Yaala Aadaa Kuush

Yaala Aadaa Kuush Yaanni kiyya Qoricha Aadaatiin hawaasa kiyya tajaajiluudha. Kaayyoon kiyya ;
Hawaasa keenya Qoricha Aadaatiin hamma beekuun tajaajilu.

04/09/2026
Tiruu.      Liver.        ጉበት.      الكبد-----------------------------------------------------Tiruu fi Dhibee Tiruu.~~~~...
26/08/2026

Tiruu. Liver. ጉበት. الكبد
-----------------------------------------------------

Tiruu fi Dhibee Tiruu.
~~~~~~~~~~~~~~~
Tiruun qaamolee keenya keessaa gogatti Aanee qaama guddaadha akkasumas qaama baay’ee murteessaa fi dalagaa hedduu kan qabduudha. Tiruun kan argamtu garaa keenya gara olii gara fulduraa fi harki caalan gara mirgatti siqxee argamti.

☆Dalagaan Tiruun Maali?

Tiruun keenya dalagaa hedduu qabdi; isaanis, Wantoota garaagaraa kan akka keemikaalota qaama keenyaaf barbaachisan hedduu oomishuuf, Xuuraawaa garaagaraa kan qaamatti summii ta’an diiguun akka qaama keessaa bahan taasisa, Wantoota garaagaraa kuusuuf, Dhangala’aan Hadhooftuu oomishuun dhangal'aan sun kiisa ykn Afuuffee keessatti kuufamee eegasi gara Mari'imaaniitti dabarsuun sirna bullaa'iinsa nyaataaf akka gargaaru taasisa.

Dhibee Tiruu
===========
Dhibeen Tiruu hawaasa keenya biratti yeroo baay’ee dhibee simbiraa, kan simbira halkaniin namatti dhufu jedhamuun karaa dogongoraa ta’een beekama. Dhugaan jiru dhibeen tiruu fi simbirri halkanii hidhata homaatuu akka hin qabnedha. Dhibee tiruu kan jedhamu yoo tiruun keenya miidhamtee dalagaa ishee yoo sirnaan dalaguu dadhabdeedha.

Tiruun keenya akka miidhamtu wantoonni godhan heddudha; Akka biyya keenyatti vaayirasiin tiruu (hepatitis virus HBV, HCV… fa’a) Tiruu keenya miidhuun sadarkaa 1ffaa yoo qabatan biyyoota guddatan keessatti immoo Alkoolii baay’isanii dhuguutu dursa qabata. Qorichoonni tokko tokko kan dhukkuboota biroof ajaja ogeessaan ala fudhatamuus miidhaa tiruu keenya irraan ni geessisa.
akkasumas keemikaalonni garagaraa yoo gara garaatti darban Tiruu keenya miidhuu ni danda'u akkasumas namoota baay’ee muraasa ta’an irratti qaamni ittisa dhibee ofuma isaattii deebisee tiruu miidhuu danda’a (Autoimmune hepatitis) fi kkf.

Sababoota Dhibee Tiruuf Nama Saaxilan (Risk Factors)
-Alkoolii baay’isanii dhuguu.
-Qoricha ajaja ogeessaan ala fudhachuu fi
-haala ajajameen fudhachuu dhiisuu (kan ajajame ol fudhachuu)
-Walqunnamtii saalaa hin heyyamamne Raawwachuu.
-Ulfaatina garmalee guddaa ta’e qabaatu
-Dhangala’aa ykn dhiiga namoota biroo tuttuquu, kunis dhibeewwaan tiruu keenya miidhaan akka nama qabame irraa nutti darbu godha
-Meeshalee qara qaban waliin fayyadamuu.
-Tamboo aarsuu fi Araadawwan biroos tiruu keenya miidhuu danda’u.
- keemikaalonni gara garaa nama seenuu
-Fooliin Summii garaagaraa fuunfachuu fi kkf..
☆Mallattoolee Miidhamuu Tiruu Agarsiisan.
Tiruun qaama guddaa waan ta’eef, miidhama xiqqoon mallattoo hoomaatuu agarsiisuu dhiisuu danda’a. Paarsantaa dhibba keessaa 85 yoo miidhameeyyuu hojii ishee akkuma gaaritti hojjachuu dandeessi kanaaf yeroo hedduu otoo ofirratti hin beekin miidhama guddaaf nama saaxilti.
Akkuma miidhamni dabalaa deemun mallattoo agarsiisuu eegala. Mallattooleen kunnenis:
-Dhukkubbii garaa gara oli fi gara mirgaa
-Nyaata nama jibbisiisuu,
-Ol nama guursisuu fi nama haqqisiisu
-Gogaa fi iji keenya gara keellotti jijjiramu
-Qaamni namaa akka salphatti dhiiguu.
-nama funuunuu.
-Nama dadhabsisuu fi
-ulfaatinni qaamaa garmalee hir’achuu
-Darbees hafuurri wal hanqachuu
-Garaa nama dhiitaa’u ykn bokoksuu
-miila fi iddoon biraas dhiita’uu.
-Qaamni nama hooksisuu
-Halluun bobbaa(sagaraa) jijjiramu. -Halluun fincaanii gara gurraachaatti jijjiramu
-of nama jibbisiisuu (hifachiisuu) fi k.k.f mallattoolee dhibee Tiruu irraa muraasa.

■Yaala Dhibee Tiruu.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>

Dhibee tiruu yaaluun sadarkaa isheen miidhamte irratti hundaa’a, Kuniis osoo miidhaa guddaan irra hin gahiin yoo ta’e, Wantoota tiruu keenya miidhaan irraa yoo fagaanne fi of eggannoo tiruu keenyaaf yoo goone, tiruun keenya fayyuu danda’a. Keessattuu dhibee tiruu sababa Alkoolii baay’isuun dhufe yoo ta’e, dafnee osoo sadarkaa hamaa irra hin gahin yoo alkoolii dhiisna ta’e fayyuu danda’a.

Yoo tiruun keenya garmalee kan miidhamte ta’e, garuu fayyuun baay’ee rakkisaa ta’a. kanaaf dhibeen tiruu kun akka nu hin qabne sirriitti of eeggannoo cimsuu fi yoo nu qabees sababa dhukkubicha nutti fideef yeroon ogeessa fayyaa mariisisuun wanta isaan nun jedhan seeran hojii irra oolchuun barbaachisaadha.

Hubachiisa:,
Garaagarummaa Dhukkuba Simbiraa,Goflaa, Raaree ,shimbirro f.k.k
Yeroo biraa bal'inaan kan barreessinu ta'a.
Share Gochuu hin dagatinaa.
Teessoon keenya:
Oromiyaa
Shaashamannee
Awaasho
Odeeffannoo dabalataatiif
00251909316243
00251928795750
https://whatsapp.com/channel/0029Vb5UB8sK5cD8wwhfcU2g
https://t.me/yaalaAadaaKush
https://www.facebook.com/share/1DHzfFSYMo/

☆Kalee     kidney   ኩላልት  الكلى Kaleen  jiraatuuf jiraatuu dhabuu ilma namaatiif  Qaama Murteessaadha.Kaleen boca Baaqel...
23/08/2026

☆Kalee kidney ኩላልት الكلى
Kaleen jiraatuuf jiraatuu dhabuu ilma namaatiif Qaama Murteessaadha.
Kaleen boca Baaqela (boloqqee) fakkaatti.guddinni isii Qabaa (cum'aa) harkaa geessi.
Halluun isii gara diiminaatti dabdi.
Irra heedduun namaa kalee lamaan jiraatu
Garuu darbee darbee kalee takkaanis inuma jiraatuu kanaafuu kalee tokko namaa Arjoomamuun ni danda'ama nama kaleen lameen hojiin ala taate lubbu isaa baraaruuf jecha yoo ogeessa Amanamaa gahumsa qabuun
Taate.
Kaleen Qaama namaa keessatti kallattii mirgaa fi bitaatiin gara duubaatti hiiqtee lafee cinaachaa garjallatti argamti.
■ Hojii kalee:
Wantoota Gara keessaatti seenan karaa nyaataa fi dhugaatii fi Qilleensaa fi Qorichoota adda addaatiin Eega Tajaajila kennanii booda xuraawaa hin barbaachifne karaa ujummoo dhiigaatiin Eega dhimbiibdee (calaltee) Qulqulleessitee booda bifa fincaaniitiin karaa Alaatti akka bahuuf hojjatti.
Yeroo dhimbiibdu (calaltu)kana Kan baay'ate hir'isuun kan hir'ate dabaluun walmadaalchiftee kan Qulqullawe Kara ujummoolee dhiigaatiin keessatti deebisuun Xuraawaa hin barbaachifne immoo bifa fincaaniitiin Kara afuuffee fincaaniitti ergiti.
eegasii Afuuffee fincaanii keessaa Kara tubboo fincaaniitiin Alatti baya.
Ammas Asiidonni fi beeziin Qaama keenyaa Akka madaalawaa ta'aniif tajaajilti.
Akkasumas waantoonni Qaama kessa jiran hunduu madaallii isaanii eeggatanii akka turan taasisti.
Walumaa galatti kaleen Madaalli Qaama keenyaa Akka haala gaaritti Eeeggamuuf nu gargaarti.
■wantoota kalee miidhan.
Guyyatti (24sa'aatii) kalee keenya keessa dhiiga litira1500 ta'utu daddarba inni qulqullaaye deebi'ee ujummoolee xixinnoolee Ijaan hin Mul'anneen keessaan Gara Qaama keenyaatti deebi'uun hojii isaan akka gaaritti hojjatu inni xuraawaan bifa balfaatiin gara Afuufeetti darbuun eega kuufamee booda tubboo fincaaniitiin karaa Alaatti baafama.
☆Dhibeen kalee irra caalaa kan dhufu yoo kaleen calaluu sirritti dadhabdu Dhangala'oowwanii fi Makaaleen Garagaraa Qaama keessatti kuufamuun yoo hafan Miidhaa gara garaa Qaama keessatti geessan.fkn Qaamni dhiita’uu fincaan irratti rakkoon mul'atuuf k.k.f
☆Mallatolee dhukkubbi kalee Qabaachuu
1.Fincaan nama gubuu,fincaa'uu dadhabuu,dhiiga fincaa'uu,halkan Amma Amma fincaa'uu.
2.Fincaan Akka duraa irraa jijjiramu,Halluun fincaanii jijjiramu ykn fincaan homachaawu.
3.dhiibbaan dhiigaa dabalu,Dhiigni Gad'bu'uu(hanqinni dhiigaa) mul'achuu.
4.ijaa fi fuulli iita'u,miilaa fi mogoleen yoo hirribaa ka'an fi yoo yeroo dheeraa Dhaabbatan iita'u.
5.Dugdi nama dhukkubu keessattu gara gad'aanuun,qaamni hormaataa nama dhukkubu.
6.Akka tokkotti Taa'uu dadhabu, Ciisa tokkotti ciisuu dadhabu.
7.fedhiin nyaataa hir'achu,qaamni nama hooksisu.
8.Dhandhamni Afaanii jijjiiramu
9.hafuura nama kutuu fi k.k.f
Mallattoo dhukkubbii kaleeti.
Dhukkubbiin kalee maal fa'a?.........................
Itti fufaa hordofaa
Share Like godhaa
Teessoon keenya:
Oromiyaa Shaashamannee
Awaashoo (01)
0909316243
0928795750

Damma Yamanii jedhanii Namoonni hedduun maallaqa baasanii dhukkuba bitachaa jiru⚠️Damma Biyya Yaman keessatti Mootummaan...
17/08/2026

Damma Yamanii jedhanii Namoonni hedduun maallaqa baasanii dhukkuba bitachaa jiru⚠️

Damma Biyya Yaman keessatti Mootummaan dhoorke tu, Ethiopia keessatti dawaa furdina ta'ee gurguramaa jira!.

Namoonni baay'een ulfaatina yokan furdina qaamaa dabaluu akka mallattoo fayyaa, bareedinaa ykn qaama gaarii qabaachuuttis ilaalu. Kanaaf, oomishaalee “fedhii nyaataa dabalan”, “qaama furdisan” ykn “yeroo gabaabaa keessatti ulfaatina dabalu” jedhamanii gabaa irratti gurguraman bituuf maallaqa baasanii dhibee bitaa jiru. Garuu
Ulfaatinni qaamaa fi Furdinni garmaleen mataan isaa dhukkuba of danda’edha. Akka qorannoon dhaabbata fayyaa Addunyaa WHO 2024 agarsiisutti dhukkuboota furdina garmaleen dhufaniin wal qabatee yoo xiqqaate waggaatti namoonni miiliyoona 3 hanga miliyoona shanii lubbuu isaanii dhabu.

Makaa dammaa fi biqiltootaa kan "Damma Yamanii" jedhame Fedhii nyaataa banuu fi furdina qaamaa dabaluuf faayidaa qabu jedhamuun gurguramaa jiranu hedduun isaanii rakkoo fayyaa hamaa fi Oomishaalee mirkaneessa Laabraatorii hin qabne kan suuta suutaan balaa fayyaa hamaaf mama saaxilan ta'uu isaa Qorannoon biyya Yamanii, Iraaqii fi Ameerikaa dabalatee biyyoota garaagaraa keessatti taasifame ni agarsiisa. Oomisha kana fayyadamuun amma nama gammachiisa garuu booda gatii lubbuu nama kaffalchiisuu danda'a!.

Ragaa malee waan tokko hin morminu ragaa qorannoo saayinsii yeroo dhiyoo walitti qabuun miidhaa damma kanaa mirkaneessuu dandeenyeera!.

Jalqaba irratti furdina jechuun waan maallaqa baasanii bitan miti ofii isaafuu balaa fayyaa hamaaf mama saaxila. Ulfaatinni qaamaa fi furdinni garmaleen (obesity) dhibeewwan baay'eedhaaf nama saaxila. Saayinsii fayyaa keessatti Furdinni garmaleen akka dhukkuba of danda'eetti ilaalama, akkasumas dhibeewwan biroo hedduudhaaf sababa bu'uuraa (risk factor) ta'a.

Rakkooleen fayyaa furdina garmaleen walqabatan gurguddoon:

Dhibee Onnee fi Ujummoo Dhiigaa, Dhiibbaa dhiigaa fi kkf.

Dhibee sukkaaraa gosa 2ffaa fi Dhibee cooma tiruu (fatty liver )

Akkasumas Furdinni garmalee kaansariwwan gosa adda addaa, kanneen akka kaansarii mar'immanii, kaansarii harmaa fi gadameessaa, kaansarii kalee fi tiruu fiduu danda'a.

Rakkoolee Sirna Hargansuu Dhibee asmii fi rakkoo hargansuu yeroo hirriibaa, kan 'sleep apnea' jedhamu, fida.

Dhukkuboonni Lafee fi Narvii fi dhukkubbii dugdaaf nama saaxila.

Furdina garmaleen dhibee 15 olii wajjin wal qabata. Yeroo hunda furdina hir'isaa jedhamee gorfama garuu namoonni hedduun maallaqaan furdina bituuf maallaqa baasu!.

Yeroo Dhiyoo as Dammi Maqaan isaa Ingiliffaan "Alwanoh mixture for fattening" Afaan Arabaan immoo
"خلطات علوانة للتسمين"
jedhamuun beekamu namoonni baayyinaan fayyadamuu irratti argamu.

Waa'ee oomisha kanaa toora miidiyaa hawaasaa gubbaatti yeroo namoonni waa'ee isaa dubbatan argaa jirra. Dammi kun Yaman keessatti dhaabbata "Alwanoh For Yemeni Honey" jedhamudhaan beekamuun oomishame Dhaabbatichi Baahireen, UAE, fi Qaxar dabalatee Yamaniin alatti biyyoota hedduu keessatti oomishni isaa argama.

Dammi kun furdina qaamaa fi Fedhii nyaataa dabala jedhamuun gabaa irratti gurgumaa jira ha ta'uu garuu, balaa fayyaa fi qulqullina nageenyaa isaa irratti ragaan ifaa ta'e tokko hin jiru! kana malees biyyoota arabaa garaagaraa keessatti qorannoo oomishaale dammaa nama furdisu jedhaman irratti taasifameen wantoota miidhaa qaban kan summii kalee fi tiruu fidan argamanii jiru.

Dhaabbanni nageenya nyaataa fi Qorichoota Yamanii fi Sa'ud Arabiyaa dabalatee Ameerikaa fi kkf oomishaalee kanneen fayyadamuu irraa akeekkachiisaniiru.

Abbaan Taayitaa Qorichaa Yaman maal jedhe?

Akeekkachiisni abbaa taayitaa nyaataa fi qorichaa Yamanii dhimma kana irraatti baase hunda caalaa ragaa qabatamaa dha. (SBDMA) beeksisa lakkoofsa 118/11-1446 keessatti maqaa fedheenuu haa ta'u Oomishalee nama furdisuu fi ulfaatin hir'isuuf gurguraman hundi isaanii Amanamoo miti hawaasni fayyadamuus ta'ee miidiyaa hawaasummaa irratti beeksisuu irraa akka of qusatu akeekkachiisa.
Gosa tokko qofaa miti gosoota hunda “جميع خلطات التسمين والتنحيف” jedhee barreesse jira. Waan Yaman keessatti balaaleffatamu itiyoophiyaa keessatti waan gaarii ta'ee gabaaf dhiyaataa jira!.

Dammi Yamanii kun nyaataa fi wantoota baala mukaa adda addaa walitti makame irraa kan madde yoo ta’u, dammi kun yeroo baay’ee habishii fenugreek, dhadhaa qulqullaa’e, lawuuzi, damma, aannan warshaa, dabalatee, biqiltoota Uumamaa fedhii nyaataa kakaasan wajjiin walitti makame hojjetama. Haa ta’u malee, makaan kun madaallii saayinsii soorataa yokan saayinsii fayyaa kan Eeggate miti. Oomishalee nama furdisan irratti qorannoo taasifame waan midhaa qabuu fi akka qaamni namaa afuufame furdaa fakkaatu taasisan aaksumas summiin qaama keessa akka kuufamu taasisan of keessaa qabaachuu isaanii mirkaneesseera.

Dhimma kana irratti qorannoo muraasa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama!

Bara 2024tti qorattoonni (Faculty of Pharmacy fi Aden University) qorannoo peer-reviewed tokko maxxansan. Qorannoon kun oomishaalee ulfaatina qaamaa dabaluuf biyyi Yaman magaalaa Aden keessatti gurguraman shan—kanneen dammaa fi wantoota garaagaraa walitti makuun damma nama furdisu jedhanii gurguraman irratti gaggeeffame.

Qorattoonni UV fi FT-IR spectroscopy fayyadamuun qoratanii damma Yamanii jedhaman kanneen keessatti dexamethasone fi cyproheptadine fi kkf akka jiru argataniiru. Qorattoonni xumura irratti oomishaaleen nama furdisu jedhaman qorichoota hin labsamne kana qabaachuu arganiiru. kanaaf mootummaan oomishalee kanneen irratti to'annoon cimaa akka barbaachisu ibsan. Kun ragaa baay'ee barbaachisaa dha, sababni isaas qorannoon kun biyya biraa osoo hin taane Yamanii keessatti gaggeeffame.

Qorannoon biraa kan Iraaq keessatti gaggeeffamee bara 2025 Journal of AOAC International keessatti maxxanfame oomishaalee nama furdisu jedhaman dammaa fi weight-gain sagal qoratee hawaasni akka hin fayyadamne akeekkachiiseera!.

Qorannoon kun akka agarsiisutti Oomishaaleen "ulfaatina qaamaa dabaluuf" jedhamani " Biqiltootaa fi damma" irraa qophaa'anii gabaaf dhiyaatan hedduun wantoota miidhaa fidan (cyproheptadine fi dexamethasone) dabalatee wantoota garaagaraa daangaa idilee ol ta'e of keessaa qabu. Qorannoo irratti Keemikaalonni garaagaraa Saamuda makaa dammaa kanneen keessatti daangaa idilee ol ta'ee argamuun isaa rakkoo fayyaa hamaa fiduu akka danda'uu fi oomishaaleen kunneen too'atamu akka qaban qorattoonni ibsaniiru.

Qorannoo Iraaq keessatti gaggeeffame kun akka agarsiisetti dammi makaa biqiltootaa qabu kun qabiyyee qoricha akka (prednisolone ykn dexamethasone) kortikoostirooyidii humna guddaa qaban kan yaala fayyaatiin inflammation yaaluuf fayyadaman Of keessaa qaba, qabiyyeen kun dhangala’aa fi soogidda akka qaama keessatti hafu gochuun ulfaatina qaamaa dabaluu fi furdina garmalee uumuu danda’u. Furdinni sun dhugaa osoo hin taane furdina dhukkubaa qaamni summiin guutame dhufu kan waggoota booda balaaf nama saaxiluu danda'udha!.

Walumaagalatti Oomishaaleen kunneen nageenya hin qabanu!
Angawoonni nyaataa fi qoricha biyyoota hedduu, kan akka Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Sa’uudii (SFDA), dammi makaa "Fedhii nyaataa dabaluu ulfaatina qaamaa" dabaluu danda’u jedhamanii toora interneetii irratti gabaaf dhiyaatan wantoota keemikaalaa qophaa’an waan ta'eef Hawasni itti fayyadamuu irraa akka of qusatu akeekkachiisaniiru.

Qaamni qorichaa fi meeshaalee yaalaa Yaman keessatti to’atu Boordiin Ol’aanaa Qorichaa fi Meeshaalee Yaalaa (SBDMA) kan Ministeera Fayyaa jalatti hojjetu "Makaa dammaa Fedhii nyaataa fi furdina qaamaa dabaluuf" jedhamanii gurguraman irraa akakeekkachisee jira. Dammi kun raabsamaa kan jiru seeraa fi to’annoo Ministira fayyaa jalatti qoratamee kan galma'e miti. Ragaan qulqullinaa fi Nageenyaa ifatti hin ibsamne waan ta'eef nageenya hin qabu jedhee jiraa.

Wanti tokko biyya arabaa irraa dhufe jechuun nageenya qaba jechuu miti!.

Ulfaatinni qaamaa dabaluun haalli fayyaa fooyya’uu yokan miidhagina osoo hin taane yeroo baayyee mallattoo jeequmsa meetaabolii fi madaalliin soorataa jeeqamuun kan uummamu yoo ta'u, furdinni sababa dhukkuboota ciccimoo fi yeroo dheeraa lubbuu namoota miliyoonaa galaafatan kan akka Onnee, dhiibbaa dhiigaa, Sukkaara, cooma tiruu fi kaansariif sababa ijoodha. keessumaa ulfaatinni qaamaa karaa uumamaan ala, makaa oomishaalee "ulfaatinaa abaluu" jedhamanii gabaaf dhiyaatan kanneen madaallii soorataa hin qabne of keessaa qaban yoo ta'e balaa guddaa qaba. Kanaaf, namni ulfaatina qaamaa saffisaan dabaluu abdachuun wantoota ulfaatina qaamaa dabalanu kamiyyuu fayyadamu dhukkuboota ciccimoo ji’oota ykn waggoota booda mul’achuu danda’aniif of saaxilaa jira.

Odeffannnoo fayyaa Guyyaa guyyaan argachuuf facebook
Yaala Aadaa Kuush follow godha..

📚 Madda wabii saayinsaawaa

1. Badulla WFS, Bamahmood ES, Banafa SH. Spectroscopic Screening of Dexamethasone and Cyproheptadine Adulteration in Weight Gaining Products Marketed in Aden, Yemen. Addiction & Health. 2024;16(3):178–187. DOI: 10.34172/ahj.1549.

2. Aladul MI, et al. Chromatographic Detection and Determination of Cyproheptadine and Dexamethasone as Adulterants in Weight Gain Supplements. Journal of AOAC International. 2025;108(5):753–759. DOI: 10.1093/jaoacint/qsaf050.

3. World Health Organization — Obesity and overweight. WHO Fact Sheet, updated December 2025.

4. U.S. FDA — Kian P*e Wan safety warning. FDA laboratory testing identified undeclared dexamethasone and cyproheptadine, March 2026.

5. Supreme Board of Drugs & Medical Appliances – Yemen. Circular No. 118/11-1446: warning concerning all unlicensed fattening and slimming mixtures.

منقول عن Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

Wiirtuu Yaala Aadaa Kuush Wiirtuun Yaala Aadaa Kuush tajaajila wal’aansa qoricha aadaa amansiisaa fi qorannoo irratti hu...
12/08/2026

Wiirtuu Yaala Aadaa Kuush

Wiirtuun Yaala Aadaa Kuush tajaajila wal’aansa qoricha aadaa amansiisaa fi qorannoo irratti hundaa’e dhukkuboota garaagaraa 20 ol irratti tajaajila amamsiisaa ni kenna.

🔍 Tajaajiloota Ijoo:

✅ Dhukkuboota Keessoo:
Vaayireesii Tiruu B
Dhukkuba dhukkuba cirracha kalee
Rakkoo hadhooftuu
Dhibee garaachaa (H-Pylori fi madaa Garaachaa)

✅ Dhukkiboota Qunnamtii Saalaatiim Daddarban, Fayyaa Qaama Saalaa fi Afuuffee Fincaanii:
Cobxoo fi fanxoo
Maseenummaa (dhiiraa fi dubartii)
Dadhabina qaama saalaa
Rakkoo Sanyii Kormaa (piroostaatii)

✅ Dhibeewwan Gogaa:
Lamxii (vitiligo)
Cittoo fi sibiijjii
Fangasii
Madaa gogaa
Baarillee

✅ Rakkoolee Biroo:
Kintaarotii (gosa hunda)
Gaggabdoo
Asmii
Dhiibbaa dhiigaa
Dhukkubbii lafee fi dugdaa
Rakkoo rifeensa harca’uu
Dhukkiba Sihirii(falfalaa), budaa fi jinnii.

📞 Nu Qunnamtanii
Tajaajila keenya argachuuf:
📱 0928795750
📱 0909316243
Sa’aatii hojiitti bilbiluun nu qunnamaa.
ℹ️ Odeeffannoo Dabalataa
💰 Kaffaltiin gatii madaalawaa fi haala dhukkubsataa irratti hundaa’a
📍 Bakki keenya: odeeffannoo guutuu bilbila irratti ni kennina
🤝 Tajaajilli keenya iccitii maamila keenyaa haala eegee fi amanamummaa guutuu qaba.
👉 Fayyaa keessan eeggachuun murteessaa dha — har’a irraa eegalaa tarkaanfii fudhadhaa!

SUNKURTAA (XALATAAMA)ጤና አዳምشذابRueRuta angustifoliaBiqiltuun kun biqiltuu Waggaa guutuu magariisaati Baala walitti tuuch...
04/08/2026

SUNKURTAA (XALATAAMA)
ጤና አዳም
شذاب
Rue
Ruta angustifolia
Biqiltuun kun biqiltuu Waggaa guutuu magariisaati
Baala walitti tuuchoo taate qaba Ababaa keelloo mataa irratti mul'isee eegasii firii fireessa
Biyya keenya dabalatee biyyota Addunyaa heedduu keessatti Oomishama.
☆Faayidaalee hedduuf oola
Isaan keessaa :
1.Nama gaggabuuf akkaan dawaadha.
Gaggabni lamatti Qoodama.
■kan jinnii,budaafi sheyxaanarra dhufuu
■ kan hadhooytu hamtuu irraa dhufuutu jira.
lamaaniifuu dawaadha
2. Sunkurtaan nama sammuu dhukkubuuf ni fayyaddi.
3. Dhukkuba laamshoo ykn laamsha’ummaa nama qabuuf dawaadha.
4. Sunkurtaan lolloojjiif sirritti fayyaddi.
5. Laalaa garaachatiif dawaadha.
6. Dhukkuba marrimaaniitif dawaadha.
7. Nama garaan afufaame (bokakee)akka male itti jiruuf dawaadha.
8. Nama Dhukkuba shinbirrootin qabameef dawaadha.
9. Dhukkuba rajijjiitiif dawaadha.
10. Nama Fincaan irraa hin baaneef dawaadha.
11. Raammolee garaa keessaatiiif dawaadha. Ganama garaa duwwaatti fayyadamani
12. Copxoo nama qabuufi nama fincaan gubuuf dawaadha.
13. Dubartii rakkina gadaameysaa qabduuf dawaadha.
14. Dhukkuba kaleetiifi cirracha kalee baasuuf faayidaa guddaa qabu
15.dhukkuba nannawa laappee/qomaa/ nama qabeef, kan qufaasiisuuf dawaadha.
16. Kintaarotii ykn baasuriif akkasumaas huddu-foorif dawaadha nidhugamas itti dibamas.
17. Sunkurtaan Asmiif dawaadha.
18. Kormommoo ykn buroof dawaadha.
19. Roobbii, fi baarillee, dawaadha. Kesaattuu wantoota qaama hooksisan hundaa niballeeysa loomi waliin itti dibama
20. Sunkurtaan
21. Madaa mataatif dawaadha.
22. Dhukkuba dhubbaa ykn mataa namarra fixuuf dawaadha.
23. Waan iitaa garaachatiif dawaadha, iitas garaa keessa qabdaniif itti dhuydaan, yoo qaama gubbaa iitti dibaa.
24. Zeeytii (Zeenni) xalataam nama guurri ulfaatu ykn heddu hin dhageenyeef dawaadha. Xiqqo xiqqoo itti godhan, yeroo keennu qodaa dawaan gurraa itti dhuftuu saniin suuta suuta of-eggannoon itti buusa.
25. Zeeytiin dhukkuba gurraatiif dawaadha.
26. Zeeytiin isaa nama mataan dhukkubuuf dawaadha. Fuunyaaniin xiqqo xiqqoo ofiittii buusa.
27. Nama mudhiin dhukkubuuf baayyee dawaadha akka shaayiitti fayyadamaa.
28. Nama humni humni dhukkubdeef dawaadha.
29. Dhukkuba niqriis ja’amu ka harka nama iiteeysuu kan nama dhukkubsuuf dawaadha.
30. Nama ijji dhukubdeef akkasumaas ni qara deeyma,kammoona gurraachaa fi sunkurtaa wajjiin danfisani kullaataniin.
31. Addeenna ijaatiif baay’ee barbaachisaadha
32. Nama ijji isaa bishaan qabduuf bishaan adda addaa kan mataa keessa itti gad bu’uutu jira akkanumatti waa liip/dura daddeemu/ faa saniif dawaadha.
33. Sunkurtaan nama summii dhugeef daawadha danfisanii obsaan.
34. Yoo iif biraa keesse bineensoota nama iiddaan sirraa baqachiisu danda'a.
35. Nama fiincaan didu akkasumaas ka heedduu irraa hin baane irraa baasa.
36. Dubaartii dhiignii ji’aa irraa hin baane taa akka malee dhukkuubsu irraa baasa akkasumaas ta tartiiba dhabdee ni siirreeysaaf.
37. Dhukkuba ambeebaatiif dawaadha.
38. Foolii afaanii ni midhaagsa
39. nama nyaata nyaachu dadhabeef dawaadha fadhii nyaata namaaf dabala.
40. Qaama saalatti yoo dibatan ispaarmiin (mi'oon) sun yeroo saniif ilmotti hin jijjiramtu.

HUBACHIISA
1.Akkaataa itti fayyadama isaa hubachuuf keessaan nu qunnamaa.
2. Fayyadamuun duratti ogeessa mariisisaa.
3.Dubartoonni ulfaa baay'isanii fayyadamuun dhoorgaa dha.
4. Daa'immaniif ajaja ogeessaatiin alatti hin kenninaa.
5.zeeyta isaa baayi'inaa fi Qinxaaboon yoo barbaaddan dhaabbata keenyatti goraa nu dubbisaa .
yoomuu isin tajaajiluuf Qophiidha.
Fayyaa fi Nagaya Nuuf haa keennu
Share waliif godhaa.
Galatoomaa.
Teessoon Keenya;
Magaalaa Shaashamannee Ganda Awaashoo (01)
Daandii Kobilistoonii Hoteela Hamiltan fuulduraa gara Masjidaliimaan geessu irratti argamna.
Odeeffaannoo dabalataatiif
L.b. 0909316243
0928795750

20/07/2026

Dhukkuba Kintaarotii Guyyaa 7 Keessatti hobbaafachuuf
Yaala Aadaa Kuush
Fayyadamaa

18/07/2026

Yeroo hundumaa Dhaabbata Keenya Keessatti Tajaajila si'ataaf saffisaa haala Gaariin argattu.

Dawaa Dhibee Cobxoo guutummaatti Fayyisu argachuun ni danda'ama!.Dhukkubni Cobxoo, kan Afaan Ingiliffaatiin (Gonorrhoeae...
15/07/2026

Dawaa Dhibee Cobxoo guutummaatti Fayyisu argachuun ni danda'ama!.

Dhukkubni Cobxoo, kan Afaan Ingiliffaatiin (Gonorrhoeae) jedhamu, dhibee baakteeriyaa (Neisseria gonorrhoeae) jedhamuun dhufuu fi dhukkuba daddarbaa karaa wal-qunnamtii saalaa darbu keessaa isa beekamaa dha. Mallattoon isaa ijoon fincaan Gubuu fi fincaan booda yokaan fincaan waliin dhangala'aan bahu, naannoo qaama saalaa Dhukkubuu fi kkf dabalatee mallattoowwan garaagaraa qaba barreeffama darbe keessatti tarreessineerra.

Baakteeriyaan kun Sirna Wal Hormaataa fi sirna fincaanii fi kkf irratti miidhaa kan geessisu yoo ta'u, yoo utuu hin yaalamin namarra ture, Dhiirota irratti rakkoo wal hormaata , kan akka killeen cidhaanii miidhamuu fi carraa ilmoo/dhala godhachuu namaa hirrisuu fi dadhabbii wal qunnamtii saalaa fi kkf fiduu danda'a.

Dubartoota irratti immoo rakkoo dhiiga laguu dabaluu fi akka hiddi gadameessaa Cufamuu fi daa'imni dhalatu akka ija agartuu dhabus gochuu danda'a.

Baakteeriyaan Kun yoo sirriitti yaalame fayyuun ni danda'ama!. Dawaa Dhukkuba Cobxoof fayyisuu Yaala (curative treatment) Argachuu Dandeessu.

Giddugalli Yaala Aadaa Oromiyaa tajaajila yaala dhibee Cobxoo (Gonorrhea) kan biqiltuu uumamaa irraa qophaa’e, kan rakkoo fi miidhaa qaama keessoo malee baakteeriyaa kana balleessuun Cobxoo irraa nama fayyisu dhiyeessaa jira. Yaaliin kun Qoruchoota Uumamaa, irratti kan hundhaa’u yoo ta'u, sirna fincaanii fi qaamolee wal-hormaataa baakteeriyaa Cobxoo fi mallattoolee isaa irraa qulqulleessuuf kan qophaa’edha.

Yaaliin giddugala keenya keessatti kennamu bu’aawwan armaan gadii Argamrsiisuuf kan qophaa’edha:

Guyyoota 7 hanga 10 keessatti mallattoolee dhukkubichaa kan keessaa fi alaa guutummaatti fayyisa.

Gubaa Fincaanii, madaa, fi dhangala’aa qaama saalaa guutummaatti ni dhabamsiisa.

Eradication: Baakteeriyaa Cobxoo (Neisseria gonorrhoeae) sirna fincaanii fi wal-hormaataa keessaa qulqulleessee balleessuun, qorannoon laaboraatoarii dhumarratti Negative akka ta’u taasisa.

Caasaan qaama wal-hormaataa fi sirna fincaanii miidhame suphuun gara haala idileetti (normal physiology) deebisa.

Rakkoon ykn miidhaan dhukkubichaa (scarring/stricture) yeroo booda qaama keessatti hafu akka hin jirre taasisa.

Dhukkubsataan Erga guyyoota yaalaa (7-10) xumuramanii booda, hospitaala deemuun bu’aa qorannoo laaboraatoarii (Negative result) ta'uu mirkaneeffachuu danda'a.

Giddugala Yaala Aadaa keenya keessatti dhukkuba Cobxoof Dawaa afaaniin fudhatamu kan Dhibee kana Fayyisuu olaanaa qabu bifa Qulqullina ol'aanaa qabuun qophaa'e jira.

Yaaliin dhibee kanaa guyyaa 7-10 keessatti kan xumuramu yoo ta'u, namni kamiyyuu qaamaan dhufee yaalamuu fi guutummaatti fayyuu isaa ofiin mirkaneeffatee gara mana isaatti galuu danda'a.

Yaalaaf qaamaan nu bira dhufuun yoo isiniif Mijachuu baate Dhukkuba keessan nuuf ibsitanii biyya keessaa fi biyya alaa bakka jirtanitti tajaajila argachuu dandeessu. 🌍💊

Odeeffannoo dabalataaf
Lakkoofsa Bilbilaa: 0944119955, 0928795750 ykn 0909316243. irratti Ogeessoota Qunnamuu dandeessu.

Yaala Dhukkuboota Tiruu kan akka Vaayrasii tiruu Hepatitis B fi Cooma tiruu fi kkf lakkoofsa bilbilaa 091 033 3944 kana irratti Karaa whtsappii fi telegram messege nuuf Erguu dandeessu. Akkasumas Dhimma keessan karaa barreeffamaan SMS nuuf Erguu dandeessu!.

Faceboof Yaala Aadaa Kuush Follow godha

Address

Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yaala Aadaa Kuush posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share