09/06/2026
Hafuu Marsaa Laguu (Amenorrhea)
Yeroo baay’ee, dubartoonni umurii walhormaataa keessa jiran (waggaa 15–49) gaafa marsaan laguu isaanii hafu, keessumaa ammoo yoo abbaa warraa isaanii waliin jiraatan, guutummaatti sababa ulfaa’aniif akka ta’e amanu. Kun garuu yeroo hunda dhugaadhaa?
Deebiin isaa: dhugaa miti!
Sababni isaas, ulfaa’uun alatti, marsaan laguu sababoota garaagaraatiin hafuu mala.
Mee akka fakkeenyaatti, muudannoo lafa hojii kootti na muudate tokko isiniif haa qoodu.
✍️ Dubartiin giddu-galeessaan umurii waggaa 27 taate tokko, marsaa laguu ji’oota 8f hin argin, kutaa yaala ariifachiisaa (Emergency Room) dhufte. Sababni isheen dhufteefis (chief complaint), “dhiigni gara qaama walhormaatan narraa dhangala’aa jira!” kan jedhu ture. Itti dabaltees, ulfa ji’a saddeetii garaatti baattee akka jirtu, erga heerumtee waggaa lama akka ta’e fi hordoffii yeroo ulfaa akka hin qabne naaf himte.
Nutis, dhiiguun yeroo ulfaa dahuumsaan dura muudatu (antepartum hemorrhage) mallattoolee yeroo ulfaa hamoo keessaa tokko waan ta’eef, atattamaan waan isheef barbaachisu erga goonee booda gara qorannoo qaamaa (physical examination)tti ceene. Achiinis, yeroo qorannoo garaa (abdominal examination) irra ga’u, wanti ani arge, waanan kana dura baradhe irraa adda ture.
Yeroon harka koo garaa haadha kanaa irra kaa’u, garaan ishee natti lallaafaa ture. Jechuunis, miciree ulfaa osoo hin taane, waan akka dhangala’aan guutame fakkaata ture. Wanti isheen natti himte fi wanti ani qorannoo qaamaa irratti arge wal hin simne waan ta’eef, anis dafee gara qorannoo laaboraatoorii (laboratory) fi ultraasoondii (ultrasound) erge.
Yeroo bu’aan qorannoo dhufes, haati kun ulfa akka hin taane mul’ise. Kana qofa osoo hin taane, bishaanichi garaa keessatti walitti qabame kan ture sababa kalladoo oovaarii (ovarian tumor) irraa akka ta’e agarsiisa.
Kun ana baay’ee na rifachiise. Sababni isaas, isheenis ta’e maatiin ishee, “ilmoo arganna!” jechuun gammachuudhaan ishee waliin gara hospitaalaa dhufanii turan; kanaafuu, bu’aa qorannoo akkanaa fudhachuuf qophaa’oo hin turre.
ERGAA (MESSAGE)
Kanaafuu, marsaan laguu hafuun sababa hedduudhaan ta’uu danda’a. Waanuma tokko qofa jechuun murteessuun sirrii miti. Keessumaa dubartoota umurii walhormaataa keessa jiraniif, hordoffiin yeroo ulfaa hangam barbaachisaa fi murteessaa akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.
“Sababoonni hafuu marsaa laguu maal fa’i?” kan jedhuuf kutaa itti aanu keessatti walitti deebina.
Fayyaa hin dhabinaa!
Dr Abdi Adugna(MD)
Odeeffannoo fayyaa argachuuf gara link armaan gadii kanaan miseensa ta'a.
https://t.me/drabdiadugna