10/01/2026
🩺 DUULA TAJAAJILA BAQAAQSANII YAALUU GARA HAWAASAATTI
📍 —BUUFATA FAYYAA BOKKO
Guyyaa 21/01/2019 Aanaa Faadis, Buufata Fayyaa Bokkootti, gareen ogeessota fayyaa Hospitaala Midhagaa Tolaa, (General Surgery Specialist) durfamuun, duula tajaajila baqaqsanii yaaluu gaggeesseera.
Duula kana keessatti sakatta’iinsi Altraasaawundii (Ultrasound Screening) fi baqaqsanii yaaluu xixiqqaa (Minor Surgery) garaagaraa hojjetamee Jira.
Duulli kun tajaajila fayyaa barbaachisaa ta’e gara hawaasaatti dhiyeessuun, uummanni tajaajila barbaadu bakka isaatti akka argatu taasisuuf kan qophaa’edha.
Hoggansi Hospitaala Midhagaa Tolaa, , ogeessota fayyaa hospitaalichaa fi buufataalee fayyaa waliin qindoominaan hojjechuun, tajaajila fayyaa hawaasaaf kennamu cimsaa jira.
🔹 Buufata Fayyaa Bokkootti tajaajilli baqaqsanii yaaluu xixiqqaa jalqabsiifameera.
Tarkaanfiin kun kallattii Mootummaa fi Biiroo Fayyaa Oromiyaa hordofuun, tajaajila fayyaa qulqulluu fi nageenya qabu gara hawaasaatti dhiyeessuu, akkasumas Dhaqqabummaa tajaajila fayyaa cimsuuf kan taasifamedha.
📢 Ummata keenyaaf:
Tajaajila fayyaa argachuuf fagoo deemuun isin hin barbaachisu. Tajaajila barbaaddan gara keessanitti dhiyeessaa jirra.
👉 Kottaa, tajaajila fayyaa Hospitaala Midhagaa Tolaa irraa fayyadamaa.
💚 Hospitaala Midhagaa Tolaa — Tajaajila Fayyaa Gara Hawaasaatti!