaan gaggeessaa ture ammas marsaa 4ffaa Caamsaa 14–16, 2018 A.L.I tti gaggeessuuf qophii barbaachisaa hunda xumuree jira.

‎Duula kanaan Ispeeshaalistonni yaala Mormaa Olii (ENT) Magaalaa Finfinnee
irraa dhufan namoota rakkoo dhibeeToonsil, Saayinaasii, rakkoo ijaa fi namoota dhukkuboota mormaa olii garagaraatiin rakkatan qorachuun yaala guutuu, yeroo barbaachisaa ta’etti immoo yaala baqaqsanii wal'aanuu ni raawwatu.

‎Hospitaallii keessan yeroo hunda tajaajila fayyaa barbaachisaa hawaasaaf dhiyeessuu, hubannoo fayyaa hawaasaa guddisuu fi bu’aa fayyaa fooyya’aa mirkaneessuuf
hojii isaa daran cimee hojjachuu itti fufeera.

‎Kanaafuu, maamiltoonni fi hordoftoonni keenya kabajamoon, odeeffannoo kana maatii, hiriyootaa fi namoota tajaajila kana irraa fayyadamuu danda’aniif akka qooddan kabajaan isin gaafanna.

‎Carraan kun namoota hedduuf furmaata fayyaa ta’uu danda’a.

‎Dhumarratti, yaadaa fi gorsa keessan
nuuf qoodaa. Yaanni keessan hojii keenya fooyyessuufi tajaajila keenya daran cimsuuf gumaacha guddaa qaba.

‎📍 Teessoo keenya:
‎Magaalaa Roobee, Daandii asphaaltii Masjiida Hamzaa geessu gubbatti argamna.

‎📞 Odeeffannoo Dabalataatiif:
‎0903030503 //0989053669

Address

Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Baraka Medical Center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category