Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa, Shashemene.

🌿 Welcome to Gidduu Gala Yaala Aadaa Oromiyaa Evidence-Based Integrative Healthcare | Herbal Medicine, Pharmacognosy, Phytochemistry & Health Analysis | Natural, Trusted & Professional Healing.

Dhibeen Vaayirasii Tiruu Hepatitis B osoo Dhukkuba HIV/AIDS caalaa lubbuu namootaa galaafataa jiru maaliif xiyyeeffannoo...
01/09/2026

Dhibeen Vaayirasii Tiruu Hepatitis B osoo Dhukkuba HIV/AIDS caalaa lubbuu namootaa galaafataa jiru maaliif xiyyeeffannoo dhabee!?

Dhukkubni Vaayirasii Tiruu Hepatitis B, vaayirasoota nama irratti dhibee uumuun du’a baay’ee fidan keessaa addunyaa irratti sadarkaa tokkoffaa dha.

Vaayiresiin kun nama tokko irraa nama biraatti daddarbuuf dachaa 5 oliin Vaayirasiin HIV/AIDS caalaa dandeettii guddaa qaba, lubbuu galaafachuu keessattis dachaa jahaan 6n Vaayirasii HIV/AIDS caala.

Yeroo ammaa Addunyaa irratti namoonni miliyoona 250-300 ta'an dhukkuba Vaayirasii Tiruu yeroo dheeraa chronic Hepatitis B qabamanii waliin jiraataa jiru.

Garuu Namoonni addunyaa irratti dhukkuba Vaayirasii HIV/AIDS qabamanii dhibee HIV waliin jiraatan Namoota miliyoona 40.8 qofa dha.

Lakkoofsi miliyoona 40 kun lakkoofsa namoota vaayirasii qabamni miliyoona 250 hanga 300 ta'uu waliin yoo wal bira qabame vaayiresiin Tiruu Hepatitis B'n dachaa 6n HIV caala.

Nama Ajjeesuu keessattis Vaayirasiin Tiruu Hepatitis B'n dachaa lamaan HIV caala hamaadha.

Ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Global Hepatitis Report 2026 Akka Agarsiisutti Vaayiresiin kun Waggaatti Namoota miliyoona 1.1 ol galaafata. Namoonni kun baay'een isaanii balaa vaayirasii kanaa kan akka kaansarii Tiruu HCC fi Madaa Tiruu hamaaf saaxilamuun lubbuu isaanii dhabaa jiru.

Vaayirasiin HIV immoo addunyaa irratti namoota kuma 600 qofa waggatti ajjeesaa Jira.

Dhibeen vaayirasii Tiruu Karaalee hedduun balaan isaa ol'aanaa dha, nama baay'ee qabuu fi lubbuu namoota baay'ee galaafachuu fi daddarbuu keessatti balaa guddaa kan qabu ta'us, hubannoon hawaasni waa'ee dhibee kanaa qabu baayyee xiqqaa dha.

Fakkeenyaaf Namni tokko Mana yaalaa deemee Dhukkuba Vaayiresii Tiruu “Hepatitis B qabda” yoo jedhame baay’ee hin rifatu; garuu yeroo “HIV qabda” jedhame baay’ee rifata. Kunis sababa hubannoon hawaasni dhibee HBV irratti qabu gadi aanaa ta’uu fi xiyyeeffannoon gara mootummaa fi dhaabbilee fayyaa addunyaatiin Vaayirasii HIV’f kennamaa ture guddaa ta’uu isaati.

Maaliif Vaayirasiin Hepatitis B osoo nama hedduu ajjeesaa jiruu, HIV’n caalaatti ol kaafamee dubbatama?

Wanti kun jalqaba haala dhukkuboonni kunneen ittiin mul’atan irratti hundaa’a.

Dhukkubni Vaayirasii HIV jalqaba bara 1980moota keessa yeroo addunyaa irratti baay'ee beekame, dhukkuba haaraa, dawaa fi talaallii hin qabne, dargaggoota duraan fayyaa turan infekshinoota hin baratamneefi kaansariidhaan ajjeesu ta’ee mul’ate. Dhukkuba Du’a saffisaa, sodaa guddaa fi miidhaa hawaasaa ifatti mul’atu fidu ta’ee argame.

Vaayirasiin HIV nama qabee waggootaaf mallattoo malee turuu danda’a. Garuu namoonni jalqaba irratti dhukkubichi irratti argame baay’een isaanii saffisaan sadarkaa AIDS cimaa irra waan gahaiif, namni baay'een dafee du'e, balaa vaayirasichaa uummanni addunyaa ija isaatiin arge. Sodaan isaa Dafee addunyaa guutuutti faca’e.

Vaayirasichi ji'oota fi waggoota muraasa keessatti Afrikaa, Ameerikaa, Yuurooppi, fi Eshiyaa keessatti dafee faca'e. Dafee lubbuu galaafate, namoota bebbeekkamoo hedduu qabee ajjeese.

Dhukkubsattoonni, aktivistoonni, ogeessonni fayyaa, namoonni beekamoon fi dhaabbileen mirga namoomaa waliin dafanii sochii jalqaban mootummaa fi dhaabbilee addunyaa fi miidiyaaleen gurguddoon addunyaa irratti dhiibbaa uumanis waa'ee dhibee kanaa ol kaasanii human.

Maallaqni biliyoonaan lakkaa’amus yaala dhibee kanaa fi qorannoo fayyaaf ramadame.

Vaayiresii HIV kanaaf Dhaabbileen idil Addunyaa UNAIDS, PEPFAR fi Global Fund fi kkf maallaqa guddaa gadi dhiisuu fi sagantaalee qorannoo fayyaa bilisaa daandii irratti taasifaman, fi dawaa bilisaa bal’aa kennan dhaabbileen baay'een hundeeffamaniiru.

Miidiyaaleen biyyaa fi Idil addunyaa, akkasumas gaazexaa fi beeksisa TV fi raadiyoo irraa hanga mana barumsaa tti, waa'een vaayiresii Tiruu Hepatitis B bal'inaan barsiifamuu jalqabe, hawaasni dhibee kana akka waan dhuma addunyaa ta'eetti hubate, Abbootiin Amantii gariin kun dheekkamsa Rabbiiti jedhanii hanga dubbatan tokkotti waa'een dhibee kanaa ol kaafame dubbatame! magaalaa hanga baadiyyaatti gadi bu'uun hubannoon ummataaf kenname.
Kunis hawaasni akka hammeeny dhibee kanaa hubatu taasisuu fi tamsa'ina vaayirasii kanaa dachaa hedduun hir'isuu danda'eera.

Garuu Yeroo kana keessatti Vaayiresiin Tiruu Hepatitis B fi C'n dagatame, Vaayirasii Tiruu mancaasuun lubbuu galaafatu kanaaf dhaabbileen addunyaa akka HIV hundaa'ee hin jiru, qorannoo fi ittisa isaa irratti maallaqa ramaduu fi sochiin miidiyaa fi mootummaa biraa taasifame sadarkaa baayyee xiqqaa dha.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO’n mataan isaa Dhukkubni Vaayirasii Tiruu (viral hepatitis)
Dhukkuba baay’ee dagatamee fi maallaqa gahaa dhabe “hugely neglected and underfunded” jedhee ibseera.

Dhukkubni Vaayirasii Tiruu Hepatitis B, akka HIV dhibee bal'inaan hawaasa biratti beekamuu fi xiyyeeffannoo olaanaa argachuu dhabuun isaa sababoota gurguddoo hedduu irraa kan ka'e dha. Isaan keessaa ijoon kanneen Armaan gadii ti:

1. Vaayirasiin Hepatitis B dhokataa dha!

Vaayirasiin kun “Ajjeesaa Cal’isaa—Silent Killer” jedhamee beekama. Mallattoo tokko malee waggoota dheeraaf nama keessa jiraatee, tiruu suuta suutaan miidhuun gara Madaa Tiruu cirrhosis fi kaansarii tiruutti guddachuu danda’a.

Namoota vaayirasii HBV qaban keessaa 73% akka vaayirasicha qaban hin beekan. Mallattoo waan hin qabneef akka nama fayyaatti of ilaalu.

2. Ba’aan isaa biyyoota qabeenya fayyaa muraasa qaban keessatti walitti kuufameera.

Vaayirasiin Tiruu addunyaa guutuu keessatti argama. Garuu kan inni nama baayyee ajjeesu biyyoota muraasa keessatti qofa, du’a sababa vaayirasii kanaan uumamu keessaa 69% biyyoota kudhan keessatti uumama; Itoophiyaanis biyyoota kana keessaa tokko dha.

Biyyoota balaan isaa guddaan keessatti argamu hedduun isaanii hiyyeessa waan ta'aniif qorannoo fayyaa gahaa, talaallii yeroo dhalootaa fi hordoffii madaa Tiruu cirrhosis/HCC babal’isuuf qabeenya gahaa hin qaban. Kunis HBV xiyyeeffannoo siyaasaa fi maallaqaa addunyaa gahaa akka hin arganne taasise.

3. Dhukkuba suuta deemuu dha.

HIV fi HBV lamaan isaanii iyyuu waggootaaf mallattoo malee turuu danda’u. Garuu HIV baayyee osoo hin turin mallattoon akka Ulfaatinni qaamaa saffisaan gadi bu'uu fi kkf ni mul'ata, Vaayirasiin Tiruu immoo yeroo baay’ee mallattoo malee nama ajjeesuu danda'a, namni tokko ijoollummaa isaa keessatti vaayirasii kanaan qabamee, osoo hin beekin waggoota 20–30 waliin jiraachuu danda'a yeroo baay'ee erga tiruun miidhame booda mallattoo mul’isa.

Namni vaayirasii kana qabu hin ciisu, nyaataa fi dhugaatiif hin rakkatu; akka nama fayyaatti jiraata. Yeroo mallattoon mul’atu garuu tiruun isaa miidhaa cimaa irra gahee jiraachuu danda’a.

Vaayirasiin HBV yeroo muraasa keessatti Tiruu hojiin alaa taasisee acute liver failure cimaa fiduun kallattiin nama ajjeesuus danda’a; garuu duuti isaa inni guddaan infekshinii yeroo dheeraa irraa ka’uun cirrhosis fi HCC’n dhufa.

4. Duuti isaa maqaa vaayirasii Tiruu jalatti hin galmaa’u

Vaayirasiin Tiruu HBV ofii isaan kallattiin nama hin ajjeesu, inni Kaansarii Tiruu HCC fi madaa Tiruu fi kkf nama saaxila, namni yeroo hospitaala deemee lubbuun isaa darbe duuti isaa kun yeroo baay’ee Vaayirasii Tiruu jedhamee osoo hin taane “kaansarii tiruu” ykn “cirrhosis” jedhamee galmaa’a.

Vaayiresiin bu’uura miidhaa sanaa ta’us, maqaan isaa ni dhiifama, rakkoon du'a fidaa jiru isa ta'uun ija uummataa jalaa dhokata. kanaaf Namni baay'inaan yeroo namni du'u Vaayirasii Tiruu Hepatitis B osoo hin taanee, kaansarii Tiruu fi madaa Tiruu qofa beeka, rakkoo fide Vaayirasiin kana ta'uu hin hubatu.

5. Beekumsaa hubannoon dhibee kanaa Ummata biratti Xiqqaa ta'u

Dhukkuba Vaayirasii HIV/AIDS irratti yeroo dheeraaf dookumentii fi tamsaasni bal’aan irratti hojjetamee beekamtii guddaa argateera.

Vaayiresiin Tiruu HBV garuu sababaa mallattoo malee waggaa dheeraaf turuu danda’uu fi namoonni hedduun akka dhukkubsataa ta’an hin beekneef, yaadaa fi dubbii ummataa keessatti iddoo guddaa hin qabu.

6. Talaalliin jiraachuun rakkoon isaa furame fakkeesse.

Talaalliin HBV baay’ee bu’a-qabeessa dha. Garuu talaalliin nama duraan Vaayirasiin qabame chronic HBV qabu hin fayyisu. Namoonni miliyoona 240 hanga miliyoona 300 duraan vaayirasicha waliin jiraatu.

7. Dhukkubsattoonni Vaayirasii Tiruu sagalee hawaasaa cimaa hin qaban

Namoonni HBV qaban baay’een isaanii akka qabaman hin beekan. Warri vaayirasii qabaachuu ofii beekanis: Hawaasa biratti Tuffatamuu sodaatu. Rakkoo gaa’ela argachuu dhabuu fi Hojii ykn imala biyyaa alaa dhabuu sodaachuun hin dubbatan. Akka dhukkubsataatti of hin ilaalani. Dhukkubni sagalee dhukkubsattootaa hin qabne murtii siyaasaa fi fayyaa keessatti salphaatti dagatama.

Sababoonni Armaan olitti ibsaman isaan ijoodha, keessaahuu Sababoota kanneen keessaa inni guddaan, vaayirasichi waggoota dheeraaf mallattoo tokko malee nama keessa jiraachuu isaati. HBV’n akka HIV balaan isaa ija namaa duratti saffisaan hin mul’isu; suuta suutaan tiruu namaa miidhee, yeroo baay’ee erga miidhaan guddaan gahee booda beekama. Kunis dhukkubsataan Vaayirasii Tiruu akka fayyaatti akka of yaadu taasisa.

Addunyaan Dhukkuba Vaayirasii hamaa kanaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun dhabuun qormaata ta'ee itti fufee jira.

Dhukkubni HIV/AIDS xiyyeeffannoo baay’ee argachuun isaa dogoggora miti; xiyyeeffannoon sun lubbuu miliyoonotaa baraareera.

Dogoggorri guddaan Dhukkuba ajjeesaa callisaa ta'e Hepatitis B ulfaatinaa fi hammeenya rakkool iisaa wajjin wal madaaluun xiyyeeffannoo gahaan kennamuu dhabuu isaati.

Hepatitis B vaayirasii salphaatti daddarbuu danda’u, waggoota dheeraaf mallattoo malee nama keessa jiraatu, cirrhosis fi kaansarii tiruu fiduun waggaatti namoota miliyoona tokkoo ol ajjeesu dha.

Garuu Yoo namni hubannoo qabaatee sirriitti irratti hojjetame talaalliin ittifamuu danda’a. Qorannoon adda baafamuu danda’a. Dawaa antiviral sirriin to’atamee carraan madaa Tiruu cirrhosis, liver failure, HCC fi du’a baay’ee hir’isuun ni danda’ama.

Ta’us, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman dafanii qoratamuu, dursanii talaallamuu dhabuun Vaayirasii kanaaf saaxilamaa jiru, erga vaayiresii kanaaf saaxilamanii boodas dafanii yaalamuu fi hordofamuu dhabuu isaaniin lubbuu isaanii dhabaa jiru.

Dafanii yaalamuu dhabuun isaanii Akka dhibeen hin too'atamne taasisaa jira.

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa

Caatii/jimaa Dhugaatiiwwan lallaafaa gosa kamiyyuu waliin fayyadamuun miidhaa fiduu danda'a. Yeroo baay'ee miidhaan fayy...
25/08/2026

Caatii/jimaa Dhugaatiiwwan lallaafaa gosa kamiyyuu waliin fayyadamuun miidhaa fiduu danda'a.

Yeroo baay'ee miidhaan fayyaa tokko tokko kallattiin jimaa qofa irraa waan dhufu ta'e dubbatama! garuu rakkoon fayyaa hedduun kallattiin Jimaa qama'uu qofa osoo hin taane wantoota yeroo Jimaa qama'an fayyadaman kan akka Shiishaa fi tamboo, Dhugaatii lallaafaa fi yeroo dheeraa sochii malee taa'uu waliin wal qabata!.

Amalootaa fi wantoota jimaa wajjin namoonni fayyadaman kan miidhaa qabu tokko dhugaatii lallaafaa yokan (Soft drink) dha. Dhugaatiin lallaafaan kunneen summii mi'aawoo namatti tolan garuu suuta suutaan sirnoota qaamaa balleessuu danda'an ta'uu isaanii qorannoowwan hedduun ni agarsiisu.

Jimaa fi dhugaatii lallaafaa walitti fayyadamuun namoota tokko tokko biratti mallattoo qabeenyaa, qananii fi jireenya gaarii fakkaatee fudhatama. Keessumaa namoonni maallaqa harkaa qaban yeroo jimaa qama’an dhigaatii lallaafaa soft drink gosa garaagaraa wal jijjiiranii dhuguun bal’inaan mul’ata.
Namoonni baay'een kana akka waan gaarii ta'eetti ilaalu Garuu dhugaan saayinsaawaa faallaa kanaati.

jiimaa/caatii fi dhugaatii lallaafaa (soft drink) yeroo baay’ee waliin fayyadamuun, Miidhaa fayyaa cimaa fiduu danda'a!. keessumaa namni tokko yeroo dheeraaf sochii qaamaa malee bakka tokko taa’uun jimaa fi Dhugaatii lallaafaa fayyadamuun carraa dhibeewwan garaagaraa kan akka dhibeewwan onnee fi ujummoolee dhiigaa, dhiibbaa dhiigaa, Dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa type-2 diabetes fi rakkoolee metabolic biroon qabamu dabalu danda’a.

Dhugaatiiwwan lallaafaan hundi isaanii Mi'eessituu Nam-tolchee fi sukkaara baay’ee of keessaa qabu, sukkaarota kana keessaa kan akka malee miidhaa fayyaa qabu, sirnoota qaamaa murteessoo fi qaamota keessoo barbaachisoo kan akka Onnee, Tiruu fi Kalee dabalatee qaamota keenya biroo suuta suutaan miidhuu fi dhibee hamaaf nu saaxiluu danda'antu jiru.

Tiruu Dadhabsiisuu fi carraa dhibee dabaluu danda'a

Keemikaalota jimaa fi soft drink keessaa qulqulleessuuf tiruun hojii isaa waan ta'eef namni dhugaatii lallaafaa fi Jimaa walitti fayyadamuun Tiruu dadhabsiisuu fi carraa dhibee tiruu dabaluu danda'a.

Kalee Dadhabsiisu
Namni tokko dhugaatii lallaafaa taa'ee yeroo hunda dhuguun Fincaan baay'isuu fi kaleen bishaan qulqulluu gahaa akka hin arganne waan taasisuuf Bishaan qaama keessaa sababa kanaan hir'atu kaleen akka summiin kuufamu gochuun carraa dhibee kalee baay'ee dabala.

Carraa dhibee garaachaa fi marrimaanii dabala, Keessahuu dhibee asiidii garaachaaf nama saaxiluu keessatti gahee olaanaa qaba.

Carraa namni sun dhibee shakki dhiphinaa (paranoia), dhiphina sammuu cimaa (depression), fi waa hin jirre arguu (hallucination) qabamuu isaa ol kaasa.

Waan hin jirre akka waan jiruutti hubachuu fi abdachuun nama sana ni dabala! sammuu keessatti Abdiin dhugaa hin taane daangaa darbuun hojii dhugaa irraa nama gaggeessu danda'a.

Dhugaatiwwan lallaafaa hedduun sukkaaraa miidhaa cimaa qabu kan
HFCS jedhamu qabu.

Sukkaarri kun Tiruu irratti miidhaa jabaa akka qabu kanaan dura toora maarsariiti keenya irratti bal'inaan barreessinerra wantoota yeroo ammaa dhibee sukkaaraa fi cooma tiruu fidaa jiranu keessaa Garee tokkoffaa keessatti ramadama.

Sukkaarri dhugaatii lallaafaa keessatti argamu Fructose’n kun garmalee baay'ate kallattiin gara tiruu qofa deema. Tiruun hunda isaa calaluuf dandeettii hin qabu waan ta'eef gara coomaatti jijjiira, kunis dhibee cooma tiruu Fatty Liver fi dhibee sukkaaraa fiduuf baay'ee saffisa qaba.

Dhugaatiwwan lammaffaan gosa daangeffamaa tokko qofa miti dhugaatiiwwan akka (Pepsi, Mirinda, 7-Up, Sprite fi Fanta, Coca-Cola fi Lemon, Apple, Orange) fi kanneen biroon hundi dhugaatii lallaafaa jedhamu.

Walumaagalatti Jimaa fi dhugaatii laafaa (soft drink) waliin fayyadamuun carraa dhibeewwan sukanneessaa fi yeroo dheeraa kan biraas dabaluu waan danda'uuf irraa of qubachuun barbaachisaa dha!.

Hanga danda'metti himaa dhiisuu yokan hir'isuun gaarii dha. Yoo Jimaan qama'uun dirqama ta'e argame immoo bishaan qofa fayyadamuu fi Dhugaatii mi'aawaa kamiyyuu dhiisuu, Akkasumas sochii qaama gochuun barbaachisaa dha!.

Osoo hin dubbisin Osoo hin hubatin yaada kennuu irraa of qusadhaa!.

Hiriyoota keessaniif Share godha! Akkasumas motion godha.

Oduu fi Odeeffannoo fayyaa argachuuf Toora Facebook
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa

Fayyina Vaayirasii Tiruu Hepatitis B Gosa lamaan garaagarummaa isaa waliin Dhukkuba Vaayirasii Tiruu Hepatitis B irratti...
25/08/2026

Fayyina Vaayirasii Tiruu Hepatitis B Gosa lamaan garaagarummaa isaa waliin

Dhukkuba Vaayirasii Tiruu Hepatitis B irratti fayyina sadarkaa ijoo lamatu jira isaanis Fayyina hojii (functional cure) fi fayyina guutuu (complete/sterilizing cure) dha.
Namni Fayyina lamaan keessaa tokko argate fayyeera jedhama garuu Fayyine Gosoota yaalaa Fayyina kana lamaan gidduutti garaagarummaa guddaatu jira. Isaan kana beekuun barbaachisaa dha!.

1. Fayyina Hojii Functional Cure

Inni kun Fayyina Vaayirasii Tiruu Hepatitis B gosa tokkoffaa fi yeroo ammaa hedduu saayinsii fayyaa keessatti fudhatamaa fi xiyyeeffannoo qabudha. Functional cure jechuun (Fayyina Hojii / Fayyina Klinikaa) beekamaa yoo ta'u, Kunis dhukkubsataan erga yaala fudhateen booda; Pirootiinii gubbaa Vaayrasichaa HBsAg yeroo dheeraaf dhabamuu, HBV DNA dhiiga keessatti kan hin argamne ta'uu dha.

Dhukkubsataa keessatti Sanyiin vaayirasichaa inni ijoon (cccDNA) seelii Tiruu keessaa osoo hin badin hafa, garuu dhiiga keessaa HBsAg dhabamuu fi HBV DNA sadarkaa hin mul’anneetti gadi bu’uu undetectable ta'uu fi namni kuni Bu'aan qorannoo kun Erga dhukkubsataan qoricha fudhachuu dhaabee booda yoo xiqqaate ji’a 6 ol vaayirasiin osoo hin deebi’in qaamni ofumaan to’achuu danda’uu jechuudha. Kunis Fayyina hojii Functional Cure jedhama. Kana jechuun dhibeen to’atameera jechuudha. Haa ta'u malee cccDNA keessaaa vaayirasichi 100% haxaa’amee bade jechuu miti.

Garuu yoo Bu’aan HBsAg seroclearance, Anti-HBs seroconversion, HBV DNA hin argamne, HBeAg negative, Anti-HBe positive, akkasumas hojii fi haala ijaarsa tiruu keessatti normalization ta'ee Dhukkubsataan Ji’oota/waggoota follow-up keessatti irra deddeebi’amee qoratamee yoo itti fufe kun Fayyina hojii dhaabbataa (Durable/Sustained Functional Cure) jedhama. Kunis Fayyina isa yeroo baay'ee irratti hojjennudha.

2. Fayyina guutummaatti dhabamuu vaayirasii (Sterilizing Cure)

Inni kun Fayyina vaayirasii Tiruu isa cimaa fi ol'aanaa dha.

Sterilizing Cure jechuun Vaayirasiin Hepatitis B qaama keessaa guutummaatti dhabamuu dha;
kana keessatti dhiiga keessaa qofa serum HBsAg fi HBV DNA dhabamuu qofa osoo hin taane, hundeen bu'uura Vaayirasichaa cccDNA jedhamu kan wiirtuu seelii tiruu Nucleus keessatti argamu dabalatee caasaan Vaayrasii kanaa guutummaatti qaama keessaa dhabamsiifamuu seelii tiruu keessaa replication-competent HBV DNA, cccDNA fi integrated HBV DNA illee dhabamuu qaba. Kun Fayyina isa ol'aanaa fi sadarkaa dhumaa ti.

Qorichoota amma jiruunin fayyina Sterilizing Cure argachuun ni ulfaata. Caalaatti immoo osoo namni tokko fayyyina sterilizing Cure argate ta'es, Mana yaalaatti qorannoo Idileen Fayyina Sterilizing Cure ta'uu isaa mirkaneessuun ni ulfaata.

Dhukkuba Vaayirasii Tiruu Hepatitis B keessatti Fayyinni Argamuuf salphaa ta'ee fi Amanamaan yeroo ammaa Fayyina hojii Functional Cure dha. Keessaahuu Vaayirasichi dhiig keessaa baduu wajjin yoo sirni ittisa qaamaa deebi'ee Anti-HBs: Positive yoo xiqqaate (>15 IU/L) argame kun Fayyina amansiisaa fi harka 90 ol sodaa malee jiraachuun danda'amudha. Dhukkubsattoonni kunniin fayyina Vaayirasii Tiruu HBV kilinika guutu fi Eegumsa ittisa qaamaa immunized/protected) argataniiru jechuudha.

Vaayirasii HBV Deebii Yaalaa Haala kanaan galmaa'e yokan Namni haala kanaan fayye sodaa madaa Tiruu Cirrhosis, Fibrosis, ykn Kansaari Tiruu (HCC) malee akka nama vaayirasii hin qabneetti jireenya tasgabbaawaa jiraachuu danda’a.

Erga haala kanaan Fayyeen booda
Carraan vaayirasiin deebi’uu (relapse) fi kaansarii Tiruu 2-3% gadi ta'uu saayinsiin ni mirkaneessa.

Deebiin wal’aansaa (Sustained Cure) kun fayyina (sterilizing cure) wajjiiniin tokko ta’ee fudhatamuu kan danda'udha. Dhibeen kun guutummaatti dhiiga keessaa baduu fi gara fuulduraatti akka hin deebineef namni kun deebii yaalaa cimaa fi Eegamsa sirna ittisa qaamaa (immunized/protected) argateera. Namoonni kun gara fuulduraatti vaayirasichi itti deebi'uu rakkoolee vaayiresii kanaan dhufan irraa bilisa ta'uu danda'u.

Dhukkuba Vaayirasii Tiruu Hepatitis B Jedhamu kanaaf Yaala Vaayirasii kana dhiiga keessaa balleessuu danda'u nurraa argachuu dandeessu.

Dhukkubno Vaayirasii Tiruu ni fayya yeroo jedhamu Namoonni tokko tokko akka "soba" ykn "raajii" wahii ta'eetti ilaalu garuu kun soba miti ni danda'ama! ragaalee qorannoo fayyaa dhukkubsattoota kanaan dura fayyanii dhuftani daawwachuu dandeessu.

Dhukkuboota Tiruuf Yaala Uumamaa qorannoo irratti hundaa’e, hubannoo saayinsaawaa fi itti gaafatamummaa waliin Nurraa argachuu dandeessu. Lakkoofsa Bilbilaa 𝟬𝟵𝟭 𝟬𝟯𝟯 𝟯𝟵𝟰𝟰 yokan 0917535385 kana fayyadamuun Karaa WhatsApp fi Telegram, yookaan SMS dhimma keessan barreeffamaan nuuf erguu dandeessu. Hanga Deebii isiniif kenninutti obsaan Eeggadha.

Dhibeewwan adda addaaf Yaalaaf qaamaan nu bira dhufuun yoo isiniif Mijachuu baate, Dhukkuba keessan nuuf ibsitanii, bu'aa qorannoo fayyaa keessan Ergitanii, biyya keessaa fi biyya alaa bakka jirtanitti dawaa Ergisiifachuu fi tajaajila argachuu dandeessu. 🌍💊

Oduu fi Odeeffannoo fayyaa guyyaa guyyaan argachuuf Toora Facebook
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godhaa hordofa.

Dhukkubni Vaayirasii Tiruu Hepatitis, Gara Kaansarii Tiruu HCC tti, hin guddanne Taanaan Yaalamee Guutummaatti fayyuu fi...
04/08/2026

Dhukkubni Vaayirasii Tiruu Hepatitis, Gara Kaansarii Tiruu HCC tti, hin guddanne Taanaan Yaalamee Guutummaatti fayyuu fi akka Lammaffaa hin Deebin Eegumsa sirna ittisa qaamaa argachuun ni danda'ama.

No Viral Relapse (Sustained Cure)
Long-term Immunological Protection

Yaala Dhibee kanaaf Karaa WhatsApp fi Telegram Nu qunnamaa.
091 033 3944

Faayidaa Biqltuu Cereddaama yokan xeenaaddamaa fi haala itti fayyadama isaa Biqiltuu xeenaaddaam yokan Cereddaamaa jechu...
04/08/2026

Faayidaa Biqltuu Cereddaama yokan xeenaaddamaa fi haala itti fayyadama isaa

Biqiltuu xeenaaddaam yokan Cereddaamaa jechuun warqii manakee booda jiru kan addunyaa irratti, yaala aadaa durii fi qorannoo ammayyaa keessatti amaloota qorichaa isaatiin beekkamaa ta'edha.

Maqaan Saayinsaawaa "Ruta graveolens" jedhama. Biqiltuu maatii (Rutaceae) keessaa tokko yoo ta’u, baala xixiqoo bifa walmakaa fi daraaraa bifa keelloo fi foolii urgooftuu cimaa ta’een kan beekamudha.

Biqiltuu yeroo hunda magariisa ta’ee fi dhalataa bishaan Meditiraaniyaanii yoo ta'u,
biqiltuu Yaala aadaa durii fi qorannoo ammayyaa keessatti amaloota qorichaa isaatiin beekkamaa ta'edha.

Maqaan isaa Afaan Oromoo Naannoo adda addaatti maqaa garaagaraa qaba.

Lixa Oromiyaa kan akka Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallaggaatti (Cereddaama) jedhama.

Baha Oromiyaa kan akka Arsii fi Shawaa fi kkf keessatti Sunkurtaa ykn Xeenaaddaam jedhamee beekkama.

Harargee keessatti Xalaataam yokan shazzaab jedhamuunis ni beekkama.

Biqiltuun kun Urgeeyssitu waan ta'eef foolii bunaa fi dhandhanma gaarii akka qabaatu Taasisa.. kanaaf Itiyoophiyaa keessatti Biqiltuu kanaaf bunaa fi kkf wajjiin fayyadamuun keessatti Aadaa baratamaadha. Biqiltuu Urgeeyssitu qofa osoo hin taane faaydaa fayyaa hedduu qabudha.

Biqiltuun kun Kompaawundoota keemikaalaa qorichooma qaban
sochiilee Baayoloojii dhukkuboota garaagaraa yaaluuf tajaajilaniin badhaadhee akka jiru qorannoon ni agarsiisa.

Ogeeyyiin Yaala Aadaa Biyyoota Arabaa, Roomaa fi Giriik, Indiyaa fi Ethiopia, Biqiltuu kana yaala Dhukkuboota akka Dhukkubbii ilkaanii fi dhukkubbii guurraa, dhukkubbii mataa, dhukkuba lafee ruumatiizimii, dhiita’uu garaa fi rakkoo dhiiga laguu, madaa qaamaa fi infekshinii gogaa, dhukkuba gaggabdoo fi garaa ciniinnaa yaaluuf baayyinaan kan itti fayyadaman yoo ta’u, qorannoon dhiheenya kana gaggeeffame gama dandeettii qorichaa Biqltuu kanaa dhukkuboota tokko tokko ittisuu fi salphisuu keessatti qabu mirkanaa'eera.

Biqiltuun kun Baalaa fi Abaaboon, isaa bifa keelloo qabuu fi firiin isaas Fayyadama Qoricha uumamaa Durii fi bara saayinsii Ammayyaa keessatti dhukkuboota garaagaraa ittisuuf tajaajilaa jiru.

Rakkoo Sirna bullaa’insa nyaataa, Gaazii/bokokuu garaa fi raammoo garaa kan akka wasfaatii/maagaa/koosoo baasuuf, dhukkuba garaachaa yaaluuf, fayyaa garaacha jabeessuuf itti fayyadamaa ture.

Akkasumas Dhukkuba asmii, dhukkuba ujummoo qillensaa biroonkaayitii salphisuu fi Dhukkubbii garaa kaasaa yaaluuf, kunuunsaa fi Miidhagina Gogaa fi Rifeensaaf, dhukkuba gogaa yaaluuf, gogaa qulqulleessuuf, harca'uu yokan caccabuu rifeensaa hir'isuuf, fayyaa rifeensa cimsuuf ni gargaara.

Akkasumas Rakkoo Sirna Narvii fi jeequmsa sammuu biroo yaaluuf,
Bal'inaan itti fayyadamamaa tureera.

Antioksidaantoonni isaa yaaddoo fi dhiphina sammuu hir'isuuf kan gargaaran yoo ta'u, ijaa, gurraa fi ilkaanii tokko tokko yaaluu fi
dhibeewwan adda addaa irratti faayidaalee yaalaa fi ittisaa hedduu qabaachuun beekkama.

Biqiltuun Cereddaamaa kophaa isaatti faaydaa guddaa qaba dhukkuboota qaamaa fi Namoota

Rakkoo fayyaa hafuuraa wajjin wal qabatu kan akka "Sihirii" yokan "falfala" yk "Hojii harka namaa" fi Namoota ijji Budaa yokan summiin ija namaa miidhe Yaaluuf bal'inaan kan tajaajilu dha...

Namni falfalli yokan Sihiriin itti godhame Baalaa fi sanyii yokan firii Biqltuu Cereddaama, Tumamee, gaaddisa jalatti gogfamee daaakuun isaa, Fallaana Guddaa sadii damma Qulqulluu Kiiloo tokko wajjin walitti makuu, makaa sana irraa ganamaa fi galgala garaa duwwaatti fallaana xiqqoo sadii yoo fudhate fooyyee argachuu danda'a.

Akkasumas Daakuu isaa fi Zayitiin isaa walitti Makame Halkan hirriba dura qaam guutuutti dibatee, bulee ganama, Bishaan Qulqulluun qaama dhiqata, Yeroo Gabaabaa keessatti jijjiirama argachuu dandeessa.

Daa'imman halkan hirrba keessa rifatanuu fi Ijji budaa yokan Ayina xilaa summii ija namaa xuqee fi garaa ciniinnaa sababa malee qabaniif, Biqltuu kana hanga baayyee xiqqoo ta'e, Aannan wajjin Danfisuun guyyaa 3 kennuufin faayidaa qaba.

Sochii farra summii qaba, Nama summii Nyaate yokan dhugee fi nama ilbiisota Summii qabanuun hiddameef ni gargaara.

Baalli isaa Tumamee qaama bakka hiddametti dibama, Akkasumas Baalli isaa Cuunfame siinii bunaa walakkaa, garaatti dhugama guyyaa 3f.

Rifeensa mataa harca'uu dhoorkuuf Daakuu baala cereddaamaa Zayitii qobboo yokan (Castor oil) wajjin walitti makamee Rifeensatti Dibama daqiiqaa 15 booda Bishaan Qulqulluun ofirraa dhiqama, kunis Rifeensa Dheeressa, fayyaa Rifeensaa Cimsa, Rifeensa Harca'uu buqqa'uu fi caccabu dhoorku danda'a!. Garuu faayidaan kun muuxannoo yaala aadaa malee, qorannoo qabatamaa jalatti hin mirkanoofne!

Biqiltuu kana buna irratti dabaluudhaan dhuguun faaydaa fayyaa kan Akka garaa Ciniinnaa dhukkubbii garaa keeysaa dhaabu fi Summii ija budaa garaa keeysaa qulqulleessuuf baay'ee gaariidha.

Namoota gurguddaa Rakkoo adda addaa kan akka garaa dhukkubbii qabaniifis gaariidha.

Cereddaama bunaa fi shayii kkf wajjiin fudhachuun faaydaa adda addaa kan qabu Ta'ulle Namoota Rakkoo Hormoonii fi hanqina bishaan wal hormaataq qabaniif
bishaan sanyii dhiiraa ( s***m) hir'isuu fi Maseenummaa dabaluu akka danda'u qorannoon ni agarsiisa.

Qorannoo toora barruu saayinsii (ScienceDirect fi PubMed) irratti ba'e akka agarsiisutti, dhangala'aan baala Xeenaaddamaa (Ruta graveolens extract) akkuma sanyii dhiiraa (s***m) tuqeen dandeettii socho'uu isaa dhaabsiisuu yokaan hir'isuu danda'a jedha.

Namoonni bara durii ulfa ittisuuf itti fayyadamu. Namni tokko rakkoo hormoonii qabu biqiltuu kana fudhachuun hin barbaachisu.

Akkasumas dubartiin Yeroo ulfaa Baayyinaan yoo fayyadamte Carraa ulfa baasuu qaba.

Yeroo Qorichoota Ammayyaa đź’Š Dhukkuba dhiibbaa dhiigaa fi Onnee Qoricha Hormoonii fi sirna Narvii fi kkf fayyadamn xeenaaddaama fayyadamuun hin danda'amu.

Walumaa galatti

Biqiltuun kun Faayidaa guddaa qaba garuu wanti hubatamuu Qabu, Guyyaa guyyaan yokan bifa dhaabbataa ta'een fayyadamuu fi hanga jedhamee ol baay'inaan fudhachuun akkasumas Yeroo Qorichoota Ammayyaa fudhataa jirru biqiltuu kana fudhachuun miidhaa fiduu danda'a.
Faaydaa isaa Argachuuf Torban keessatti yeroo sadii fudhachuu dandeessuu...

🩺 Gorsa fayyaa Dabalataa fi Barnoota fayyaa saayinsaawaa fi aadaa guyyaa guyyaan argachuuf:

Toora Facebook
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa
Follow godhaa

Mallattoolee 27 kan ijji Budaa/waanyoo yokan immo Ayina xilaan si tuqee jiraachuu fi Hojii harka Namaa Sihiriin/falfalli...
22/06/2026

Mallattoolee 27 kan ijji Budaa/waanyoo yokan immo Ayina xilaan si tuqee jiraachuu fi Hojii harka Namaa Sihiriin/falfalli yokaan xinqolaan sitti hojjetame jiraachuu ittiin beekuu dandeessu.

Mallattoolee dhibee kanneen beekuun ofii kee fi Maatii fi firoota/hiriyoota kees, yeroon yaalchiisuuf si gargaara waan ta'eef, Obsaan dubbisii Share godhii.

Ija Hamaa yokan "Ayinal xilaa" Ija Budaa fi falfalli yoka sihiriin wantoota walitti hidhamanii jiranuu fi mallattoo wal fakkaataa qabanudha. Wantoonni kun lamaan isaaniyyuu humnoota hafuura hamaa jireenyaa fi fayyaa, qabeenya namootaa, gaa'ilaa fi barnoota walumaa galatti hawaasummaa irratti miidhaa geessisuu danda’anidha, jedhamee amanama!.

Wantootni kun lamaan isaanii waggoota 4000 durallee amantii durii aadaa fi amantii ammaa hedduu keessatti hundee godhatanii beekamanidha.

Budaa yokan Ayina xilaa ija hamaa jechuun Anniisaa hamaa ilaalchaan waan ilaalame irratti miidhaa geessisu yoo ta'u, yeroo baay'ee hinaaffaa fi jibbaa irraa kan maddudha.

Sihrii falfala ykn Xinqolaa jechuun immoo waan dhokataa fi ifatti hin mul’anne dha, Garuu miidhaa isaa dhugaadhaan kan mul'atuu fi Argamudha! sihirii yokan Falfalli gocha seexanaa, kan nama miidhu garuu kan dhoksaadhaan nama tuqu jechuudha.

Wantoota kunniin akkamitti beekuu dandeenya? Mallattoolee 27 kan waan kana qabaachuu kee, yokan dhibeen kun sirra jiraachuu agarsiisan kanneen armaan gadiiti:

1. Sababa dhukkuba tokkoo malee Fedhiin nyaataa hir'achuu, Nyaata Booda garaa keessaa Nama Ciniinuu fi Jeeqamuu.

2. Halkan hirriiba isaa keessatti Abjuu sodaachisaa kan akka bofaa fi jawwee, saree bineensota sodaachisoo fi Nama isa Rukutuu fi ittiin lolu yokan isaa wajjiin walitti bu'uu fedhu Abjuun hirriiba keeysaa itti Mul'ata,.

3. Sammuu dadhibsaas:
Barataas ta'ee namni hin baranne kamuu Yeroo ijji budaa tuqe Erraanfii yokan Waa dagachuu Baayyisuu fi waan barate
Sammuu-tti Qabachuu dadhabaa.

4. Sammuun namaa waan hin beekamnee waan isa hin laallanneetti dhiphataa, ni sodaata ni jeeqama waan isa jeequ hin beekuu.

5. Bakka hojii Ofii deemuu Jibbuu fi hojii keessatti kufaatii fi Kisaaraan baayyachuu, Akkasumas Hojii Duraan Sirriitti hojjetaa ture Wallaaluu fi hojii isaa keessatti dhama,uu, hojii dur danda'u deebi'ee Akka itti hojjetu wallaaluu.

6. Sababa tokko malee Gadduu fi Yaadda'uu, Sammuun jeeqamuu fi Dafee Aaruu fi dallanuu Baayyisuu Amalli jijjiirame nama wajjiin walii galuu dadhabuu fi kkf nama saaxila.

7. Sababa Qabatamaa Tokko Malee
Galgalaa fi Halkan Rukuttaa Onnee namatti Dabalaa, garuu Yeroo Mana yaalaa deemee Qoratame dhukkubni irratti Mul'atu hin jiru.

9. Mana ofiitti galuu nama jibbisiisa, Yeroo Gara Mana Nama biraa Deemanu, ni gammadu, garuu yeroo Mana Ofii kessa jiran Gammachuu dhabuu fi dhiphina sammuu itti dhagayama.

10. Mana ofii keeysatti,
Halkan Hirriba Keessa Abjuun Sagalee Adda addaa dhaga'uu fi Abjuu Sodaachisaa Arguu Fakkeenyaaf, Gaara yokan tabba guddaa irraa Gara Boollaatti kufuu fi daandii hin Beekne irra deemuu.

11. Sababa dhukkubaa tokko malee Halkan Fincaan, Namatti heddummaata, Halkan, Halkan Kaleen nama dhukkuba, garuu ganama gara Mana yaalaa Yeroo deemu dhukkubni tokko irratti hin mullatuu.

12. Afaan namaa yookaan Fuulla namaa Gara mirgaa yokan gara bitaatti jal'isa, Akkasumas
Fuulla namaa Daalacheessa Haalluu Gogaa Qaamaa Jijjiira,
Sababa tokko malee Qaama namaa humnaa ol Huqqisaa.

13. Dhukkubootaa fi dhukkubbii namatti fida, Sababa tokko malee Mudhii fi Dugda, lafee miillaa fi Harkaa keeysaa dhukkubbiin namatti dhagayama, nama dhukkubsa, faana miillaa fi Lafee jilbaa humnneeti qaamaa keeysaa nama guba, humna namaa Dadhabsiisa, Sababa tokko malee Akka nama hojii cimaa irraa ture Dadhabbiin itti dhaga'amaa, Ganama hirribaa ka'uu nama dadhabsiisa. Garuu Yeroo mana yaalaa deemee qoratame dhibeen hin Mul'atu! Yoo yaalames hin fayyu Ji'a Tokko yokan lama turee namatti deebi'aa.

14. Qobummaa Filachuu
Hariiroo dhabuu, Namootaa Wajjin hariiruu Uumuu dhiisuu fi
Sababa tokko malee Nama Waliin Dubbachuu Jibbuu fi kophummaa filachuu, maatii fi hiriyoota wajjin walii galuu fi dubbachuu jibbu, Yeroo Namaa Wajjin Duubate yokan walitti makame Sammuun isaa jeeqamuu fi Mataa Bowwuu itti Baayyataa.

Mallattoolee summiin budaa fi Sihiriin falfalli xinqolaan jaalala Maatii fi gaa'elaa miidhaa jiraachuu ittiin beekkamu:

Yoo wanti kun gaa'ila irratti hojjetame:

15. Abbaa manaa yokan haati manaa yokan Lamaan isaaniitu, gara siree yokan kutaa ciisichaa isaanii deemu jibbisiisa, mana ofiitti galuu fi Waliin dubbachuu akkasumas dubbii walii dhaggeeyfachuu jibbisiisaan!.

16. Haati manaa fi abbaan warraa Lamaan jiraa yeroo waliin ciisuuf jedhanu, Qaamni jaraa Humnaa Ol Ho'aa ni Dafqaa Miira Sodaa fi jeequmsatu Sammuu jaraa keessaa itti dhaga'amaa.

17. Mana ofii jibbisiisa:
Yeroo mana ofiitti galu Sammuun, ni Jeequma, sodaa fi miira gammachiisaa hin taanetu itti dhagayama, yeroo mana nama biraa deemu gammachuu itti dhaga'ama.

18. Sababa rakkoo fayyaa tokko malee Yeroo haadha warraa isaa wajjiin ciisuuf jedhu Qaamni saalaa isaa ol hin ka'u, Qaamni isaas ni dafqa, miira sodaa fi dadhabina cimtuu itti dhagayama.

19. Jaalala cimaa Namoota gidduu jiru Yeroo gabaabaa keessatti sababa hin beekamneen gara jibbaatti jijjiirama.Namoota kaleessa wal jaallattuu wajjiin sababa tokko malee wal si shakkisiisa.

20. Mana isaanii keessatti hirriibaa fi boqonnaa dhabu, Halkan yeroo hirriibaa Abjuun yokan manaamaan, Saree, waraabessa, Loonii fi Bofa yok jawwee, sodaachisu itti mul'ata.

21. Haati warraa fi Abbaan warraa kanaan dura baa'yee wal jaallattanu, ija walii keeysa ilaalu fi jecha nagaan waliin dubbachuu dadhabu waanuma Xiqqoof yokan waan hin beekamneef irra deddeebiin walitti mufatu ni Aarsaa wal jibbisiisa!.

Falfala, Sihirii, Namni Tokko Barnoota Barachuu Akka Dadhabuuf Sihiriin yoo itti hojjatame. Mallattoolee Armaan gadii isarratti Mullata.

21• Barataan kaleessa Barnoota jaallatuu fi Qabxii Ol'aanaa qabu sababa tokko malee Barnoota jibbuu fi dadhabaa deemuu.

22. Mana Barumsaa Deemuu Jibbuu fi Dadhabuu yeroo Mana Barnootaa Keessa Seenuu mataan dhukkubuu.

23• Waa Dagachuu Baayyisuu, Barnoota Sammuutti Qabachuu Dadhabuu.

24• yeroo Qormaataa Sababa hin Beekkamneen Gaggabuu, fi mataan bowwaafachuu.

25• Yeroo Waa'ee Barnoota Yaaduu fi yeroo Lafti dhihu Gara Galgalaa Rukuttaan Onnee itti Cimuu.

26• Xiyyeeffannoo dhabuu Kitaabota Dubbisuu Dadhabuu fi Jibbuu Yeroo Kitaaba Barnoota Dubbisu Sammuun isaa jeequmuu fi mataan bowwaafachuu.

27• Mooraa Mana Barnootaa Baqachuu, Yeroo daree Barnootaa seene Hirribatu, qaba sammuu isaatu jeeqama, miira Aarii,mufiitu itti dhaga'ama.

Mallattooleen Armaan Olitti ibsaman kunneen Mallattoolee fi miidhaa ijji Budaa yokan summiin ija namaa fi Sihiriin falfalli namatti fidanu ibasanu yoo ta'u,
Mallattoolee kunneen Sababni yokan Rakkoowwan fayyaa biroo hin qabdanu yoo ta'e, dhukkuba kanaan qabamu agarsiisa.

Dhukkuba Falfala yokan Sihirii kana
Qorichi balleessuu kan biqiltoota uumamaa irraa Oomishamanu hedduutu jiru.

Namoonni rakkoowwan kana qabanu, Qorichoota Aadaa Baala Uumamaa irraa Qophaa'an fayyadamanii, fayyaa isaanii Argachuu danda'u.

Yaala Dhibee kanaa "Wiirtuu Yaala Aadaa Keenya" irraa argachuu dandeessu. Namoonni qaamaan dhufuu hin dandeenye, bakka jiranitti yaala argachuu ni dandeessu.

Lakkoofsa Bilbilaa: +251909316243 , 0917535385,
+251928795750 fi +251909316243. Bilbila kallattii fi Karaa Ergaa barreeffamaan Ogeessoota qunnamuu dandeessu.

Barnootaa fi odeeffannoo, fayyaa bu'aa qabeessa ta'e Yeroo,yeroon argachuuf
Toora Facabook
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa
Follow gochuun nu Hordofaa

Address

Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa:

Shortcuts

Share