Dr.Obsa

Call Directions Contact the practice

Dr.Obsa Medical Doctor
~We try to make our society better by informing them what is useful by the language and terms they do understand

MALLATTOOLEE KAANSARII HARMAA ======================================*Waanti akka dhiitaa jajjabaataa harma keessaa bakka...
29/10/2026

MALLATTOOLEE KAANSARII HARMAA
======================================

*Waanti akka dhiitaa jajjabaataa harma keessaa bakka takkatti yokaan guutummaa harmaa keessaatti umamuu

*Fiixeen harmaa (ni**le) gara keessaatti deebi'uu (Kun dubartoota uumamumaan fiixeen harma isaanii gara keessatti liqimfamaa ta'e osoo hin taane duraan nagaha warra tureef)

*Gogaan harmaa, bakka takkan diimatee, furdatee yoo qaban harkatti jajjjabaatee, qola burtukaanaa fakkaachuu.

*Dhangala'aan aannan irraa adda ta'e harma keessaa gadi yaa'uu.

*Xannachi liimfii bobaa jalaa, kan gama iitoon harmaa jiru sanatti argamu jajjabaatee guddatee ba'uu

Hub: Mallattoon kun sababa biroo kanneen akka infekshinii, dhiitaa kaanserii hin taane, cyst (dhiita bishaan qofa uf keessaa qabu) fi kanneen birootiin ni dhufa. Kanaaf mallattoo kana yoo ofirratti argitan, if sodaachisuu osoo hin taane mana yaalaa deemtanii qorannoon adda baafachuudha.

Maal haa goonu? Ofeeggannoo akkamiitu barbaachisa?

● Dubartoonni torbaan torbaanin otoo sakata'iinsa harma isaanii ofii isaaniiti qaqqabuun godhatanii gaariidha. Harma qaqqabuun ilaaluun iddoon iita'ee jabaate, jajjabaate, ykn jijjirama qaama harmaa kaan irraa qabu jiraachuu isaa adda baafachu. Yoo jijjiramni addaa jiraate gara mana yaalaa deemanii ogeessa fayyaa ykn doktora isaan yaalu ykn woldhaanu wojjiin mari'achuu.

● Mallattoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarte otoo yeroo hin gubin mana yaalaa deemtee adda baafachuu. Mallattooleen as gubbatti kaafne kun dhukkuboota harmaa kan birootiinis ta'uu ni danda'u.

● Mallatoolee kana yoo of irratti agarre hospitaala deemnee qorannoo doktoroonni keenya nuuf ajajan fkn ultrasound, mammogram fi samuuda( sample) kutaa harmaa iitahe sun irra jiru irraa fuudhamuufi kan biroo kan ogeessi nu ajaje hojjachiisuun mirkaneessuun ni dandahama.

¤ Sadarkaa kaansarichi irra jiru irratti hundaa'uun yaalli isaa kutaa harmaa kaansarichi itti biqile muranii/kutanii baasuu, ykn harma cinaa tokkoo guutuun gututti kaasuu/muranii kaasuu, ykn harmaafii xannachoota liimfii naannoo san jiran wolitti qabanii muranii kaasuu, ykn harma cinaa lachuu muranii kaasuus ta'uu danda'a.

Dabalataan yaalli cararii (radiation) , qorichootaa (Chemotherapy) ykn yaala hormooniin godhamus barbaachisaa tahuu mala akkaataa ogeeysi fayyaa ajajeen.

FAYYAA TAHAA
Dr.Obsa

CIRRACHA KALEE ( NEPHROLITHIASIS)================================-Cirrachi kalee (renal stone/nephrolithiasis) kuufama a...
25/10/2026

CIRRACHA KALEE ( NEPHROLITHIASIS)
================================
-Cirrachi kalee (renal stone/nephrolithiasis) kuufama albuudota garagaraa fi ashaboo asiidawaa ta’an kan fincaaniin qaama keenya keessaa bahu qaban irraa walittti dhufee uumama.
-Albuudonni akka Kaalshiyeemii, Ookzaaleetii fi Yuurik aasidii jedhaman fincaan keessatti baay’achuun, akkasumas wantoonni isaan akka hin walitti qabamuun hin ijaaramne ittisan xiqqaachuun, cirracha kalee uumuu danda’a.

- Cirrachi kun ujummoo fincaanii keessatti kalee irraa kaasee hanga afuuffee fincaanii keessa uumamuu danda’a; kalee tokko qofaa ykn kalee lachuu irrattis mul’achuu mala.

-Akaakuu cirracha kalee kun albuuda irraa ijaarame irratti hundaa’uun gosa adda addaa qaba.
-Sababni uumama cirracha kalee tokko qofa ta’uu dhabuus mala, garuu wantoonni akka bishaan gahaa dhuguu dhabuu, nyaata ashaboo fi pirootinii baay’ee qabu fayyadamuun, maatii dhihoo keessa namni dhukkuba kana qabu jiraachuun, tajaajila baqaqsanii yaaluu kana dura yoo hojjatame ykn dhukkuba garaacha fi mar’imaan miidhu, ulfaatinna guddaa qabaachuunii fi infeekshiinii ujummoo fincaanii carraa cirracha kalee uumamuu ni dabalu.

-Mallattooleen cirracha kalee yeroo tokko tokko ifa ta’uu dhabuus mala, garuu yoo cirrachi sun socho’e, mallattoolee akka dhukkubbiin hamaa naannoo kalee irra ykn dugdaatti dhagahamu, gara qaama wolhormaataallee walumaan ykn garaa gara gadii dhukkubuu, fincaan gubuu, fincaan diimachuu, fincaan foolii ajayaa qabaachuu, lollooccessuu fi haqqisiisuu, akkasumas hoo’i qaamaa dabaluun mul’achuu danda’u yoo infekshiniin jiraate. Mallattoolee kana qabaachuun cirracha kalee qabaachuu agarsiisuu mala, garuu mallattoo tokko qofa irratti hunda’uun murteessuun hin danda’amu. Cirrachi kalee yeroo dheeraaf yoo qaama keessa ture, miidhaa akka infeekshiinii dhiiga guutuu, kaleen madooytee dalagaa dadhabuu fi faayidaa dhabuu fida.

-Cirracha kalee ofirraa Ittisuuf, guyyaa guyyaan bishaan litirii lamaa fi isaa ol dhuguun, nyaata ashaboo fi sukkara baay’ate irraa of qusachuun, ulfaatina hirdhisuu, qorannoo dhiigaa fi fincaanii akkasumas raajii fi altiraasawuudii dalagsiisuu barbaachisaa dha. Cirrachi baay’ee xiqqaa yoo ta’e, bishaan gahaa dhuguun ofumaan bahuu danda’a; yeroo inni bahuuf deemu dhukkubbiin yoo dhagahame, qoricha dhukkubbii wayyeessu (Antipain) fayyadamuun ni gorfama. Yaalli cirracha kalee hamma/hanga cirracha saniifi iddoo inni itti argamu, akkasumas mallatoo ykn rakkoo innii hordofsiisaa/fidaa jiru irratti hunda'uun caarallaa sagaleetiin ykn Opireeshinii garagaraatiin yaalamuu danda'a.

FAYYAA TAHAA
Dr.Obsa

That moment when you're just starting your shift and the Devil decides to Greet You....
25/10/2026

That moment when you're just starting your shift and the Devil decides to Greet You....

24/10/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! MohammedAmin Abdurezak Ahimed, Abdee Man, Sharaf Jamaal, Misbay Mohammd, Ibrahim Jiyed, Mullis A Gada, Jon Bigger

HIRQAANFUU (Hiccups )*******************Hirqinfuun mallattoo jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti nu mudatunkeessaa t...
24/10/2026

HIRQAANFUU (Hiccups )
*******************
Hirqinfuun mallattoo jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti nu mudatunkeessaa tokko . Innis miiraa hin taane namatti akka dhaga'amu godhuurra darbee nama biratti gaafa tahu miira hin taane uumuu danda'a.

SABABOOTA HIRQINFUU
************************
Walumaagalatti hirqinfuun kan uumamu sababa maashaa hargansuu kan tahe diyaafiraamii jedhamu kan daangaa qooma keenya fi garaa tahee argamu fedhii malee kottoonfachuutin dha.

SABABOOTA HIRQINFUU fidan:
*Dhukkuba garaachaa
*Garaachi afuufamuu fkn nyaatan ,alkoolii fi qilleensaan
*Alkoolii ykn tamboo bayyisanii yeroo tokko fayyadamuu
*Rakkoo sammuu keessatti uumamu kanneen akka rakkoo dhalootaa , kansarii sammuu fi kkf
*Infeekshii sammuu
*Rukuttaa ykn balaa mataa irra gahu
*Infeekshinii naannoo maashaa diyafiraamii jiru kamiyyuu fi kkf

HUBADHAA: Hirqinfuun garri caalu kunis 90% ol kan yeroo muraasaa turuu, ofumaan dhiisuu fi yaala kamiyyuu kan hin barbaachifneedha. Garuu kan yeroo bayyee deddeebi'u fi dafee hin dhaabbanne akkasumas mallattoolee garabiraan waliin dabalatee qaba yoo tahe gara mana yaalaa deemanii ilaalamuun gaariidha.
Hirqinfuu dhabbachuu diduu fi irra dedeebiin muudatu mallattoo dhukkuba cimaas ta'uu danda'a.

AKKAMITTI DHAABUU DANDEENYA?

1.Qilleensa keessan keessatti qabachuun yeroo sadi hancufa liqimsuu
2.Bishaan dafanii itti dhuguu
3.Jilba keenya lamaan laphee keenyatti qabuun daqiiqaa lamaaf haammachuu fa'a .
Kanaan didee yeroo dheeraaf turee jennaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.

FAYYAA TAHAA
Dr.Obsa

Dhibee Iitahuu xannacha piroosteetii( Benign prostetic Hypertrophy or BPH)=======================•Xannachi Pirosteetii  ...
23/10/2026

Dhibee Iitahuu xannacha piroosteetii
( Benign prostetic Hypertrophy or BPH)
=======================
•Xannachi Pirosteetii -xannacha bakka ujummoon fincaanii( urethra) itti afuuffee fincaanii( urinary bladder) irraa eegalutti gamaa hundaan itti marsee argamu yoo ta’u, fincaan karaa tuubboo fincaanii yuureetiraa jedhamuun yoo bahu isa keessa darbee alatti baha. Faayidan isaa dhangala'aa ' semen ' ykn xaraana jedhamu kan sanyii kormaa( s***m) waliin bahu gadi lakkisuudha.
- Dhibeen BPH jedhamu yeroo xannachi kun dhiirota umriin isanii deeme ( yeroo baayyee waggaa 50 ol) irratti sababa jijjiirama hoormooniitiin iitahuun tuubboo fincaanii kanarratti dhiibbaa uumuun( dhiphisuun) fincaan salphaatti akka hin dabarre gufuu itti tahu kan dhufuudha.
• Rakkoon kun dhiirota qofa irratti mul’ata. Sababni isaas xannacha kana kan qabu dhiirota qofa.

• Dhiirota 5 keessaa yoo xiqqaate 3 irratti akkuma umuriin isaanii dabalaa deemuun ni mul’ata, keessumaa umurii waggaa 50 booda.
• Yeroo kana Fincaan ujummoo fincaanii keessaa akka hin darbine taasisa. Kunis ujummoo fincaanii, afuuffee fincaanii fi kalee irratti rakkoo fiduu danda’a.


• Fincaan dafee dafee nama qabuu ( urinary frequency)
• Fincaan nama sarduu/ mudduu( ariifachiisuu) -urgency
• Erga Fincaanan booda dhidhimmisaa tura
• Halkan keessa deddeebiin fincaan hirriibaa nama kaasuu( nocturia)
• Guutummaatti fincaan irraa bahuu diduu
• Infeekshinii ujummoo fincaanii
• Fincaan baasuuf rakkachuu fi akkasuma fincaan jalqabuuf eega mana fincaanii seenan booda ittanuu barbaacjisuu
•fincaan yeroo bahu( yaa'u) humna hin qabu ykn qal'atee yaa'uu ( week stream)...bishaan bombaa kan humna dhabeen "akka fincaan jaarsaati" kan jedhan sun kanarraahi😁😁

• Dhiiga fincaan keessatti argamuu fa'a.
• Yoo kaleerra miidhaa fide qaama iteysuu illee mala

kanaaf sababni guddaan Umriidha ,dhiirota umriin deeman ykn jaarsolee jechuudha . Haa ta’u malee, wantootni rakkoon fincaaniin walqabatu kun akka jalqabu ykn yoo jalqabee jiraate akka itti hammaatu godhan.

• maatiin dhukkuba kana qaba yoo ture( family history)
• Dhibee sukkaaraa
•alkoolii dhuguu
• Qorichoota dhibee garagaraaf kennaman
• Furdina garmalee.
• fincaan tursiisanii fincaanuu fi kkf

'AANSA
• Akka sadarkaa isaatti yaalama.
1. Akkaataa jireenyaa sirreessuun
- buna dhuguudhiisuu
- Alkoolii dhiisuy
- Fincaan yeroo nama qabe dafanii fincaanuu
- qorichoota dhibee kana namatti hammeessaan fudhachuu dhabuu

2. Qorichaan
3. Baqaqsanii yaaluudhaan

# Dhibeen kun yoo hin yaalamne rakkoolee asii gadii namatti fiduu danda'a
• Fincaan baasuu dadhabuu( Acute urine retention)
• Infeekshinii ujummoo fincaanii ( UTI)
• Ujummoo fincaanii keessatti cirrachi uumamuu
• Miidhaa ujummoo fincaanii fi
• Miidhaa kalee.

FAYYAA TAHAA
Dr.Obsa

JUMA'AA GAARII QABAADHAA MEE
23/10/2026

JUMA'AA GAARII QABAADHAA MEE

21/10/2026

"Humanity has but three great enemy:fever,famine and war;of these by far the greatest,by far the most terrible,is fever" William osler

GORSA DAHUMSA BOODAANyaataDa’umsa booda nyaata qaama ijaaru nyaachuun waan jajjabeeffamu, kuduraalee fi muduraalee dabal...
17/10/2026

GORSA DAHUMSA BOODAA

Nyaata
Da’umsa booda nyaata qaama ijaaru nyaachuun waan jajjabeeffamu, kuduraalee fi muduraalee dabalatee. Ammoo nyaata cooma, zaayitiifi soogiddi itti baayyate Rakkoo fayyaa fiduu waan danda'uuf of eeggannoo gochuun gaariidha.
Yoo oporeeshinaan deesse ta’e, fooniifi aannan fayyadamuun madaan akka hin fayyine taasisa jechuun hawaasa tokko tokko keessatti yaada dogoggoraa waan ta’eef, doktora baqaqsanii hodhuu kana raawwate gaafachuun barbaachisa.

Beellama
Hordoffiin dahumsa boodas itti fufa waan ta'eef, guyyaa 7ffaa fi 45ffaa bakka itti deessetti siifi daa'ima kee geessuu qabda.

sochii qaamaa
Hawaasa hedduu keessatti dubartiin amma deesse mana keessatti kan akka baatu hin gorfamu , Kuni immoo sirrii miti . sochii qaamaa yeroo hunda mana keessatti,akkasuma gadi baatee qilleensaa fi ifa aduu argachuun barbaachisaadha.

Akkasitti mana keessa turuun rakkoolee akka Dhiigni itituu, infekshinii garagaraaf, lafeen laaffachuu , goggoga garaatiif saaxiluu mala.

Hamma isiif mijatutti fi yeroo tokko tokko akka sochootu jajjabeessuun barbaachisaadha.

Qulqullina Qaamaa
Haati gadameessaan deesse guyyuma deesse san dhiqachuu dandeessi.
yoo baqaqsanii hodhuun deesse sa'aatii 72 booda dhiqachuu dandeessi.

Qulqullina madaa qaama saalaa
Qaama saalaa irratti baqaqsanii hodhuun xiqqaan ( episiotomy) yoo jiraate gara guyyaa 10f guyyaatti si’a 4-6 bishaan ho’aan dhiquu qabdi.

Soogidda , akkasumas wantoota aadaa biroo hakiimni hin ajajne itti iddo madaa san dibachuu irraa of eeggadhaa, sababiin isaas infekshiniif isin saaxila waan taheef .

wal qunnamtii saalaa
Erga da’umsa booda madaan, dhiita’uun fi kulkulli qaamota walhormaataa yoo fayye fi fedhii walqunnamtii saalaa yoo qabaatte walqunnamtiin saalaa hin dhorkamu. kun immoo torban 4-6 booda taha.

To'annoo Da'umsaa
Dubartiin tokko erga deessee guyyaa 45 eegaltee ulfa ta'uu dandeessi even san duraahuu ulfaa'uu dandeessi. Laguun kee dhufuu baatus carraan ulfaa'uu ni jira

Talaallii Daa'immanii
Daa'imni keessan talaallii hogguma dhalatu san kennamu fudhachuu isaa erga mirkaneessitee booda gara beellama itti aanutti deemuu hin dagatinaa .
Daa’imni keessan akkuma dhalateen, guyyaa 45tti, torban 10tti, torban 14tti, ji’a 6tti, ji’a 9tti talaallii fudhachuu akka qabu yaadadhaa .
Talaalliin kun dhukkuba pooliyoo, dhukkuba tiruu, somba, teetanasi, meningitis, fi dhukkuboota balaafamaa biroo irraa akka eegus yaadadhaa.

Daa'imni yoom dhiqama
Yoo daa'imni osoo hin gahin dhalate dhiquun ho'i qaama isaa keessaa akka bahu gochuu waan danda'uuf hamma ulfaatina gahaa argatutti waayipsiidhaan xaraguun gahaadha. Haa ta’u malee, yeroon isaa gahee yoo dhalate, erga dhalatee sa’aatii 24 booda kutaa ho’aa keessatti bishaan ho’aa dhaan dhiqamee, huccuu qulqulluudhaan gogsinee, hammannee ho'isuu qabna.

Harmaa fi Nyaata
Daa'imman sa'aatii itti dhaloote irraa kaasee hanga ji’a 6tti harma hoosisuun fayyaa fi guddina sirrii daa’imaa keessatti gahee olaanaa qaba. Bishaan obaasuu, dhadhaa arraabsisuufi sukkaara obaasuun hojii duubatti hafaa hin deeggaramne ta'uu beekuun ji'a 6f harma qofa hoosisuun amala haa godhannu.

Aduutti baasuu
Daa'imti erga dhalatee guyyaa 7-10 booda guyyaa hunda ifa aduutti baasuu qabda. Mucaa aduu ganamaaf daqiiqaa 30-40f osoo qaama isaa dibata hin dibin saaxiluun guddinaaf isa gargaara, Vitamin D argatee lafeen isaas akka jabaatu taasisa.

FAYYAA TAHAA

Dr.Obsa

Address

Dire Dawa

Telephone

+251928145900

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Obsa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Obsa:

Shortcuts

  • Want your practice to be the top-listed clinic?

Share