Boruu Baggajja

Boruu Baggajja Contactgegevens, kaart en routebeschrijving, contactformulier, openingstijden, diensten, beoordelingen, foto's, video's en aankondigingen van Boruu Baggajja, Centrum voor hulp bij AIDS, Borena, Nagele.

Gabaasa Gamaaggama Hojii BarnootaaAanaa DhaasAanaa Dhaas keessatti Gamaaggamni Hojii Barnootaa Bara 2018 fi Ka'umsi Karo...
14/07/2026

Gabaasa Gamaaggama Hojii Barnootaa
Aanaa Dhaas
Aanaa Dhaas keessatti Gamaaggamni Hojii Barnootaa Bara 2018 fi Ka'umsi Karoora Hojii Barnootaa Bara 2019 hoggantootaafi qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaachisuun gaggeeffameera.
Waltajjichi kan gaggeeffame Itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa Aanaa Dhaas Obbo Bsa Taarikuu Tuniifi akkasumas Itti Gaafatamaa Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Dhaas argamuun yoo ta'u, raawwii hojii barnootaa bara 2018 bal'inaan gamaaggamuun kallattii hojii bara 2019 irratti mariin bal'aan taasifameera.
Gamaaggamicha keessatti hojiiwwan bara darbe keessatti raawwataman, milkaa'inoonni galmaa'an, hanqinoonni mul'atan fi furmaata isaanii irratti mariin bal'aan gaggeeffame. Hirmaattonni yaada isaanii bilisaan dhiyeessuun hojii barnootaa caalaatti fooyyessuuf murtoo fi kallattiileen hojii gara fuulduraatti hojii irra oolan kaa'amaniiru.

Dhuma irratti hoggantoonni mootummaa fi paartii hojii barnootaa cimsuun mootummaa, barsiisotaa, hoggantoota manneen barnootaa fi hawaasa hunda irraa hojii waloo akka barbaadu hubachiisanii, karoorri hojii barnootaa bara 2019 milkaa'inaan akka raawwatamuuf qaamni hundi itti gaafatamummaa isaa bahachuu akka qabu jechuun ergaa dabarsaniiru.

 # Aanaa DhaasAanaa Dhaas keessatti hojii kennaa Tajaajila Lammummaa mootummaa fi hawaasa gidduutti walta'iinsa cimsuuf ...
10/07/2026

# Aanaa Dhaas

Aanaa Dhaas keessatti hojii kennaa Tajaajila Lammummaa mootummaa fi hawaasa gidduutti walta'iinsa cimsuuf qophaa'e sirna ho'aa fi kabajamaa ta'een mootummaa aanaa, hoggantoota, ogeessotaa fi qaamolee mootummaa garaagaraa argamanitti gaggeeffame.

Sirna kana irratti meeshaaleen hojii barnootaa fi waantoonni tajaajila hawaasaaf oolan mootummaa fi dhaabbilee deeggartootaan walitti qabamanii qaamolee mootummaa fi fayyadamtootaaf kennameera. Kaayyoon hojii kanaa tajaajila hawaasaaf kennamu fooyyessuu, hojii mootummaa saffisiisuu fi mootummaa fi uummata gidduutti wal amantaa cimsuudha.

Hoggansi Aanaa Dhaas hojii kennaa kana irratti mootummaa, deeggartootaa fi hawaasa gumaacha isaanii taasisan galateeffachuun, hojii Tajaajila Lammummaa itti fufiinsaan cimsuun misooma aanaa keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru.

"Tajaajilli Lammummaa hojii mootummaa qofa osoo hin taane, hirmaannaa hawaasa hundaatiin milkaa'uu danda'a."

Aanaa DhaasHojiin kennaa meeshaalee Tajaajila Lammummaa mootummaa Aanaa Dhaas keessatti bifa hoo'aan raawwatameera. Saga...
09/07/2026

Aanaa Dhaas
Hojiin kennaa meeshaalee Tajaajila Lammummaa mootummaa Aanaa Dhaas keessatti bifa hoo'aan raawwatameera. Sagantaan kun argama hoggansoota Aanaa Dhaas fi qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaachisuun milkaa'inaan gaggeeffame.
Meeshaaleen hojii kennaman tajaajila mootummaa si'ataa fi qulqullina qabu kennuuf mootummaa fi hawaasa tajaajiluuf oolu. Hojiin kun kutannoo mootummaa tajaajila lammummaa cimsuuf taasisaa jiru keessaa isa tokko ta'uu agarsiisa.
"Tajaajilli gaariin bu'uura misoomaa fi mootummaa gaarii ti."

Iam Proud of your Successful to Scholarship!! God be with you √√√Nothin will stop you!!
02/07/2026

Iam Proud of your Successful to Scholarship!!

God be with you √√√
Nothin will stop you!!

22/06/2026

Adres

Borena
Nagele

Website

Meldingen

Wees de eerste die het weet en laat ons u een e-mail sturen wanneer Boruu Baggajja nieuws en promoties plaatst. Uw e-mailadres wordt niet voor andere doeleinden gebruikt en u kunt zich op elk gewenst moment afmelden.

Snelkoppelingen

Delen