17/08/2026
Damma Yamanii jedhanii Namoonni hedduun maallaqa baasanii dhukkuba bitachaa jiru⚠️
Damma Biyya Yaman keessatti Mootummaan dhoorke tu, Ethiopia keessatti dawaa furdina ta'ee gurguramaa jira!.
Namoonni baay'een ulfaatina yokan furdina qaamaa dabaluu akka mallattoo fayyaa, bareedinaa ykn qaama gaarii qabaachuuttis ilaalu. Kanaaf, oomishaalee “fedhii nyaataa dabalan”, “qaama furdisan” ykn “yeroo gabaabaa keessatti ulfaatina dabalu” jedhamanii gabaa irratti gurguraman bituuf maallaqa baasanii dhibee bitaa jiru. Garuu
Ulfaatinni qaamaa fi Furdinni garmaleen mataan isaa dhukkuba of danda’edha. Akka qorannoon dhaabbata fayyaa Addunyaa WHO 2024 agarsiisutti dhukkuboota furdina garmaleen dhufaniin wal qabatee yoo xiqqaate waggaatti namoonni miiliyoona 3 hanga miliyoona shanii lubbuu isaanii dhabu.
Makaa dammaa fi biqiltootaa kan "Damma Yamanii" jedhame Fedhii nyaataa banuu fi furdina qaamaa dabaluuf faayidaa qabu jedhamuun gurguramaa jiranu hedduun isaanii rakkoo fayyaa hamaa fi Oomishaalee mirkaneessa Laabraatorii hin qabne kan suuta suutaan balaa fayyaa hamaaf mama saaxilan ta'uu isaa Qorannoon biyya Yamanii, Iraaqii fi Ameerikaa dabalatee biyyoota garaagaraa keessatti taasifame ni agarsiisa. Oomisha kana fayyadamuun amma nama gammachiisa garuu booda gatii lubbuu nama kaffalchiisuu danda'a!.
Ragaa malee waan tokko hin morminu ragaa qorannoo saayinsii yeroo dhiyoo walitti qabuun miidhaa damma kanaa mirkaneessuu dandeenyeera!.
Jalqaba irratti furdina jechuun waan maallaqa baasanii bitan miti ofii isaafuu balaa fayyaa hamaaf mama saaxila. Ulfaatinni qaamaa fi furdinni garmaleen (obesity) dhibeewwan baay'eedhaaf nama saaxila. Saayinsii fayyaa keessatti Furdinni garmaleen akka dhukkuba of danda'eetti ilaalama, akkasumas dhibeewwan biroo hedduudhaaf sababa bu'uuraa (risk factor) ta'a.
Rakkooleen fayyaa furdina garmaleen walqabatan gurguddoon:
Dhibee Onnee fi Ujummoo Dhiigaa, Dhiibbaa dhiigaa fi kkf.
Dhibee sukkaaraa gosa 2ffaa fi Dhibee cooma tiruu (fatty liver )
Akkasumas Furdinni garmalee kaansariwwan gosa adda addaa, kanneen akka kaansarii mar'immanii, kaansarii harmaa fi gadameessaa, kaansarii kalee fi tiruu fiduu danda'a.
Rakkoolee Sirna Hargansuu Dhibee asmii fi rakkoo hargansuu yeroo hirriibaa, kan 'sleep apnea' jedhamu, fida.
Dhukkuboonni Lafee fi Narvii fi dhukkubbii dugdaaf nama saaxila.
Furdina garmaleen dhibee 15 olii wajjin wal qabata. Yeroo hunda furdina hir'isaa jedhamee gorfama garuu namoonni hedduun maallaqaan furdina bituuf maallaqa baasu!.
Yeroo Dhiyoo as Dammi Maqaan isaa Ingiliffaan "Alwanoh mixture for fattening" Afaan Arabaan immoo
"خلطات علوانة للتسمين"
jedhamuun beekamu namoonni baayyinaan fayyadamuu irratti argamu.
Waa'ee oomisha kanaa toora miidiyaa hawaasaa gubbaatti yeroo namoonni waa'ee isaa dubbatan argaa jirra. Dammi kun Yaman keessatti dhaabbata "Alwanoh For Yemeni Honey" jedhamudhaan beekamuun oomishame Dhaabbatichi Baahireen, UAE, fi Qaxar dabalatee Yamaniin alatti biyyoota hedduu keessatti oomishni isaa argama.
Dammi kun furdina qaamaa fi Fedhii nyaataa dabala jedhamuun gabaa irratti gurgumaa jira ha ta'uu garuu, balaa fayyaa fi qulqullina nageenyaa isaa irratti ragaan ifaa ta'e tokko hin jiru! kana malees biyyoota arabaa garaagaraa keessatti qorannoo oomishaale dammaa nama furdisu jedhaman irratti taasifameen wantoota miidhaa qaban kan summii kalee fi tiruu fidan argamanii jiru.
Dhaabbanni nageenya nyaataa fi Qorichoota Yamanii fi Sa'ud Arabiyaa dabalatee Ameerikaa fi kkf oomishaalee kanneen fayyadamuu irraa akeekkachiisaniiru.
Abbaan Taayitaa Qorichaa Yaman maal jedhe?
Akeekkachiisni abbaa taayitaa nyaataa fi qorichaa Yamanii dhimma kana irraatti baase hunda caalaa ragaa qabatamaa dha. (SBDMA) beeksisa lakkoofsa 118/11-1446 keessatti maqaa fedheenuu haa ta'u Oomishalee nama furdisuu fi ulfaatin hir'isuuf gurguraman hundi isaanii Amanamoo miti hawaasni fayyadamuus ta'ee miidiyaa hawaasummaa irratti beeksisuu irraa akka of qusatu akeekkachiisa.
Gosa tokko qofaa miti gosoota hunda “جميع خلطات التسمين والتنحيف” jedhee barreesse jira. Waan Yaman keessatti balaaleffatamu itiyoophiyaa keessatti waan gaarii ta'ee gabaaf dhiyaataa jira!.
Dammi Yamanii kun nyaataa fi wantoota baala mukaa adda addaa walitti makame irraa kan madde yoo ta’u, dammi kun yeroo baay’ee habishii fenugreek, dhadhaa qulqullaa’e, lawuuzi, damma, aannan warshaa, dabalatee, biqiltoota Uumamaa fedhii nyaataa kakaasan wajjiin walitti makame hojjetama. Haa ta’u malee, makaan kun madaallii saayinsii soorataa yokan saayinsii fayyaa kan Eeggate miti. Oomishalee nama furdisan irratti qorannoo taasifame waan midhaa qabuu fi akka qaamni namaa afuufame furdaa fakkaatu taasisan aaksumas summiin qaama keessa akka kuufamu taasisan of keessaa qabaachuu isaanii mirkaneesseera.
Dhimma kana irratti qorannoo muraasa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama!
Bara 2024tti qorattoonni (Faculty of Pharmacy fi Aden University) qorannoo peer-reviewed tokko maxxansan. Qorannoon kun oomishaalee ulfaatina qaamaa dabaluuf biyyi Yaman magaalaa Aden keessatti gurguraman shan—kanneen dammaa fi wantoota garaagaraa walitti makuun damma nama furdisu jedhanii gurguraman irratti gaggeeffame.
Qorattoonni UV fi FT-IR spectroscopy fayyadamuun qoratanii damma Yamanii jedhaman kanneen keessatti dexamethasone fi cyproheptadine fi kkf akka jiru argataniiru. Qorattoonni xumura irratti oomishaaleen nama furdisu jedhaman qorichoota hin labsamne kana qabaachuu arganiiru. kanaaf mootummaan oomishalee kanneen irratti to'annoon cimaa akka barbaachisu ibsan. Kun ragaa baay'ee barbaachisaa dha, sababni isaas qorannoon kun biyya biraa osoo hin taane Yamanii keessatti gaggeeffame.
Qorannoon biraa kan Iraaq keessatti gaggeeffamee bara 2025 Journal of AOAC International keessatti maxxanfame oomishaalee nama furdisu jedhaman dammaa fi weight-gain sagal qoratee hawaasni akka hin fayyadamne akeekkachiiseera!.
Qorannoon kun akka agarsiisutti Oomishaaleen "ulfaatina qaamaa dabaluuf" jedhamani " Biqiltootaa fi damma" irraa qophaa'anii gabaaf dhiyaatan hedduun wantoota miidhaa fidan (cyproheptadine fi dexamethasone) dabalatee wantoota garaagaraa daangaa idilee ol ta'e of keessaa qabu. Qorannoo irratti Keemikaalonni garaagaraa Saamuda makaa dammaa kanneen keessatti daangaa idilee ol ta'ee argamuun isaa rakkoo fayyaa hamaa fiduu akka danda'uu fi oomishaaleen kunneen too'atamu akka qaban qorattoonni ibsaniiru.
Qorannoo Iraaq keessatti gaggeeffame kun akka agarsiisetti dammi makaa biqiltootaa qabu kun qabiyyee qoricha akka (prednisolone ykn dexamethasone) kortikoostirooyidii humna guddaa qaban kan yaala fayyaatiin inflammation yaaluuf fayyadaman Of keessaa qaba, qabiyyeen kun dhangala’aa fi soogidda akka qaama keessatti hafu gochuun ulfaatina qaamaa dabaluu fi furdina garmalee uumuu danda’u. Furdinni sun dhugaa osoo hin taane furdina dhukkubaa qaamni summiin guutame dhufu kan waggoota booda balaaf nama saaxiluu danda'udha!.
Walumaagalatti Oomishaaleen kunneen nageenya hin qabanu!
Angawoonni nyaataa fi qoricha biyyoota hedduu, kan akka Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Sa’uudii (SFDA), dammi makaa "Fedhii nyaataa dabaluu ulfaatina qaamaa" dabaluu danda’u jedhamanii toora interneetii irratti gabaaf dhiyaatan wantoota keemikaalaa qophaa’an waan ta'eef Hawasni itti fayyadamuu irraa akka of qusatu akeekkachiisaniiru.
Qaamni qorichaa fi meeshaalee yaalaa Yaman keessatti to’atu Boordiin Ol’aanaa Qorichaa fi Meeshaalee Yaalaa (SBDMA) kan Ministeera Fayyaa jalatti hojjetu "Makaa dammaa Fedhii nyaataa fi furdina qaamaa dabaluuf" jedhamanii gurguraman irraa akakeekkachisee jira. Dammi kun raabsamaa kan jiru seeraa fi to’annoo Ministira fayyaa jalatti qoratamee kan galma'e miti. Ragaan qulqullinaa fi Nageenyaa ifatti hin ibsamne waan ta'eef nageenya hin qabu jedhee jiraa.
Wanti tokko biyya arabaa irraa dhufe jechuun nageenya qaba jechuu miti!.
Ulfaatinni qaamaa dabaluun haalli fayyaa fooyya’uu yokan miidhagina osoo hin taane yeroo baayyee mallattoo jeequmsa meetaabolii fi madaalliin soorataa jeeqamuun kan uummamu yoo ta'u, furdinni sababa dhukkuboota ciccimoo fi yeroo dheeraa lubbuu namoota miliyoonaa galaafatan kan akka Onnee, dhiibbaa dhiigaa, Sukkaara, cooma tiruu fi kaansariif sababa ijoodha. keessumaa ulfaatinni qaamaa karaa uumamaan ala, makaa oomishaalee "ulfaatinaa abaluu" jedhamanii gabaaf dhiyaatan kanneen madaallii soorataa hin qabne of keessaa qaban yoo ta'e balaa guddaa qaba. Kanaaf, namni ulfaatina qaamaa saffisaan dabaluu abdachuun wantoota ulfaatina qaamaa dabalanu kamiyyuu fayyadamu dhukkuboota ciccimoo ji’oota ykn waggoota booda mul’achuu danda’aniif of saaxilaa jira.
Odeffannnoo fayyaa Guyyaa guyyaan argachuuf facebook
Yaala Aadaa Kuush follow godha..
📚 Madda wabii saayinsaawaa
1. Badulla WFS, Bamahmood ES, Banafa SH. Spectroscopic Screening of Dexamethasone and Cyproheptadine Adulteration in Weight Gaining Products Marketed in Aden, Yemen. Addiction & Health. 2024;16(3):178–187. DOI: 10.34172/ahj.1549.
2. Aladul MI, et al. Chromatographic Detection and Determination of Cyproheptadine and Dexamethasone as Adulterants in Weight Gain Supplements. Journal of AOAC International. 2025;108(5):753–759. DOI: 10.1093/jaoacint/qsaf050.
3. World Health Organization — Obesity and overweight. WHO Fact Sheet, updated December 2025.
4. U.S. FDA — Kian P*e Wan safety warning. FDA laboratory testing identified undeclared dexamethasone and cyproheptadine, March 2026.
5. Supreme Board of Drugs & Medical Appliances – Yemen. Circular No. 118/11-1446: warning concerning all unlicensed fattening and slimming mixtures.
منقول عن Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa