01/09/2026
Dhibeen Vaayirasii Tiruu Hepatitis B osoo Dhukkuba HIV/AIDS caalaa lubbuu namootaa galaafataa jiru maaliif xiyyeeffannoo dhabee!?
Dhukkubni Vaayirasii Tiruu Hepatitis B, vaayirasoota nama irratti dhibee uumuun du’a baay’ee fidan keessaa addunyaa irratti sadarkaa tokkoffaa dha.
Vaayiresiin kun nama tokko irraa nama biraatti daddarbuuf dachaa 5 oliin Vaayirasiin HIV/AIDS caalaa dandeettii guddaa qaba, lubbuu galaafachuu keessattis dachaa jahaan 6n Vaayirasii HIV/AIDS caala.
Yeroo ammaa Addunyaa irratti namoonni miliyoona 250-300 ta'an dhukkuba Vaayirasii Tiruu yeroo dheeraa chronic Hepatitis B qabamanii waliin jiraataa jiru.
Garuu Namoonni addunyaa irratti dhukkuba Vaayirasii HIV/AIDS qabamanii dhibee HIV waliin jiraatan Namoota miliyoona 40.8 qofa dha.
Lakkoofsi miliyoona 40 kun lakkoofsa namoota vaayirasii qabamni miliyoona 250 hanga 300 ta'uu waliin yoo wal bira qabame vaayiresiin Tiruu Hepatitis B'n dachaa 6n HIV caala.
Nama Ajjeesuu keessattis Vaayirasiin Tiruu Hepatitis B'n dachaa lamaan HIV caala hamaadha.
Ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Global Hepatitis Report 2026 Akka Agarsiisutti Vaayiresiin kun Waggaatti Namoota miliyoona 1.1 ol galaafata. Namoonni kun baay'een isaanii balaa vaayirasii kanaa kan akka kaansarii Tiruu HCC fi Madaa Tiruu hamaaf saaxilamuun lubbuu isaanii dhabaa jiru.
Vaayirasiin HIV immoo addunyaa irratti namoota kuma 600 qofa waggatti ajjeesaa Jira.
Dhibeen vaayirasii Tiruu Karaalee hedduun balaan isaa ol'aanaa dha, nama baay'ee qabuu fi lubbuu namoota baay'ee galaafachuu fi daddarbuu keessatti balaa guddaa kan qabu ta'us, hubannoon hawaasni waa'ee dhibee kanaa qabu baayyee xiqqaa dha.
Fakkeenyaaf Namni tokko Mana yaalaa deemee Dhukkuba Vaayiresii Tiruu “Hepatitis B qabda” yoo jedhame baay’ee hin rifatu; garuu yeroo “HIV qabda” jedhame baay’ee rifata. Kunis sababa hubannoon hawaasni dhibee HBV irratti qabu gadi aanaa ta’uu fi xiyyeeffannoon gara mootummaa fi dhaabbilee fayyaa addunyaatiin Vaayirasii HIV’f kennamaa ture guddaa ta’uu isaati.
Maaliif Vaayirasiin Hepatitis B osoo nama hedduu ajjeesaa jiruu, HIV’n caalaatti ol kaafamee dubbatama?
Wanti kun jalqaba haala dhukkuboonni kunneen ittiin mul’atan irratti hundaa’a.
Dhukkubni Vaayirasii HIV jalqaba bara 1980moota keessa yeroo addunyaa irratti baay'ee beekame, dhukkuba haaraa, dawaa fi talaallii hin qabne, dargaggoota duraan fayyaa turan infekshinoota hin baratamneefi kaansariidhaan ajjeesu ta’ee mul’ate. Dhukkuba Du’a saffisaa, sodaa guddaa fi miidhaa hawaasaa ifatti mul’atu fidu ta’ee argame.
Vaayirasiin HIV nama qabee waggootaaf mallattoo malee turuu danda’a. Garuu namoonni jalqaba irratti dhukkubichi irratti argame baay’een isaanii saffisaan sadarkaa AIDS cimaa irra waan gahaiif, namni baay'een dafee du'e, balaa vaayirasichaa uummanni addunyaa ija isaatiin arge. Sodaan isaa Dafee addunyaa guutuutti faca’e.
Vaayirasichi ji'oota fi waggoota muraasa keessatti Afrikaa, Ameerikaa, Yuurooppi, fi Eshiyaa keessatti dafee faca'e. Dafee lubbuu galaafate, namoota bebbeekkamoo hedduu qabee ajjeese.
Dhukkubsattoonni, aktivistoonni, ogeessonni fayyaa, namoonni beekamoon fi dhaabbileen mirga namoomaa waliin dafanii sochii jalqaban mootummaa fi dhaabbilee addunyaa fi miidiyaaleen gurguddoon addunyaa irratti dhiibbaa uumanis waa'ee dhibee kanaa ol kaasanii human.
Maallaqni biliyoonaan lakkaa’amus yaala dhibee kanaa fi qorannoo fayyaaf ramadame.
Vaayiresii HIV kanaaf Dhaabbileen idil Addunyaa UNAIDS, PEPFAR fi Global Fund fi kkf maallaqa guddaa gadi dhiisuu fi sagantaalee qorannoo fayyaa bilisaa daandii irratti taasifaman, fi dawaa bilisaa bal’aa kennan dhaabbileen baay'een hundeeffamaniiru.
Miidiyaaleen biyyaa fi Idil addunyaa, akkasumas gaazexaa fi beeksisa TV fi raadiyoo irraa hanga mana barumsaa tti, waa'een vaayiresii Tiruu Hepatitis B bal'inaan barsiifamuu jalqabe, hawaasni dhibee kana akka waan dhuma addunyaa ta'eetti hubate, Abbootiin Amantii gariin kun dheekkamsa Rabbiiti jedhanii hanga dubbatan tokkotti waa'een dhibee kanaa ol kaafame dubbatame! magaalaa hanga baadiyyaatti gadi bu'uun hubannoon ummataaf kenname.
Kunis hawaasni akka hammeeny dhibee kanaa hubatu taasisuu fi tamsa'ina vaayirasii kanaa dachaa hedduun hir'isuu danda'eera.
Garuu Yeroo kana keessatti Vaayiresiin Tiruu Hepatitis B fi C'n dagatame, Vaayirasii Tiruu mancaasuun lubbuu galaafatu kanaaf dhaabbileen addunyaa akka HIV hundaa'ee hin jiru, qorannoo fi ittisa isaa irratti maallaqa ramaduu fi sochiin miidiyaa fi mootummaa biraa taasifame sadarkaa baayyee xiqqaa dha.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO’n mataan isaa Dhukkubni Vaayirasii Tiruu (viral hepatitis)
Dhukkuba baay’ee dagatamee fi maallaqa gahaa dhabe “hugely neglected and underfunded” jedhee ibseera.
Dhukkubni Vaayirasii Tiruu Hepatitis B, akka HIV dhibee bal'inaan hawaasa biratti beekamuu fi xiyyeeffannoo olaanaa argachuu dhabuun isaa sababoota gurguddoo hedduu irraa kan ka'e dha. Isaan keessaa ijoon kanneen Armaan gadii ti:
1. Vaayirasiin Hepatitis B dhokataa dha!
Vaayirasiin kun “Ajjeesaa Cal’isaa—Silent Killer” jedhamee beekama. Mallattoo tokko malee waggoota dheeraaf nama keessa jiraatee, tiruu suuta suutaan miidhuun gara Madaa Tiruu cirrhosis fi kaansarii tiruutti guddachuu danda’a.
Namoota vaayirasii HBV qaban keessaa 73% akka vaayirasicha qaban hin beekan. Mallattoo waan hin qabneef akka nama fayyaatti of ilaalu.
2. Ba’aan isaa biyyoota qabeenya fayyaa muraasa qaban keessatti walitti kuufameera.
Vaayirasiin Tiruu addunyaa guutuu keessatti argama. Garuu kan inni nama baayyee ajjeesu biyyoota muraasa keessatti qofa, du’a sababa vaayirasii kanaan uumamu keessaa 69% biyyoota kudhan keessatti uumama; Itoophiyaanis biyyoota kana keessaa tokko dha.
Biyyoota balaan isaa guddaan keessatti argamu hedduun isaanii hiyyeessa waan ta'aniif qorannoo fayyaa gahaa, talaallii yeroo dhalootaa fi hordoffii madaa Tiruu cirrhosis/HCC babal’isuuf qabeenya gahaa hin qaban. Kunis HBV xiyyeeffannoo siyaasaa fi maallaqaa addunyaa gahaa akka hin arganne taasise.
3. Dhukkuba suuta deemuu dha.
HIV fi HBV lamaan isaanii iyyuu waggootaaf mallattoo malee turuu danda’u. Garuu HIV baayyee osoo hin turin mallattoon akka Ulfaatinni qaamaa saffisaan gadi bu'uu fi kkf ni mul'ata, Vaayirasiin Tiruu immoo yeroo baay’ee mallattoo malee nama ajjeesuu danda'a, namni tokko ijoollummaa isaa keessatti vaayirasii kanaan qabamee, osoo hin beekin waggoota 20–30 waliin jiraachuu danda'a yeroo baay'ee erga tiruun miidhame booda mallattoo mul’isa.
Namni vaayirasii kana qabu hin ciisu, nyaataa fi dhugaatiif hin rakkatu; akka nama fayyaatti jiraata. Yeroo mallattoon mul’atu garuu tiruun isaa miidhaa cimaa irra gahee jiraachuu danda’a.
Vaayirasiin HBV yeroo muraasa keessatti Tiruu hojiin alaa taasisee acute liver failure cimaa fiduun kallattiin nama ajjeesuus danda’a; garuu duuti isaa inni guddaan infekshinii yeroo dheeraa irraa ka’uun cirrhosis fi HCC’n dhufa.
4. Duuti isaa maqaa vaayirasii Tiruu jalatti hin galmaa’u
Vaayirasiin Tiruu HBV ofii isaan kallattiin nama hin ajjeesu, inni Kaansarii Tiruu HCC fi madaa Tiruu fi kkf nama saaxila, namni yeroo hospitaala deemee lubbuun isaa darbe duuti isaa kun yeroo baay’ee Vaayirasii Tiruu jedhamee osoo hin taane “kaansarii tiruu” ykn “cirrhosis” jedhamee galmaa’a.
Vaayiresiin bu’uura miidhaa sanaa ta’us, maqaan isaa ni dhiifama, rakkoon du'a fidaa jiru isa ta'uun ija uummataa jalaa dhokata. kanaaf Namni baay'inaan yeroo namni du'u Vaayirasii Tiruu Hepatitis B osoo hin taanee, kaansarii Tiruu fi madaa Tiruu qofa beeka, rakkoo fide Vaayirasiin kana ta'uu hin hubatu.
5. Beekumsaa hubannoon dhibee kanaa Ummata biratti Xiqqaa ta'u
Dhukkuba Vaayirasii HIV/AIDS irratti yeroo dheeraaf dookumentii fi tamsaasni bal’aan irratti hojjetamee beekamtii guddaa argateera.
Vaayiresiin Tiruu HBV garuu sababaa mallattoo malee waggaa dheeraaf turuu danda’uu fi namoonni hedduun akka dhukkubsataa ta’an hin beekneef, yaadaa fi dubbii ummataa keessatti iddoo guddaa hin qabu.
6. Talaalliin jiraachuun rakkoon isaa furame fakkeesse.
Talaalliin HBV baay’ee bu’a-qabeessa dha. Garuu talaalliin nama duraan Vaayirasiin qabame chronic HBV qabu hin fayyisu. Namoonni miliyoona 240 hanga miliyoona 300 duraan vaayirasicha waliin jiraatu.
7. Dhukkubsattoonni Vaayirasii Tiruu sagalee hawaasaa cimaa hin qaban
Namoonni HBV qaban baay’een isaanii akka qabaman hin beekan. Warri vaayirasii qabaachuu ofii beekanis: Hawaasa biratti Tuffatamuu sodaatu. Rakkoo gaa’ela argachuu dhabuu fi Hojii ykn imala biyyaa alaa dhabuu sodaachuun hin dubbatan. Akka dhukkubsataatti of hin ilaalani. Dhukkubni sagalee dhukkubsattootaa hin qabne murtii siyaasaa fi fayyaa keessatti salphaatti dagatama.
Sababoonni Armaan olitti ibsaman isaan ijoodha, keessaahuu Sababoota kanneen keessaa inni guddaan, vaayirasichi waggoota dheeraaf mallattoo tokko malee nama keessa jiraachuu isaati. HBV’n akka HIV balaan isaa ija namaa duratti saffisaan hin mul’isu; suuta suutaan tiruu namaa miidhee, yeroo baay’ee erga miidhaan guddaan gahee booda beekama. Kunis dhukkubsataan Vaayirasii Tiruu akka fayyaatti akka of yaadu taasisa.
Addunyaan Dhukkuba Vaayirasii hamaa kanaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun dhabuun qormaata ta'ee itti fufee jira.
Dhukkubni HIV/AIDS xiyyeeffannoo baay’ee argachuun isaa dogoggora miti; xiyyeeffannoon sun lubbuu miliyoonotaa baraareera.
Dogoggorri guddaan Dhukkuba ajjeesaa callisaa ta'e Hepatitis B ulfaatinaa fi hammeenya rakkool iisaa wajjin wal madaaluun xiyyeeffannoo gahaan kennamuu dhabuu isaati.
Hepatitis B vaayirasii salphaatti daddarbuu danda’u, waggoota dheeraaf mallattoo malee nama keessa jiraatu, cirrhosis fi kaansarii tiruu fiduun waggaatti namoota miliyoona tokkoo ol ajjeesu dha.
Garuu Yoo namni hubannoo qabaatee sirriitti irratti hojjetame talaalliin ittifamuu danda’a. Qorannoon adda baafamuu danda’a. Dawaa antiviral sirriin to’atamee carraan madaa Tiruu cirrhosis, liver failure, HCC fi du’a baay’ee hir’isuun ni danda’ama.
Ta’us, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman dafanii qoratamuu, dursanii talaallamuu dhabuun Vaayirasii kanaaf saaxilamaa jiru, erga vaayiresii kanaaf saaxilamanii boodas dafanii yaalamuu fi hordofamuu dhabuu isaaniin lubbuu isaanii dhabaa jiru.
Dafanii yaalamuu dhabuun isaanii Akka dhibeen hin too'atamne taasisaa jira.
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa