Dr Oliyad Shegene

Dr Oliyad Shegene Senior Medical Doctor |University lecturer |Public Health Advocate |

DHUKKUBBII DUGDAA (Back pain)************************************Dhukkubbiin dugdaa mallattoolee namni baay'een mana yaa...
24/08/2026

DHUKKUBBII DUGDAA (Back pain)
************************************
Dhukkubbiin dugdaa mallattoolee namni baay'een mana yaalaa dhufaaniif keessaa isa duraa dha. Kunis dhukkubbii duubaan morma keenya irraa qabee amma teessuma bira gahutti namatti dhagahamuudha. Yeroo baayyee garuu dhukkubbii dugda keenya gara gadii (lumbar area) heddummaata.
SABABOOTA DHUKKUBBII DUGDAA FIDAN:
*********************************************
*Balaa dugdaa irraa gahuu fkn kuufatii , rukuttaa fi balaa konkolaataa
*Sochii qaamaa sirrii hin taane fi cimaa gochuu kunis maashaa , lafee ykn caasaalee buusaa dugda walitti qaban irratti dhiibbaa fida
*Bakka tokkoo taa’anii ooluu keessattuu gadi goophanii
*Rakkoo diskii dugdaa wajjin walqabatu
*Rakkoo narvii ykn Ispaayiinal koordii
*Dhukkuboota ispaaayiinal koordii fi lafee dugugguruu kanneen akka kansarii , infeekshinii , kulkula faa
*Sigaaraa aarsuu fi ulfaatina qaamaa humnaa olii
*Rakkoo kalee walqabatan kanneen akka cirrachaa, infeekshinii kalee fi kansarii kale faa!
* Umurii dullumaa
* haphachuu lafee sababa garaagaraa wajjin walqabatu
*Hnaqina vaayitamiinii D fi kkf
AKKAMITTI OFIRRAA ITTISUU FI FOOYYA’UU DANDEENYA?
**********************************************************
*Sochii qaamaa sasalphaa gochuu
*Boqonnaa fi hirriiba gahaa fudhachuu
*Akkaataa teessuma fi hirriiba keenya foyyeessuu (posture)
*Qorichoota dhukkuubbiif kennaman fudhachuu

HUBADHAA!
************
Dhukkubbii dugdaa baayyeen ofii isaanii ykn qoricha salphaan yeroo muraasa keessatti ni badu, garuu mallattoolee armaan gadii qabannan hatattamaan mana yaalaa deemaa:
*Rakkoo fincaanii ykn bobbaa to’achuu dadhabuu
*Ulfaatina qaamaa hir’achuu , fedha nyaataa dhabuu
*Ho’a qaamaa
*Qoricha dhukkubbii hir’isaanii dhiisuu gaafa didu
*Dhukkubbii gara miilaa fi jilbaatti gadi darbu
*Rukuttaa , kufaatii fi miidhama biraa hordofee dhukkubbii dhufu
*Dhiitaa dugda irra yoo jiraate
*Hadooduu ykn of wallaaluu gogaa mudhii gadii
Fuula Facebook “Dr Oliyad Shegene” follow, like fi share gochuu hin dagatinaa!
Dr Oliyaad Shagganaa tin qop

Ulfa Gadameessa Alatti Uumamu (Ectopic Pregnancy)*********************************************************Ulfi gadameess...
24/08/2026

Ulfa Gadameessa Alatti Uumamu (Ectopic Pregnancy)
*********************************************************
Ulfi gadameessa alatti uumamu jechuun bakka inni sirriitti guddachuu qabu, jechuun keessa gadameessaa, alatti bakka biraatti maxxanee guddachuu jalqabudha. Baay’inaan ulfi kun tuubii Faalloppiyaa keessatti uumama; garuu yeroo muraasa keessatti ovarii, qaama garaacha keessaa ykn bakka biroo keessattis uumamuu danda’a. Ulfi gadameessa alatti uumamu yeroo dheeraaf itti fufee guddachuu waan hin dandeenyeef, haala hatattamaa ta’uu danda’a.

Sababoota fi wantoota carraa isaa dabalan:
*********************************************
*infekshinii qaama saalaa fi dhukkuba
*tuubii faalloppiyaa dhiphachuu ykn miidhamuu,
*opereeshinii duraanii kan tuubii irratti taasifame,
*ulfa gadameessa alatti uumame duraanii,
*Maloota qusannaa maatii hormoonii pirojestiroonii of keessaa qaban
*yaala ulfaa’uu gargaarsu (fakkeenyaaf IVF)
*Sigaaraa xuuxuunis carraa isaa dabala.
*Haa ta’u malee, yeroo tokko tokko sababni ifaan hin beekamu.

Mallattoolee:
****************
*Mallattoon jalqabaa yeroo baay’ee laguun hafuu,
*qorannoo ulfaa’uu pozatiivii ta’uu,
*dhukkubbii garaacha jalaa ykn mudhii,
*Keessumaa cinaacha tokko irratti, fi dhiiguu qaama saalaa dha.
*Akkasumas dadhabbii, mataa naanna’uu fi garaa kaasuu *uumamuu danda’a. Yoo tuubiin dho’e, dhukkubbiin garaacha cimaa, dhiiguu keessaa, gogaan daalacha’uu, onneen saffisaan rukutamuu, dhiibbaa dhiigaa gadi bu’uu fi hafuura kutaan uumamuu danda’u. Kun haala hatattamaa waan ta’eef gargaarsa yaalaa ariifachiisaa barbaada.

Yaala:
******
*Yaalli haala namaa, guddina ulfaa fi bakka ulfi itti uumame irratti hundaa’a.
1. Kunis yoo ulfi xiqqaa ta’ee fi nama dhukkubsataa hin taane, qorichi kiniina jedhu fayyadamuun ulfa sana dhaabuu danda’a.
2. Yeroo tokko tokko hordoffiin qofti barbaachisuu danda’a.
3. Garuu yoo tuubiin dho’e, dhiigni keessaa ba’e, ykn kiniinan hin mijanne, opereeshinii barbaachisa.

Ittisa:
*******
Ulfa gadameessa alatti uumamu guutummaatti ittisuun yeroo hunda hin danda’amu. Garuu ;
*infekshinii qaama saalaa irraa of eeguudhaan,
*kondomii sirriitti fayyadamuun,
*infekshinii yeroo isaa eeggatee yaalchisuun,
*sigaaraa dhiisuun fi
*fayyaa qaama saalaa eeguun carraa isaa hir’isuuf gargaara.
*Namni ulfa duraanii ykn ulfa gadameessa alatti uumame qabaate, ulfa haaraa yeroo jalqabu daawaa fi hordoffii ogeessa fayyaa argachuun barbaachisaa dha.

Fuula Facebook “Dr Oliyad Shegene” jedhu follow gochuun waliin baranna!
Dr Oliyaad Shagganaa tin

Dhukkuba saree maraatuu (Rabies) Kutaa 2ffaa!          ************************************Dhukkubni saree maraattee gos...
21/08/2026

Dhukkuba saree maraatuu (Rabies) Kutaa 2ffaa!
***********************************
*Dhukkubni saree maraattee gosa dhukkuba hoosiftoota hunda miidhuu fi vayirasii dhan dhufuudha.Vayiraasiin kun hoosiftoota hundarraa karaa haancufaan yookiin gororaan wal tuttuquu uraa gogaa namaa keessan namatti kan daddarbu yoo ta’u , 95% saree irraa nama qaba. Hafuuran hin darbu.
Gororri yookiin hancuufni nama vayirasicha qabus gogaa banaa namaa argannaan namatti darbuu danda’a.
Sareenimmoo vayirasii kana iddoowwan adda addaa fiduu dandeessu kunis bineensota bakka keessa jiratan kanneen akka saree didaa fi kanneen biroo irraa qabamuu dandeessu.
Namni tokkoo saree vayirasii kanaan qabamteen erga ciniinamee torbee sadii hanga ji’a sadii gidduutti mallattoo agarsiisuu jalqaba.

MALLATTOOLEE ISAA!
***********************
1) Mallattoolee karaa jalqabaa (guyyaa 2-7 gudduutti) (prodrome)
*Hadooduu iddoo ciniinamee fi akka lilmoo wawwaraanuu
*Bowwoo mataa , qaamaa ho’isuu , ol ol jechuu , haqqisiisaa , dhukkubbii qaamaa fi qufaa faa dha.

2) Mallattoolee sammuu ykn narviin hubamuu (Guyyaa 5-14 gidduutti)
*Jaanja’uu ,
*amala jijjiirama fiduu ,
*of wallaaluu ,
*qophaa ofii haasawuu fi
*of-dadhabuu faa dha.
*Dafee dafee hargansuu,
*gororuu,
*imimmaan boo’uu ,
*maashaan isaanii humnaan kottoonfachuu
*BISHAAN sodaachuu fi qilleensa sodaachuu

3. Mallattoolee dhumaa ( torbee 2 booda)!
Kunniin mallattoo gara dhumaa du’aaf saxilaniidha. Kunis vayirasiin sammuu to’achuun sammuu hojjiin ala godha.
*OF WALLAALUU FI DU’A! Kunis sababbii to’annaa dadhabuu sammuun ho’a qaamaa , hargansuu fi onnee to'achuu dadhabuu ti.

SAREE MARAATUUN YOO NAMA CINIINTE MAAL GOONA?
*Jalqabarratti saree nagaa fi maraatuu adda baasuun cimaa ta’uu danda’a. Kanaaf sareen kamiyyuu nama ciniine of eeggannoo armaan gadii godhaa!

1. Bakka madaa sana daqiiqa 15 f bishaan qulqulluu fi samunaan sirritti dhiquu
2.Huccuu qulqulluun hidhaa
3.Saree ishee nama ciniinte sana guyyaa kudhaniif iddoo addaa kophatti tursuu yoo mallattoo addaa qabdi ta’e immoo ajjeesuu fi gubuu dha.
4. Mana yaalaatti dafanii fiduu. Kunis namni mana yaalaa dafee qaqqabe qoricha fi talaallii yoo fudhate ni fayya.
*Asirratti namni sareen maraatuun cinaaname osoo mallattoolee lakkoofsa 2 fi 3ffaa hin agarsiisin yoo mana yaalaa dhaqe talaallii fi qorsa fudhachuun gutummaatti ni fayya.
HUB: Dhukkubni saree maraatuu mallattoo agarsiisuu jalqabnaan (keessattuu mallattoolee lakk. 2 fi 3 irra jiran) 100% AJJEESADHA, qorichi isaas biyya lafaa kanarra hin jiru , namni fayyes hin jiru.

HUB: Barruun kun waa’ee yaala isa ogummaa fayyaa ammayyaa qofa ilaallata. Yaaliwwan karaa qoricha aadaa fi karaa amantaa jiran hin dabalatu!Namoonni waa’ee isaanii na gaafattan isa asirratti bareessuu hin danda’u. !Namusa ogummaa koo hin hayyamamu.

MALLATTOOLEE SAREE MARAATUU:
***********************************
*Yeroo hunda loluu fi jijjiirama amala kan biroo
*Gorora bayyisuu
*Nyaata diduu
*Bishaan sodaachuu
*Qaamni ishee lamsha’uu fi
*Biyyoo , dhagaa fi sibiila nyaachuu faa dha.
Fuula Facebook kana like fi share gochuun waliin baranna, waa’ee fayyas namoota biroo biraan geenya!

Gaaffii qabdan “comment” jalatti barreessaa walitti qabeen isiniif qabadhee dhufa!
Fuula facebook “Dr Oliyad Shegene” Follow gochuun baradhaa!

Dr Oliyaad Shagganaa tin.

Cinqamni sammuu (anxiety) maali?************************************Cinqamni sammuu ( stress) jijjiirama miiraa qaamaa y...
20/08/2026

Cinqamni sammuu (anxiety) maali?
************************************
Cinqamni sammuu ( stress) jijjiirama miiraa qaamaa yeroo dhiibbaan hin eegne yookiin tasaa naannoo irraa ( external trigger) nurra gahuu uumamuudha.

Kunis humna keenya ol yoo ta’e rakkowwan fi mallattoolee garaagaraa qaama keenya irratti fiduu danda’a.

Asirratti dhiphinni sammuu kun kan turu hammi wanti nu jeeqe yookiin rakkoon sun turu qofattiidha, karaa biraan Cinqamni sammuu (Anxiety)n sababa tokko malee yeroo dheeraaf dhiphachuu yookiin cinqamuu dha .

SABABOOTA DHIPHINA SAMMUU fidan:
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
~waayee wanta tokkoo baayyisanii yaaduu
~jijjiirama gudda tasa jireenya keenya muudatu keessaattuu muudannoo badaa
~Namoota jaallannu tasa of biraa dhabuu
~Balaa ykn mudannoo cimaa dabarsuu fkn gudeeddii, balaa konkolaataa
~Itti gaafatamummaa guddaa bahan qabaachuu
~Hojjii dhabdummaa
~Dhukkuba yeroo dheeraaf hin fayyine qabaachuu fkn dhukkuba sukkaaraa
~Namatti ykn hiriyyoota keenyaan of madaaluu
~Karoora humnaa olii karoorsuun rawwachuuf cinqamuu fi kkf

MALLATTOOLEE ISAA:
::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
~Hirriiba dhabuu
~Xiyyeeffannoo dhabuu
~Yeroo hunda mukaa’uu
~Yeroo hunda aaruu
~Murtoowwan badaa ta’anii fi bilchina hin qabne murteessuu
~Namaan walii galuuf rakkachuu
~Araada garaa garaa keessa dhokachuu
~Bowwoo mataa, dhukkubbiin qaama keenya hundarraa nutti dhagaayamuu , ilkaan qaruu ,qooma keenya keessa dhukkubbii fi dhahannan onnee dabaluu faadha.

YAALA:
*********
Hubachiisa: Namni kamuu dhiphina sammuu sadarkaa garaagaraa jireenya isaa keessatti keessummeessaa oola. Garuu, dhiphinni sammuu sun,

1.Humna nama sanii ol yoo ta’e (to’achuu dadhabuu)
2. Hojjii fi jireenya guyyuu isaa yoo jeeqe
3. Turtii yeroo dheeraa yookaan ji’ootaa yoo qabaate ilaalamuu qaba.

Yaaliin isa cimina mallattoolee, sababa fi dhiibbaa mallattoolee kun fidan irratti hunda’a, yaaliis qaba.

Dabalataan garuu kanneen armaan gadii dhiphina sammuu hir’isuuf ni fayyadu:
~Sosochii qaamaa guyyaatti daqiiqaa 30-sa’aatii 1
~Buna fi nyaata sukkara qabuu hir’suu
~Araada Alkoolii fi sigaaraa irraa of qusachuu
~Hirriiba gahaa argachuu sa’aatii 6-8 guyyaa tokko keessatti
~Hiriyyoota ykn maatii wajjin yeroo dabarsuu
~Dhiphina miliquuf guyyaa guutuu TV, midiyaa hawaasummaa fi kkf irraa ooluu dhiisuu fi
~Ogeessa fayyaa xiinsammuu hasoofsiisuu

Galatoomaa…..Fayyaa argadhaa!

Fuula Facebook “Dr Oliyad Shegene” jedhu follow, like fi share godhachuun tola baradhaa!

Qopheessaa: Dr Oliyaad Shagganaa tin!

Gaggabdoo ykn dhukkuba kuffisu (Epilepsy)************************************Dhukkubi kun hawaasa keessatti baay'ee kan ...
19/08/2026

Gaggabdoo ykn dhukkuba kuffisu (Epilepsy)
************************************
Dhukkubi kun hawaasa keessatti baay'ee kan muudatu ta'ee mallattoo garaagaraa kanneen akka namni osoma deemuu ykn taa’uu kufee of wallaaluu irraa hamma bakka kufeetti hurgufamuu , hancufa horofaa baasuu fi kk ta'uu mala.

SABABOOTA GAGGABDOO
*****************************
*Rukuttaa mataa irra gahu
*Infekshinii sammuu
*Alkoolii humna olii
*Istrookii
*Qorichoota fayyaa tokko tokko fkn qoricha mukaa’ummaaf kennaman
*Kansarii sammuu
*Hammi sukkaara qaama keenyaa garmalee gadbu’uu
*Keemikaalonni qaama keenyaa jeeqamuu (Metabolic disorders) fi kkf dha.
*Gaggabdoon gosoota fi sadarkaa garaa garaa kan qaban waan ta'eef gara fuulduraatti akka barbaachisummaa isaatti ni ilaalla!

Nama nu biratti gaggabaa jiruuf maal gochuu qabna?
********************************************************
1. Yoo namni sun gosa gaggabdoo bubbutuu fi qaama isaa asi fi achi daddarbatu qabaate :
A. Namicha qabdanii sochii qaama isaa dhabsisuuf hin yaalinaa garuu akka of hin miineef wantoota miidhaa geessisan irraa qabaa ykn fageessaa fkn dhagaa , keenyaan manaa ykn dallaa fi lafa olka’aa irraa siksaa ,
B. Lafa walqixxaataa fi wantoota balaa geessisan irraa bilisa ta'e irra ciibsaa
C. Ciinaachatti ciibsuu yaalaa kunis akka wanti garaa ykn afaan keessa jiru gara sombaa hin seenne gargaara
D. Mataa isa jala waa kaa’uu fkn uffata dachaafama
E. Qilleensa gaarii argachuu qaba kunis itti tuttaa’anii dhabbachuu dhiisuu , qilleensa itti afarsuun gaariidha
F.kibriitii itti aarsuu? Kibriitiin keemikaala fosfarasii fi kanneen biro sammuu irratti miidhaa qaban of keessaa qaba. Kanaaf tasuma nama gaggabeetti aarfamuu HIN QABU , NI MIIDHA!
Yaala, ofeeggannoo fi gosoota gaggaabdoo kutaa 2ffaa keessatti ni ilaalla!
Fuula Facebook “Dr Oliyad Shegene” jedhu follow gochuu hin dagatinaa!
Dr Oliyaad Shagganaa tin

MICHII SOMBAA (Pneumonia)*********************************Michiin sombaa infeekshinii sababa jermoolii ijaan hin mul'ann...
18/08/2026

MICHII SOMBAA (Pneumonia)
********************************
*Michiin sombaa infeekshinii sababa jermoolii ijaan hin mul'anne akka baakteeriyaa , vaayirasii , fangasii fi keemikaalota garaagaraan dhufuudha.

SABABOOTA ISAA:
*****************
*Michiin sombaa nama fayyaleessa kamiyyuu qabuu danda’a ta’uus namoonni armaan gadii caalmatti saaxilamoodha. Isaanis:
*Tamboo aarsuu
*Aara mana keessaa bahuutti yeroo dheeraaf saaxilamuu
* Dhukkuboota akka sukkaaraa , asmii , onnee , HIV/AIDS fi kkf qabaachuu
*Alkoolii garmalee fayyadamuu
*Qulqullina ilkaanii eggachuu dhiisuu

MALLATTOOLEE:
******************
Akkuma sababni isaanii garaagara ta’ee mallattoon isaaniis baay’ee dha. Isaanis :
*Qufaa guyyaa muraasaa hanga torbee lama hin caalle kan akkee qabachuu ykn dhabus danda’a
*Ho’a qaamaa , dafqisiisuu
*Hafuura kutaa
*Darbee darbee dhukkubbii ykn waraansa qoma ykn laphee keessaa
*Fedha nyaataa hir’isuu, dadhabbii qaamaa fi humna dhabuu

YAALA
*******
*Michiin sombaa kan yaalamuu danda’u fi sadarkaa fi gosa jermoota isa fidan irratti hundaa’ee kiniina ykn lilmee warrannachuun yaalamee fayya.

ITTISA:
******
*Sababoota isaaf nama saaxilan armaan olii irraa of qusachuu
Horaa bulaa………Fayyaa hin dhabinaa

Fuula Facebook “Dr Oliyad Shegene” jedhu follow, like fi share gochuun nu hordofaa!

Dr Oliyaad Shagganaa tin

YAADA WAA’EE WAL-QUNNAMTII SAALAA HUMNAA OLII (SEXUAL OBSESSIONS and COMPULSIONS)***************************************...
17/08/2026

YAADA WAA’EE WAL-QUNNAMTII SAALAA HUMNAA OLII (SEXUAL OBSESSIONS and COMPULSIONS)
******************************************

*Yaadni waa’ee walqunnamtii saalaa humnaa olii ofii isaa dhukkuba of danda’ee miti, garuu mallattoo rakkoolee xiinsammuu biroo ta’uu danda’a.
*Waa’ee wal qunnamtii saalaas ta’ee saala faallaa yaaduun seera uumama qaama keenya ti.

Garuu rakkoolee armaan gadii jireenya keerratti yoo fide rakkootu jira jechuudha. Isaanis:
*********************************************

*Hojjii, jireenya hawaasummaa, hirriba fi fayyaa namaa yoo jeeqe
*Fayyumma yookin nageenya sammuu namaa yoo tuqe
*Hariiroo yookiin walitti dhufeenya saala faallaa waliin qaban yoo miidhe
*Wal-qunnamtii saala of eeggannoo hin qabneef yoo nama si saaxile kunis ulfa hin barbaachisne fi dhukkuboota daddarboof

Namni amaloota armaan olii qabu ogeessa fayyaa biratti ilaalamuun dirqama!

Sababni isaas rakkoo xiinsammuu wal-qunnamtii saalaa (sexual obsessions) ta’uu danda’a waan ta’eef.

FEDHA WAL-QUNNAMTII SAALAA TO’ACHUUF:
********************************************
1. Sammuu ofii yeroo hunda hojjiin qabsiisuu
2. Sochii qaamaa guyyuun gochuu
3. Hojiiwwaan tola ooltummaa, aartii fi wanta nama gammachiisan hojjachuu
4.Amaloota sal-qunnamtii akka fedha ofiin ofirraa baasuu (ma********on) fi sur-sochii sal-qunnamtii (po*******hy) dhiisuu.
5. Lafa dadhabbii (triggers) ofii beekuu fi irraa of eeggachuu; kunis wantoota fedhii saal qunnamtii kakaasan irraa fagaachuu ykn of qusachuu. Kunis hiriyaa, iddoo olmaa fi midiyaa hawaasummaa human ol fayyadamuu kanaaf nu saaxilan dabalata.
6.Tokkummaa namootaa wajjiin uummachuu, amantii ofii jabaachuu (Spirituality) fi kkf

Fuula Facebook “Dr Oliyad Shegene” jedhu follow gochuun waliin baranna!

Dr Oliyaad Shagganaatin

OFITTI AMANAMUMMAA (Self-confidence)**********************************************Ofitti amanamummaa jechuun namni tokko...
17/08/2026

OFITTI AMANAMUMMAA (Self-confidence)
*********************************************
*Ofitti amanamummaa jechuun namni tokko dandeettii , cimina fi murtoo of irratti ejjannoo cimaa qabaachuu jechuudha. Kunis jireenya guyyaa guyyaa keenya keessatti wanta bayyee murteessadha.

WANTOOTNI OFITTI AMANAMUMMAA NAMAA HIR’ISAN MAALI?
**********************************************************************

*Midiyaa hawaasummaa: kunis wanti midiyaa hawaasaa irratti lakkifamu wanta baayyee tottole, bareede fi adda taheedha. Kunis wanti namni midiyaa hawaasummaa irratti gadi lakkisu hundi yeroo fi bakka hundatti dhugaa yoo jenne nu miidha.
*Waa’ee qaama fi ala keenyaa ilaalcha nuti qabnu gadaanaa ta’uu
*Mana baruumsatti qabxii gadaanaa qabaachuu warra kaanin dorgommi hin malle keessa galuu
*Milkaayina kana dura qabdu ykn dandeeettii
*Nama biraatti of madaaluu
*Mudannoo badaa yeroo ijoollummaa maatii , barsiisota ykn hiriyyoota irraa nutti himame ykn nurra gahu
*Mudaannoo jireenya kanneen akka jallattanii dhabuu , kisaaraa fi kkf.

AKKAMITTI OFITTI AMANAMUMMAA HORACHUU DANDENYA?
******************************************************************

1.Wanta kanaan dura milkeessite sirriitti xinxaali , homaa waan hin hojjannee sitti fakkaannan ofitti manamummaa kee daran miidha
2. Wanta sirritti hojjachuu dandeessu ilaali…Namni hundi ciminaa fi dadhabbii matasaa qaba.
3. Karoora xixiqqoo milkeessuu dandeessu kan yeroo gabaabaa baasi akkuma milkaa’aa deemtuun ofitti amanamummaan kee dabalaa deemu
4.Haala ilaalanii wantoota murteessuu dhiisuu: kunis milkaa’inni fi kufaatin mudachuu akka danda’an dursanii baruu
5. Wanta sodaattu guyyaa guyyaan gochuu yaali
6. Namarraa waan baay’ee hin eegin ofii keef suma qofatu jira.
7. Ofii kee kunuunsi kunis qulqullina qaamaa fi huccuu akkasumas sochii qaamaa gochuu.
8. Yeroo hundumaa ofii kee kaleessaa wajjin akka dorgommeetti jirtu yaadadhu
9. Namni waayee kee dhimma hin qabu , namni waa’ee kee yaadaa oolu hin jiru hunduu wal’aansoo mataa isaa qaba.
10. Nama karaa si fayyadu qofaan fakkeenya ( role model ) godhachuu sababni isaas namni hin kamiiyyuu guututti sirrii (perfect) miti.
11. Waan gaarii qofa ofii kee fi namaafis yaadi.
12. Karaa qaamaa, lubbuu, hafuuraa, qabeenya fi hawwasummaan nama gahaa tahuuf abjuu qabaadhu.

Madda: Kanan dubbise irraa!

Fuula Facebook “Dr Oliyad Shegene” jedhu follow fi like gochuu hin dagatinaa!
Dr Oliyaad Shagganaa tin.

VAAYIRASII TIRUU GOSA C (Hepatitis C virus)***********************************************Gosti vayirasii tiruu kun kan ...
16/08/2026

VAAYIRASII TIRUU GOSA C (Hepatitis C virus)
***********************************************
Gosti vayirasii tiruu kun kan daddarbu:
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
• Karaa tuttuqqii dhiigaa
fi dhiigaan kunis kanneen akka dhiigaa nama isaan qabame irraa fudhachuu , YKN karaa biraan ittiin faalamuu
• Meeshaa qara qaban kanneen faalamaniin fayyadamuu fi
• Madaa nama vaayirasicha qabuu tuttuquu
• Haadha ulfaarraa gara daa’ima dhalachuuf jirutti kan daddarbuudha.

*Vaayirasiin kun miidhaa fiduu kan eegaluu yeroo baay'ee erga qabamanii waggaa 20 hanga 30 booda tiruu miidhuun tiruu guutummaa guutuutti balleessuu fi kansarii tiruuf nama saaxila.
Vayirasiin kun talaallii hin qabu.

YAALA
*******

*Gosti vayirasii kun osoo tiruu irratti miidhaa cimaa hin fidun yoo argame, guutummaa guutuun hamma jechuun danda’amutti yaalamee ni fayya.

Yaaliin isaas gosa Vayirasii C keessaa gartuu isaa irratti, sadarkaa miidhama tiruu jiru irratti hundaayee kan adda bahu yoo ta’u qoricha isaa ji’a sadii yoo baay’ate ji’a ja'aaf fudhachuun vayirasii kanarraa fayyuun ni danda’ama.

Haa ta’u malee, miidhaan inni tiruu irratti fidu baay’een isaanii duubatti deebisuun ulfaachuu danda’a.

Fuula Facebook "Dr Oliyad Shegene" jedhu follow, like fi share gochuun waliin baranna!

Horaa bulaa …………Deebanaa!
Dr Oliyaad Shagganaa tin

Wantoota fayyummaa ONNEE miidhan******************************************Onneen qaama keenya keessaa dhiiga iddoo hundu...
16/08/2026

Wantoota fayyummaa ONNEE miidhan
*****************************************
*Onneen qaama keenya keessaa dhiiga iddoo hundumatti rabsuun jiraachuu seeloota hundaa qaama keenyaaf murteessadha. Onneen kunis sababa garaagaraan miidhamuu danda’a.

Wantoota onnee miidhaan
****************************
1.Dhukkuba sukkaaraa , dhiibbaa dhiigaa
2. Dhukkuba kalee
3.Hanqina dhiigaa
4. Hormooniwwan garaagaraa qaama namaa madaallin isaanii jeeqamuu fkn taayirooyidii
5.Infeekshinii onnee miidhu keessattuu waggaa 5-15 gidduu kan muudatuu fi waggaa 10-20 booda onnee kan miidhu (rheumatic heart disease), isa infeekshinii tonsiliin walqabatu.
6.Ulfaa wajjin kan walqabatu (Peripartum)
7. Alkoolii garmalee
8.Dhukkuboota somba miidhaan garagaraa karaa sombaa onnee miidhuu danda’u kanaaf tamboo aarsuu faa walqabata
9. Furdina garmalee,
10. sochii qaamaa gochuu dhiisuu fi
11. Sababoota hin beekamneen miidhamu danda’a
12. Rakkoowwan onnee dhaalan karaa sanyii dhufan

MALLATTOOLEE DHUKKUBA ONNEE:
**************************************
*Dhukkubi onnee sadarkaa garaagaraa kan qabu fi mallattooleen isaas akkasuma baayyeedha. Kunis muraasni:

1) Dhukkuba onnee tasa jalqabu (Acute coronary syndrome)

~ Dhukkubbii laphee cimaa , hafuura wal hanqachuu, dadhabbii cimaa , dafqisiisuu fi hamma ofwallaaluu faa gaha.

2)Dhukkuba onnee yeroo dheeraaf ture:

~kunis waanuma xiqqoo hojjachuu dadhabuu, dhukkubbii laphee hojjiin wal qabatu, tabba faa ol bahuu dadhabu.

3)Du’a onnee kan tasaa (sudden cardiac death)

~kunis namni lafuma jirutti kufee ennaa du’u argama. Inni kun yeroo baay’ee du’a booda mirkanaa’a.

Of eeggannoo fi mallattoolee biroo kutaa 2 ffaa isinii qabadhee dhufa ….
Horaa bulaa……Fayyaa hin dhabinaa!!!!

Baruumsa fayyaa kana fakkaatan argachuuf fuula Facebook “Dr Oliyad Shegene” jedhu follow gochuun nu hordofaa!
Dr Oliyaad Shagganaa tin

Address

Robe

Telephone

+251927232881

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Oliyad Shegene posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Oliyad Shegene:

Shortcuts

Share

Category