Dr Nafyad Getu

Dr Nafyad Getu Beellama qabattanii dhuftanii yaalamuuf
Finfinne, Hayat, Derartu adebaby . 0909102009 fayyaan faaya
(5)

kaayyoon page kanaa lammiikoo utuu hin baratin na barsiise ogummaan qabuun tajaajiluudha!

06/11/2026

Namoota Dhibee toonsiliin rakkattaniif

06/08/2026

Wal qunnamtii saalaa Yeroo Ulfaa yoom dhorkama?

06/04/2026

Infeekshinii Ujummoo Fincaanii, Afuuffee Fincaaniifi Kalee

Dhangala'aa qaama saalaa dubartootaa keessaa bahu sirrii fi sirrii hin taane !**~Dhangala'aa qaama saala dubartootaa kee...
06/03/2026

Dhangala'aa qaama saalaa dubartootaa keessaa bahu sirrii fi sirrii hin taane !
**
~Dhangala'aa qaama saala dubartootaa keessaa bahuun wal qabatee gaaffileen ka'an baay'eedha. Sana keessaa muraasni:
1. Dhangala'aan qaama saalaa dubartootaa keessaa bahuun dhukkubadhaa?
2. Halluun sirriin dhangala'aa kanaa maal ta'uu qaba?
3. Faayidaan isaa maali?
4. Yoo maal ta'e yaala fayyaa barbaada?

•Dhangalaan qaama saalaa dubartootaa keessaa bahu, dhangala'aa xannachaa qaama saalaa dubartootaafi fiixee gadameessaa irraa maddu ta'ee faayidaalee akka: qaama saalaa qulqulleessuu, jiidha qaama saalaa eeguufi dhukkuba ittisuu kan qabudha. Halluudhaan adii yookaan qulqulluu, kan foolii hin qabne yookaan gidduu galeessa kan ta'eefi dhukkubbii faana kan wal hin qabannedha. Yoo akkana ta'e sirrii yookaan fayyaalessa jechuu dandeenya.

Faallaa kanaa, halluun kelloo yookaan magarsiisa yoo ta'e, akkanuma foolii badaa kan qabu, qaama saalaa hooqsisuu faana kan wal qabatu, guba keessa qaama saalaafi dhukkubbii kan qabu yoo ta'e sirrii kan hin taane yookaan fayyaalessa mitii jechuudha.

• sirrii ta'uu dhiisuu dhangala'aa qaama saalaa dubartootaa maali?
:-
1. Infeekshinoota garagaraa (Bacterial vaginosis, yeast infection, and STIs)
2. Jijjiirama hormoonotaa
3. Hir'ina qulqullinaafi eeggannaa qaama saalaa
4. Wal quunnamtii saalaa eeggannaan alaa
5. Dhukkuboota biraa kanneen akka dhiita qaama saalaa keessaa, kanseriifi kulkula qaama wal hormaataa (PID).

Kanaaf, qaama saalaa dubartootaa keessaa dhangalaa'aan bahuun sirriis ta'e sirrii ta'uu dhiisuu mala. Sirrii yoo ta'e, rakkoo tokko waan hin qabneef yaadda'uu hin barbaachisu. Sirrii yoo hin taane garuu, hatattamaan gara yaala fayyaa deemuun barbaachisaadha.

• maal ta'e gara yaala fayyaa deemuun barbaachisa?
1. Yoo jijjiirama halluu, fooliifi qabiyyee qabaate
2. Yoo guba keessoo qaama saalaa, dhukkubbiifi hooqxoo waliin wal qabate
3. Yoo dhukkubbii garaa gara gadiifi marsaa laguu jidduun dhiiga karaa qaama wal hormaataa arguun jiraate
4. Yoo dhangala'aa kanaan wal qabatee yaaddoofi miirri fayyaa dhabuu namatti dhagahama ta'e

~ Kanaaf, dhangala'aa qaama saalaa dubartootaa keessaa bahuun wal qabatee mallattoolee argaan olii kana yoo of irratti argitan, gara mana yaalaa deemuu qabdu. Yeroodhaan qoratamuufi yaalamuun dhibee hamaa itti aanurraa nama oolcha.

~Namoonni qaamaan dhuftanii dhimma fayyaa kamiiniyyuu qorannoofi yaalii fayyaa gochuu barbaaddan, teessoon keenya:
Finfinnee, Hayat, naannoo Addababayii Daraartuu
Lakk. Bil. 0909102009
Kilinika Yaadon

Fayyaa hin dhabiinaa!

05/30/2026

Of eeggannoo

Goginsi garaa Yeroo dheeraa mallattoo kaanserii mar’ummaanii tahuu mala !
05/23/2026

Goginsi garaa Yeroo dheeraa mallattoo kaanserii mar’ummaanii tahuu mala !

Goginsa garaa

05/22/2026

Araada Fedhiin ofirraa baasuu!

05/19/2026

Dhukkubbii dugdaa

05/15/2026

Ergaa Kun namoota Kara seera qabeessa gara Biyyoota Arabaa deemtan ilaallata

05/12/2026

Address

541 Milligan Drive
Stone Mountain, GA
30083

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Nafyad Getu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Nafyad Getu:

Share

Category