08/20/2026
Fangasiin qaama saala dubartootaa (vulvovaginal candidiasis) rakkoo baay'ee beekamaa fi yeroo baay'ee dhukkubbii fi hooksisaa fiduudha. Sababni guddaan dhibee kana fidu baakteeriyaa gaarii qaama saala keessa jiru yeroo jeeqamu ykn baay'inni fangasii "Candida" jedhamuu yeroo dabaluudha.
Sababoota guguddoo dhibee kana fidan:
1.Qoricha Antibayootiksii (Antibiotics) fayyadamuu: Qorichoonni Antibayootiksii baakteeriyaa hamaa ajjeesanis, baakteeriyaa gaarii (Lactobacillus) kan dhibee kana ittisuu danda'an waan balleessaniif fangasiif carraa uumu.
2.Hormoonii Jijjiiramu (Hormonal changes): -Ulfaa'uu (pregnancy)
-yeroo laguu (menstruation)
-qorichoota dhala ittisaa (hormonal contraceptives) fayyadamuu,
-yeroo laguun dhaabbatu (menopause) jijjiiramni hormoonii estrogenii dhalatu fangasii kanaaf haala mijeessa.
3.Sukkaara dhiigaa (Diabetes) hin to'atamne: Namoota sukkaara qaban keessatti dhiigaa fi dhangala'aan qaama saala keessaa sukkaara waan qabaatuuf, fangasiin akka dafee baay'atuuf madda nyaataa ta'a.
4.Sirni ittisa qaamaa dadhabuu (Weakened Immune System): Dhukkuboonni akka HIV ykn qorichoonni sirna ittisa qaamaa dhiphisan (fakkeenyaaf steroids) dhibee kanaaf nama saaxilu.
5.Uffata jajjaboo ykn jiidha qabatan uffachuu: Uffata keessoo (underwear) jajjaboo ta'an, kan sintetikiirraa hojjetaman ykn qaama saala jiidhaan akka turan godhan yeroo dheeraaf uffachuu (fakkeenyaaf uffata jiidha).
6.Saamunaa fi dhangala'aa foolii qabu fayyadamuu: Naannoo qaama saalaatiif dhiqannaa saamuna foolii qabu (scented soaps, douches) fayyadamuun baakteeriyaa uumamaa eegu miidha.
Mallattoowwan gurguddoo:
-Hooksisa fi dhukkubbi naannoo qaama saalaatti dhaga'amuu
-yeroo fincaananii ykn walqunnamtii saalaa nama gubuu fi ho'uu
-Dhangala'aan qaama saalaan baatu kan adii, furdaa, akka aanannoo goggoganii ykn itituu ta'uu (garuu foolii badaa hin qabu)
-Naannoon qaama saalaas hamma tokko diimachuu fi dhukkubu
odeeffannoo dabalata yoo barbaadde "Jabaa health consultancy" mari'achiisi.
follow godhu
https://www.tiktok.com/?_r=1&_t=ZS-9926nqkVe7E