18/11/2026
Koonfiraansii Hundeeffama dhaabbata gargaarsaa "Faawundeeshiinii Masarat Taayyee/ የመሰረት ታዬ ፈውንዴሺን ተራድኦ ድርጅት ምስረታ ኮንፈረንስ/The Meseret Taye Foundation launching conference.
Guyyaa 1ffaa/ 1ኛ ቀን/ Dby 1
====== Hiyyeessa Gargaaruu/ ድኾችን መርዳት/ Helping the poor ======
✍️ Waaqayyo abbaan jaalala guddaa ilmaan namootaatiif qabu irraa kan ka’e tokkicha ilma isaa dabarsee nuuf kenne.
📖Yoh. 3:16 "Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”
✍️ Dhimmi Waaqayyoo yeroo hunda waa’ee nagadaa ykn qonnaa( akka dhalli namaa waan biraatti qabamu osoo hin taane ) waa’ee uumama dhala namaa yaada; kana irraa kan ka’edha kan inni ilma isaa erge.
✝️ Ilmi isaa immoo gaafa dhufu jaalala ilmaan namaa irraa kan ka’e lubbuu isaa dabarsee ilmaan namootaatiif kenne.
📖 1Yoh. 4:10 “Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.”
✍️ Waaqayyo ilma isaa tokkicha kan dabarsee kenneef, ilmi isaa immoo kan lubbuu isaa nuuf kenneef jaalala guddaadhaaf namaaf yaaduu irraa kan ka’edha.
✍️ Namoonni nama gargaaran baay’ee waan qabaataniif miti; sooromni isaaniis daangaa waan darbeef miti.
✍️ Namaaf yaaduun keessa hin jiru taanaan namni utuma qabuu nama hin gargaaru.
📖 Fak. 11:24 “Horii isaa kan asii fi achi bittimsu jira, kana keessaa immoo ittuma dabalamaafii in adeema; safara malee kan doqnoomu jira, kana keessaa immoo in hiyyooma;”
✍️ Namni waan qabuuf namaa kenna; waan dhabeef nama gargaaruu dhiisa.
✍️ Nama gargaaruun jaalalaa fi namaaf yaaduu irratti hundaa’a.
📖 Filp. 2:1 “Egaa karaa Kristos wal gorsuun, jaalala isaatiin wal jajjabeessuun, karaa hafuura qulqulluu tokkummaa qabaachuun, gara-laafinaan namaaf yaaduun nuuf kennameera.”
✍️ Bara hojii ergamootaa Waaqayyo isaan gidduutti waan guddaa hojjetaa ture; hojii aangoo fayyisuu guddaas argisiisa ture.
✍️ Jarris waan qaban fidanii walitti dabalanii hiyyeessota gargaaraa turani.
📖 HoE. 2:44-46 ⁴⁴ Kan amanan hundinuu walii wajjin iddoodhuma tokko turan, kan isaan qaban hundinuus qixxee ture.⁴⁵ Araddaa isaaniitii fi qabeenya isaanii gurguranii, horii isaas hundumaafuu, akka isa barbaachisetti in hiru turan. ⁴⁶ Guyyaa guyyaatti yaada tokkoon mana qulqullummaatti deddeebi'anii, manuma mana isaaniittis buddeena cabsatanii, gammachuudhaan, garaa qulqulluudhaanis nyaata isaanii waliin ga'anii in nyaatu turan.Jireenyi ergamootaa wangeela lallabuu,dhukkubsattoota fayyisuutti aanee hiyyeessota gargaaruu ture.
✍️Yeroo tokko hiyyeessota gargaaruu dagatanii hiyyeesotni gungummii kaasani.
📖 HoE. 6:1-2¹ Bara sana lakkoobsi warra Yesusitti amananii baay'atee, Yihudoonni warri afaan Giriikii dubbatan warra afaan Yihudootaa dubbatan irratti guunguman; kun immoo haadhotiin hiyyeessaa isaanii gargaarsa guyyaa guyyaatti in argatu kan turan, waan dagatamaniif ta'e. ² Yommus warri kudha lamaanuu tuuta amantootaa walitti waamanii, "Nuyi soora jara kanaaf kurkuruudhaaf jennee, dubbii Waaqayyoo lallabuutti hir'isuun nuuf hin ta'u.
✍️ Phaawuloos ergamaan gooftaa waggaa kudha afur booda warra akka utubaatti ilaalaman Yaaqoob, Pheexroosii fi Yohaannisii wajjin wal baruu fi Yeruusalaaimin dhufe.
✍️ Jarris kennaa naaf kennametti gammadanii gara warra seera dhaqna qabaa(dhaqna hin qabannee warra saba Waaqayyoo hin taane akka dhaqanu walii gale.)
✍️ Kanatti aansee hiyyeessota akka gargaarru kan isaan natti himan, anis kanan gochuuf dhama’u isuma kana jedhe.
📖 Gal. 2:9-10 ⁹ Akkasumas Yaaqoob, Phexrosii fi Yohannis, warri geggeessituu ta'anii akka utubootaatti ilaalaman, ayyaana anaaf kenname hubatanii hidhata ta'uu keenya argisiisuudhaaf harka wal qabanneerra; Baarnaabaasii fi ani gara warra saba Waaqayyoo hin ta'inii akka dhaqnu, isaanis gara warra seera dhagna-qabaa eeganii akka dhaqan waliif galleerra, ¹⁰ Isaan waa'ee hiyyeessota gargaaruu duwwaa akka yaadannu nutti dubbatan, anis immoo wanti ani gochuuf dhimmu isuma kana.Gochaa waaqayyoo waldoota maqadooniyaatti godhame akka beektan nan barbaada jedhe.
✍️ Rakkinni yoo baay’ee isin qoreyyuu baay’ee gammaddan; deegni yoo badduu isin baaseyyuu safara malee arjoomtani jedha.
✍️ Rakkina irra gahe caalaa gammachuu isaaniitu caala; deega isaanii caalaa arjummaa isaaniitu caala; Waa’ee jara kanaatiif Phaawuloos ofin jaja jedha.
📖 2Qor. 8:1-4¹ Yaa obboloota nana, gochaa ayyaana Waaqayyoo isa waldoota Kristiyaanaa biyya Maqedooniyaatiif raawwatame akka beektan in barbaadna. ² Rakkinni, baay'isee yoo isaan qore iyyuu safara malee gammadanii, deegni isaanii badduu baasa yoo ta'e iyyuu gargaarsa kennuudhaaf safara malee arjoomaniiru; ³ isaan jaalaluma isaaniitiin hamma humna isaanii, humna isaanii gararraattis kennuu isaanii dhugaa nan ba'aa; ⁴ Warra Waaqayyoof qulqullaa'an gargaaruuf, gochaa ayyaanaa kana keessaa akka hirmaataniif cimsanii nu kadhataniiru.Kiristaanonni hiyyummaa isaanii caalaa arjummaa isaaniitu caala.
✍️ Kiristoos badhaadhaa ta’ee utuu jiruu nu badhaasuuf jedhee deegaa ta’e.
📖 2Qor. 8:8-9 ⁸ Kana jechuun koos warri kaan attam akka dhimman argisiisuudhaan jaalalli keessan dhugaa ta'uu isaa qoruudhaaf malee, isin abboomuudhaaf miti. ⁹ Isinoo gaarummaa gooftaan keenya Yesus Kristos ayyaana isaatiin isiniif kenne hubattaniittu; inni badhaadhaa utuma jiruu deegaa ta'uu isaatiin isin badhaasuudhaaf isiniif jedhee deegaa ta'e.
======== BU’AAN HIYYEESOTA GARGAARUU MAALI? =========
⓵. Baankii Waaqayyoo keessa kaa’achuudha
✍️ Isaan dugda deebisuu hin danda’an; gatii isaanii Waaqayyotu deebisa.
✍️ Akka nama Waaqayyoof liqeessuutti gatii isaanii Waaqayyotu baasa
📖 Fak. 19:17 “Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa;”
✍️ Du’aa ka’uu qajeelotaatti gooftaan gatii keessan deebisa.
📖 Luq. 14:12-14 ¹² Yesus namicha nyaataaf isa waameenis immoo, "Irbaata yookiis cidha yommuu godhattu, fira kee yookiis obboloota kee yookiis aantii kee yookiis sooressota ollaa keetii hin waamin, isaanis immoo darabee isaanii si waamanii, gatii akka siif hin deebifnetti. ¹³ Ati garuu waamicha yommuu godhattu, warra waan nyaatan hin qabne, warra bu'aan dhagna isaanii hir'ate, warra naafatan, warra jaaman waami! ¹⁴ Ayyaana in argatta, isaan waan siif deebisan hin qaban; Waaqayyo garuu du'aa ka'uu warra qajeeltotaatti siif in deebisa" jedhe.
❷. Gatii isaa gooftaatu kaffala
📖 Far. 41:1-3 ¹ Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu! Waaqayyo guyyaa hamaatti isa in oolcha; ² Waaqayyo isa in eega, jireenyas in kennaaf; biyya keessattis "Isa gammade" in jedhama, yaa gooftaa ati, gojomii diinota isaatti dabarsitee isa hin kennitu. ³ Waaqayyo siree dhukkubaa irratti ol isa in qaba, fayyisees siree dhukkubaa irraa isa in kaasa.
✍️ Namni gaafa namaaf waa godhu galata eega(dugda baasii eega).
✝️ Isaanii kaffaluu hin danda’anii Waaqayyo garuu karaa hin beekamneen dugda baasaaf(gatii isaanii kaffalaaf)
⓷. Borii ofiif hundee gaarii kaa’achuudha
Wanti gaariin hojjennu hundinuu sanyiidha;gaaf tokko haammachuun keenya dirqamadha; Namni waanuma facaase haammata.
📖Gal. 6 ⁸ Namni akka yaada foon isaatiitti facaasu, yaada foon isaatii sana irraa badiisa in galfata; akka yaada hafuuraatti kan facaasu immoo yaada hafuuraa irraa jireenya bara baraa in galfata. ⁹ Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii ta'e gochuutti hin laafnu!
✍️ Yeroo isaatti galfachuuf waan jirruuf kottaa waan gaarii gochuutti hin laafnuu jedha.
✍️ Wanta Waaqayyo nutti kenne hundumaan boriif hundee gaarii haa kaa’annu
📖 1Xim. 6 ¹⁷ Warri amma biyya lafaa kanatti sooressota ta'an waan guddaa akka of hin seene, abdii isaaniis sooruma isa hin amansiifne irra akka hin kaa'anne isaan hubachiisi! Abdii isaanii Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay'isee nuuf kennu irra haa kaa'atan! ¹⁸ Wanta gaarii ta'e haa hojjetan, soorumni isaanii hojii gaarii isa isaan hojjetan haa ta'u! Haa arjooman, isa qaban warra kaaniinis haa ga'an! ¹⁹ Kanaan badhaadhummaa walitti qabatanii jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii in kaa'atu.
====== English Translation =====
✍️ Out of the great love God has for humankind, he gave us his one and only Son.
📖 John 3:16 "God so loved the world that he gave his one and only Son, so that everyone who believes in him may have eternal life and not perish!"
✍️ God's concern is always for the creation of human beings, not for trade or farming (as if people were held by something else). It was out of this concern that he sent his Son.
✝️ When his Son came, out of love for humankind he laid down his life for people.
📖 1 John 4:10 "We did not love God; but he loved us and sent his Son to be the atonement for our sins. This is what love is."**
✍️ God gave his one and only Son, and his Son gave his life for us, out of great love and care for people.
✍️ People help others not because they have a lot, nor because their wealth has passed some limit.
✍️ If there is no care for people, a person can have wealth and still not help anyone.
📖 Prov. 11:24 "There is one who scatters his wealth here and there, and yet it keeps increasing; there is one who holds back beyond measure, and yet becomes poor."
✍️ A person gives because of what he has; he stops helping because of what he lacks.
✍️ Helping others is based on love and care for people.
📖 Phil. 2:1 "So, through Christ there is mutual counsel, encouragement by his love, unity through the Holy Spirit, and compassion and care for others given to us."
✍️ In the time of the apostles, God was doing great things among them; they also showed great works of healing authority.
✍️ They brought what they had, pooled it together, and helped the poor.
📖 Acts 2:44-46 ⁴⁴ All who believed were together in one place, and everything they had was held in common. ⁴⁵ They sold their property and possessions, and distributed everything to each one as they had need. ⁴⁶ Day by day they went to the temple together with one mind, broke bread in their homes, and shared their food with joy and sincere hearts. The life of the apostles was to preach the gospel and heal the sick, and then help the poor.
✍️ At one point they neglected to help the poor, and the poor began to complain.
📖 Acts 6:1-2 ¹ At that time, as the number of those who believed in Jesus grew, the Greek-speaking Jews complained against the Hebrew-speaking Jews; this was because their poor widows, who received help daily, were being neglected. ² So the twelve called the assembly of believers together and said, "It is not right for us to cut back on preaching God's word in order to serve meals for these people."
✍️ Fourteen years later, Paul the apostle came to Jerusalem to get to know James, Peter, and John, who were regarded as pillars.
✍️ They rejoiced at the grace given to me and agreed that we would go to the uncircumcised (it was agreed that we would go to those who were not God's people).
✍️ After that, they told me to help the poor, and I was eager to do just that, he said.
📖 Gal. 2:9-10 ⁹ Also James, Peter, and John, who were leaders regarded as pillars, recognized the grace given to me and extended the hand of fellowship to show that we are bound together; it was agreed that Barnabas and I would go to those who are not God's people, and they to the circumcised. ¹⁰ They asked only that we remember the poor, and that is the very thing I was eager to do. I want you to know the work God did among the churches of Macedonia, he said.**
✍️ Even when hardship tested them greatly, they rejoiced greatly; even when poverty brought them low, they were boundlessly generous, it says.
✍️ Their joy was greater than the hardship that came upon them, and their generosity was greater than their poverty. This is why Paul boasts about them.
📖 2 Cor. 8:1-4 ¹ Brothers, we want you to know about the grace of God given to the Christian churches of Macedonia. ² Although hardship tested them greatly, they rejoiced beyond measure, and although poverty brought them low, they were boundlessly generous in giving help; ³ I testify that out of their love they gave according to their ability, and even beyond their ability; ⁴ they urgently begged us for the favor of sharing in this work of grace, helping those set apart for God. Christians' generosity was greater than their poverty.**
✍️ Though Christ was rich, he became poor so that he might make us rich.
📖 2 Cor8 ⁸ I do not say this to command you, but to test the genuineness of your love by showing how others are in need. ⁹ You know the kindness of our Lord Jesus Christ, who by his grace gave to you; though he was rich, he became poor for your sake, so that he might make you rich.
❓WHAT ARE THE BENEFITS OF HELPING THE POOR? =========
⓵. Depositing in God's bank
✍️ They cannot pay you back; God will repay what is owed them.
✍️ It is like lending to God; God pays their price.
📖 Prov. 19:17 "Whoever is kind to the poor is like one lending to God; and God will repay him for it."
✍️ At the resurrection of the righteous, the Lord will repay you.
📖 Luke 14:12-14 ¹² Jesus said to the man who had invited him to the meal, "When you hold a lunch or a banquet, do not invite your friends, your brothers, your aunts, or your wealthy neighbors, since they will invite you in return and repay you. ¹³ But when you hold a feast, invite those who have nothing to eat, the maimed, the lame, the blind! ¹⁴ You will be blessed; they have nothing with which to repay you, but God will repay you at the resurrection of the righteous."
❷. The Lord pays the price
📖 Ps. 41:1-3 ¹ Blessed is the one who considers the weak! God will deliver him in the day of trouble; ² God will protect him and give him life; in the land he will be called "the happy one." O Lord, you will not hand him over to the will of his enemies. ³ God will sustain him on his sickbed and raise him up from his bed of illness.**
✍️ A person who does something for someone expects thanks (expects repayment).
✝️ They cannot repay, but God repays (pays their price) in ways they do not know.
⓷. Laying a good foundation for tomorrow
✍️ Everything good we do is a seed; there will surely be a harvest one day. A person reaps what he sows.
📖 Gal. 6 ⁸ Whoever sows according to the desire of his flesh will reap destruction from the flesh; whoever sows according to the Spirit will reap eternal life from the Spirit. ⁹ Since we will reap at the proper time if we do not lose strength, let us not grow weary of doing good!**
✍️ It says: because we will reap in due time, let us not grow weary of doing good.
✍️ Let us lay a good foundation for tomorrow with everything God has given us.
📖 1 Tim. 6 ¹⁷ Instruct those who are rich in this present world not to be arrogant, and not to set their hope on riches, which cannot be trusted, but to set their hope on God, who gives us everything in abundance for our enjoyment! ¹⁸ Let them do good, and let their riches be good works! Let them be generous and share with others, ¹⁹ and in this way store up a treasure, a good foundation for the coming age, so that they may take hold of the true life.