Shashamene Comprehensive Specialised Hospital

Shashamene Comprehensive Specialised Hospital " Wherever the art of medicine is loved, there is also a love of Humanity."
- Hippocrates

Guyyaa hardhaa Hospitaala Waliigala Ispeeshaalaayizdii Shaashamanneetti guyyaan "Mid-Wifery" haala oo'aa ta'een kabajama...
11/05/2026

Guyyaa hardhaa Hospitaala Waliigala Ispeeshaalaayizdii Shaashamanneetti guyyaan "Mid-Wifery" haala oo'aa ta'een kabajamaa oolee jira. Keessummoonni Naannoo, Godinaa fi magaalaa irraa dhufan sagantaa kana irratti argamanii jiru.

Ogeessonni "Midwifery" Kenna tajaajila fayyaa qulqulluu, dhaqqabama fi si'ataa ta'e kennuu keessatti warra gahee leenca bahaa jiruudha.

Gootota fedhii hawaasaa fedhii isaani gochuun halkanii guyyaa hojjataa jiran kanniinif jaalalaaf kabaja guddaa qabna.

Baga geessan! Baga isin qabaanne !

It is with profound sadness that we announce the passing of Sr. Nistu Sinshaw, who departed this world yesterday after a...
05/01/2026

It is with profound sadness that we announce the passing of Sr. Nistu Sinshaw, who departed this world yesterday after a long and courageous period of medical treatment. Today, family, friends, colleagues, and loved ones gathered to lay her to rest.

For the past 20 years, Sr. Nistu faithfully served Shashemene Comprehensive Specialized Hospital with unwavering dedication. She was more than a staff member, she was a compassionate caregiver, a humble colleague, and a source of comfort to countless patients and coworkers. Her kindness, commitment, and humanity touched many lives, and her absence leaves a deep and painful void within our hospital family.

We extend our deepest and most heartfelt condolences to her family, friends, relatives, and all those who mourn her loss. May God grant them strength and comfort during this difficult time. May her gentle soul rest in eternal peace 😪

Tajaajila Lammummaa !Guyyaa hardhaa Hospitaalli Waligala Ispeeshalaayizdii Shaashamannee mana sirreessaa Godina Arsii Li...
05/09/2025

Tajaajila Lammummaa !

Guyyaa hardhaa Hospitaalli Waligala Ispeeshalaayizdii Shaashamannee mana sirreessaa Godina Arsii Lixaatti sirreefamtoota dhibee gogaa qaban calaluun , sirreefamtoota 70 olii ta'aniif Ispeeshaalistii dhibee gogaatin tajaajila yaala bilisaa kennee jira.

Dr. Dereje Bayecha ( Ispeeshaalistii dhibee gogaa )

Habtamu Muluken ( Nurse ).

Galata guddaa qabdu 🙏

Tajaajila baqaqsanii yaaluu moora ijaa !Dhaabbanni miti mootummaa Fred Hollow Foundation fi Hospitaalli W I Shaashamanne...
29/08/2025

Tajaajila baqaqsanii yaaluu moora ijaa !

Dhaabbanni miti mootummaa Fred Hollow Foundation fi Hospitaalli W I Shaashamannee tajaajila yaala moora ijaa bilisaan kennuuf sanada waliigaltee mallatteessan. Sanadni waliigaltee kunis, namoota dhibee moora ijaa qaban 2878'f tajaajila baqaqsanii yaaluu moora ijaa bilisaan kennuuf kan karoorfateedha.

Dabalataanis, dhaabbanni Fred Hollow Foundation namoota dhibee moora ijaa qaban 432'f fuullee ijaa bilisaan kan kennu ta'a.

Waliigalteen kunis waggaa lamaaf kan turu yoo ta'u, guyyaa galmeen itti eegalu yeroo dhihootti kan isin beeksisnu ta'a. Fayyaa ta'a !

Oduu gammachiisaa!! Abbaan taayitaa Daandiiwwanii fi Loogistikii Itiyoophiyaa hospitaalota jahaaf (6)f  konkolaataa Ambu...
25/06/2025

Oduu gammachiisaa!!

Abbaan taayitaa Daandiiwwanii fi Loogistikii Itiyoophiyaa hospitaalota jahaaf (6)f konkolaataa Ambulaansii , Land cruiser fi motora saayikilii kennee jira.

Konkolaattoonni kunniin balaa tiraafiikaa akka biyyaatti mudataa jiruu fi eddoowwaan baayyetti midhaa hamaa lubbuu namaa fi qabeenya irratti geessisuun guddinna biyyaa duubatti harkisaa jiran hambisuudhaaf kan oolaniidha.

Ambulaansiin deeggarsaan argame meeshaalee hammayaa yaala balaa tasaatiif barbaachisan kan akka Monitoring machine, Defibrillator, Oxygen fi kkf hundaa kan qabuudha.

Hospitaala woliigala ispeedhaalaayizdii shaashamanneetti Hoji-gaggeesaaa Olaanaa Dr Tamaam Ahmadii fi Meedikaal daarekiteriin hospitaalaa Dr Kamaal Umar sirna wolharkaa fuudhiinsa irratti argamuun furtuu konkolaattotaa fi motoraa fuudhanii jiru.

Ministeerri daandiwwanii fi loogistikii, Biroon Fayyaa federaalaa fi Biiroon Fayyaa Oromiyaa akkasumas qaamoleen hojii eebbifamaa kana keessatti qooda fudhattan hunduu galatoomaa jechaa,.
Hawaasni Naannoo keenyaa fi Godinaaleen kibba baha Oromiyaa hundi baga gammanne, baga gammaddan jechuun gammachuun ergaa baga gammaddanii kan ibsu;- Hospitaala woliigalaa speeshaalaayizdii shaashamannee fi manaajimeentii hospitaalaa fi staafii hospitaalaati!!!!!!.

Dargaggoonni naannoo Kibbaa Itoophiyaa irraa dhufan, guyyaa har’aa hojii tola ooltummaa daangaa hin qabne qabatanii, daa...
22/06/2025

Dargaggoonni naannoo Kibbaa Itoophiyaa irraa dhufan, guyyaa har’aa hojii tola ooltummaa daangaa hin qabne qabatanii, daakuu nyaataa, uffata fi deeggarsa garaagaraa dhukkubsattootaaf qabatanii, hospitaala keenya keessatti nuuf gumaachaniiru.

Hojii isaanii kanaan dargaggoonni kunneen tola ooltummaa fi daaw’annaa gaggeessuun, gargaarsa namoomaa qofa osoo hin taane, miira obbolummaa fi tokkummaa saboota fi sab-lamoota gidduutti cimsuuf shoora olaanaa akka taphatu ibsaniiru.

Sagantichi bakka:
• Koree Qindeessituu Magaalaa keenaa
• Itti Gaafatamaa Waajjira Fayyaa Magaalaa,
• Itti Gaafatamaa Liggii Dargaggoota Oromiyaa,
• Abbootii Gadaa,
• Haadhota Siinqee fi
• Jiraattonni naannoo baay’inaan argamanitti geggeeffameera.

Hirmaannaa fi gumaacha dargaggoota kanaaf galatoomaa jechuu barbaanna.

Guyyaa hardhaa, 30/09/2017, sirni walharkaa fuudhiinsa deeggarsa meeshaalee yaalaa Dhaabbata Tola-Ooltummaa Mako Foundat...
07/06/2025

Guyyaa hardhaa, 30/09/2017, sirni walharkaa fuudhiinsa deeggarsa meeshaalee yaalaa Dhaabbata Tola-Ooltummaa Mako Foundation jedhamuun hoospitaala keenyaaf taasifame, gaggeeffameera. Deeggarsi kun, yoo gara qarshii geeddaramu, qarshii Miliyoona 50 tti tilmaamama.

Sirni kun bakka Hoggansa Olaanaa Magaalaa keenyaa, Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa, kessummoota Ministirii Fayyaa Federaalaa (FMOH), hundeesitoonni Mako Foundation, bakka bu’ootni diaspora Oromoo, namoota beekamoo, abbootiin qabeenyaa magaalaa keenyaa, abbootiin Gadaa fi haadholiin Siinqee argamaniitti kabajaadhaan geggeeffameera.

Deeggarsi kun hanqina meeshaalee fayyaa hoospitaala keenya keessatti y mul’achaa ture furuuf gumaacha olaanaa qaba.

Dhuma irrattis sirni beekkamtii fi badhaasaa taasifameera.

Recognition for Outstanding Contributions in Leprosy CareAHRI, ENAPAL, and The Leprosy Mission International Ethiopia ha...
31/05/2025

Recognition for Outstanding Contributions in Leprosy Care

AHRI, ENAPAL, and The Leprosy Mission International Ethiopia have joined hands to recognize individuals who have made exceptional contributions in the field of leprosy care. We are proud to announce that three staff members from Shashemene Comprehensive Specialized Hospital have been honored in three distinguished categories:

1. Dr. Dereje Bayecha, Dermato-venerologist – Emerging Leprosy Care Provider Physician

2. Mr. Assefa Tefera – Lifetime Leprosy Service Award Winner

3. Mr. Habtamu Muluken – Excellence in Clinical Care for Outstanding Dedication in Patient Care

We extend our heartfelt congratulations to these dedicated professionals for their remarkable service and commitment to leprosy care. Their contributions are making a real difference in the lives of patients and in the fight against leprosy in Ethiopia.

Well done and keep up the inspiring work!

Jiilli itti gaafatamaa ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaa fi Kantiibaa Magaalaa Shaasham...
18/05/2025

Jiilli itti gaafatamaa ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaa fi Kantiibaa Magaalaa Shaashamannee, akkasumas walitti qabaa Boordii Hospitaala keenyaa kan ta’an Obbo Adaanee T/Goorgis Jaldootiin durfamu hospitaala keenyatti daawwannaa taasisaniiru.

Daawwannaa kanaanis kenna tajaajila fayyaa hospitaalichaa fi sadarkaa ijaarsi piroojektii Special Diagnostic Center irra jiru daawwataniru.

Dhuma daawwii irrattis, tajaajila hospitaalichi kennaa jiru jajjabeessuun, piroojeektichi saffisaa fi qulqullinna olaanaadhaan hojjatamee tajaajila akka jalqabuuf hoggansi sadarkaan jiru hordoffii cimaa taasisuu akka qabu Dr. Mangistuun dhaamaniiru.

Oduu Gaddaa ! Hojjataa Hospitaala Waliigala Ispeeshaalayizdii Shaashamannee kan turaniif waggaa tokko dura soorama kan b...
06/05/2025

Oduu Gaddaa !

Hojjataa Hospitaala Waliigala Ispeeshaalayizdii Shaashamannee kan turaniif waggaa tokko dura soorama kan bahan Obboo Waaltaaw Taaddasaan dhibee tasa isaan muudateen guyyaa hardhaa addunyaa kana irraa du'aan boqatanii jiru. Obboo Waaltaaw waggoota 30 oliif Hospitaala WI Shaashamanneetti quuqamaa fi aantummaa ol'aanaan hawaasa isaanii tajaajilaa turan. Maatii, firoottan fi hiriyyoota isaanii maraaf jajjabinna hawwina😢

Dhaabbanni MAJD Islamic Association Hospitaala Waliigala Ispeeshaalaayizdii Shaashamanneetti sagantaa Ifxaara qopheessun...
20/03/2025

Dhaabbanni MAJD Islamic Association Hospitaala Waliigala Ispeeshaalaayizdii Shaashamanneetti sagantaa Ifxaara qopheessun waldhaanamtoota dhibba tokko ol ta'an lulluuqqachiise jira. Galatooma 🙏

Address

Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shashamene Comprehensive Specialised Hospital posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category