Hora Health Consultancy

  • Home
  • Hora Health Consultancy

Hora Health Consultancy From survival to service — we care because we’ve been there. Everyone deserves better health.

28/06/2026
28/06/2026

Cichoominni, quuqamni ummataa fi jaalalli biyyaa namaan bakka bu’ee yoo socho’u— Dr. Hora fakkaata.

Umrii ijoollummaatti saba kanaaf roorroon hin maltu jedhee qabsaayeefii waggoota afurii oliif mana hidhaa Ma’aakalaawiitti dararaa arge. Gaafas ilmaan Oromoo Ma’aakalaawiitti dararamaa turan kan umriin xiqqaa turan lamaan keessaa tokko isa ture. Kanaan abdii hinkutne. Barnoota isaa kan Highschool irraa itti hidhametti deebi’ee barachuun yunivarisitii seenuun barnoota doktorummaa fayyaan eebbifame.

Waggaa lama hardhaas dhukkubaan qorame. Dhukkuba kaansarii tiruutiin. Yaachisaa ture. Lubbuufis sodaachisaa ture. Lubbuun ni hafa kan jedhee tilmaame nama muraasa. Yaalli biyya alaatti godhameefii dandamate. Gaafuma yaala irra jiru—otoo ofii isaatii hinfayyin, siree irra ciisee—waa’ee dhukkuba tiruu kaansariif sababa ta’u irratti duulee hawaasa isaa baraaruu kaayyeffataa ture. Lubbuun yoo hafe, lubbuu namoota hedduu baraaree, dhukkubicha haloo bahuuf waadaa ofii seene. Waadaa sanis guutuuf ji’ootaaf irratti hojjataa ture. Torbee kana magaalaa dhaloota isaa Baatutti haloo jalqabaa dhukkubicha irratti bahuufi ummata isaa baraaruuf jecha qorannoo dhukkubichaa fi gorsa yaalaa bilisaan, akkasumas fiigicha hubannoo uumuuf kaayyeffate ammoo hardha milkeessee jira.

Cichoominni akkana! Rakkoof harka kennuu dhabuun akkana! Jaalalli ummata ofii akkana kunoo!
Dr. Horaan galatoomi jennaan! Kanaa olis akka dalagdu shakkii takka hin qabu. Baga Milkoofte!

* Dr. Horaa Teno ispeeshalistii dhiibee keessoo yoo ta’u yeroo ammaa kana Biiroo Fayyaa Oromiyaatti daayirektoreetii tajaajila waldhaansaa fi deeggarsa dhaabbilee fayyaa hoggana.

25/06/2026

Dr. Fiqaduu Girmaa, Ispeeshaliistii Dhukkuboota Keessaa fi Ispeeshaliistii Tiruu






Fikadu Girma Gudissa

Baatuun Qoratamuu Itti Fufteerti.Naga jirtuu hawaasni Baatuu!👋💙Koottaa Bilisaan Hepataaytis B Qoratamaa, Gorsa Ogeessa F...
24/06/2026

Baatuun Qoratamuu Itti Fufteerti.
Naga jirtuu hawaasni Baatuu!👋💙
Koottaa Bilisaan Hepataaytis B Qoratamaa, Gorsa Ogeessa Fayyaa Argadhaa, Waa'ee Fayyaa Keessaniis Beekaa!
📍Iddoon: Bulchiinsa Magaalaa Baatuu Fuuldura; Iddoo Paarkiing keessatti.

ነፃ የሄፓታይተስ B ምርመራችን ቀጥሏል!
ይምጡ፣ የጤና ሁኔታዎን ይወቁ፣ ከባለሙያ ምክር ያግኙ። ቀደም ብሎ ማወቅ ሕይወትን ያድናል።
ጤናዎን ይጠብቁ—ዛሬውኑ ይቀላቀሉን!

Our FREE Hepatitis B screening is still ongoing!
Come and know your Hepatitis B status, receive professional medical consultation, and take a step toward protecting your health. Early testing can save lives. Batu administration parking area
Join us today—we're here for you!

💛 Batu, are you ready?✅ Screening begins today — take a few minutes to check your status and take charge of your health ...
23/06/2026

💛 Batu, are you ready?

✅ Screening begins today — take a few minutes to check your status and take charge of your health before race day.

🩺 FREE Hepatitis B Screening Starts TODAY!
📅 June 23–27

🏃‍♀️ BATU RUN FOR HEALTH 2026
📅 June 28

Know Your Status. Protect Your Life.

Comment 💛 if you’re joining!

Address

Batu

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hora Health Consultancy posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Hora Health Consultancy:

Shortcuts

  • Want your practice to be the top-listed Clinic?

Share